Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haala Miniisootaa keessa jiru mootummaan 'ni qabbaneessa' -Tiraamp
Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp bulchiinsi isaanii haala Miniisootaa keessa jiru ''hanga tahe ni qabbaneessa'' jedhan.
Kunis lammiileen Ameerikaa lama humnoota seera raawwachiiftuu federaalaan ajjeefamuun boodadha.
Af-gaaffii Wiixata Fooks Niiwusiif kennaniin ''jala muraan dubbii, waan tahe lamaanuu hamaa dha,'' jedhan.
Baatii kana gara jalqabaa dubartiin Renee Guud jedhamtu qondaalota immigireeshiniin yoo ajjeefamtu narsiin Aleeks Pireetii jedhamu ammoo humnoota daangaa kabachiisanii torbee darbe ajjeefameera.
Ajjeechaan Pireetii dheekkamsaa hawaasaa kaasuun dabalataan paartilee lameen irraa qeeqni isa mudateera. Haasaan Tiraamp boodana taasisaa jiran ammoo bulchiinsi isaanii oppireeshinii Miniisootaa duubatti deebisaa jiraachuu agarsiisa.
Gaafa Wiixataa Waajjirri Nageenyaa Biyya Keessaa ergama Miniisootaa nama hogganaa ture Giriigoorii Boovinoo aangooorraa kaaseera.
Bakka isaa ammoo nama ''mootii daangaa'' jedhamu Toom Hoomaan kan ramade yoo tahu, innis torbee kana qondaalota Miniisootaa waliin akka wal argu eegamaa ture.
Toom Hoomaan Kibxata har'aa bulchaa Miniisootaa Tiim Waalz fi kantiibaa Miniiyaappooliis waliin walarguu himeera.
Tiraamp Ayoowaatti hiriirri geggeefamuun dura ajjeechaa narsii Pireetii jedhamu ''carraa hamaa'' jechuun ibsan.
Pireetiin ''shororkeessaa biyya keessaati,'' jedhamee waamamuun sirrii tahuu yoo gaafataman ''isa hin dhageenye,'' jedhan.
Dabaluunis Tiraamp, namichi ''qawwee qabachuu hin qabu ture,'' jedhan.
Hoggantuun Waajira Nageenyaa Biyya Keessaa, Kiristii Noom Pireetiin ''qawwee mirmirsaa,'' ture jettullee aangowoonni naannoo garuu qawweensaa kan seeraan galmaa'eefi erga irraa fudhatameen booda dha kan itti dhukaafame jedhan.
Humnooti immigireeshinii meeshaa waraanaa irraa fuudhuuf yeroo yaalan waan didaa tureef ofirraa ittisuuf itti dhukaasan jedhe Humni Nageenyaa Biyya keessaa.
Namoonni ijaan argan garuu bibila malee qawwee harkaa hin qabu ture jedhan.
''Inni karaa nagaa qabeessa taheen mormiif bahe osoo hin taane hokkora uumuufi,'' jette Kiristii Noom. ''Shororkeessaa biyya keessaatis,'' jechuun Pireetii himatte.
Minisootaatti namoonni lama ajjeefamuun booda dheekkamsi hammaachuun humnooti immigireeshinii 3,000 tahan akka bahan gaafatamaa jira.
Tiraamp tarkaanfii Miniisootaatti adeemaa jiruun ''yakkamtoota kumaatamaan lakkaa'aman,'' baasnerra jedhan.
''Amma Toom Hoomaan achi waan jiruuf,waan hundi akka gaariitti adeemaa jira,'' jechuun booda mootummaan dubbii ''qabbaneessaa'' jiraachuu himan.