Namichi namoota seeraan ala daddabarsu Itoophiyaan dabarsitee kennite Neezerladitti adabame

Lammii Ertiraa Teweldee Goyitom jedhamu waggaa sadii dura Itoophiyaan Neezerlaanditti dabarsitee kennite namoota seeraan ala daddabarsuun hidhaa waggaa 20'n adabame.

Manni-murtii dhimmicha ilaale namni kuniifi warri isa waliin hojjetan godaantotarra gochawwan "gara-jabinaa, humnaan guutame fi nameenyaa namaa salphisu" raawwataniiru jedhe.

Manni-murtichaa maqaa Amaanu'eel Waalid kan beekamu nama umuriin isaa waggaa 42 ta'e Teweldee Goyitom irratti murtii kan dabarse Kibxata Amajji 27, 2026 ture.

Manni-murtichaa murtee balleessaa kan dabarse, namni kun godaantonni karaa Galaana Mediteraaniyaaniirra qaxxaamuranii Awurooppaa seenuuf carraaqan kan gidirsuufi maatii isaanii Neezerlaandi jiranirraa maallaqa fudhachuun gocha yakkaa gaggeessaa turuun waan mirkanaa'eefidha.

Teweldeen seeraan ala namoota daddabarsuutiin yeroo itti murtaa'u kun yeroo jalqabaatiif miti.

Himatawwan wal fakkaatan shaniin Itoophiyaa keessatti yakkamaa ta'ee hidhaan waggaa 18 itti murtaa'ee ture. A L I bara 2015 ammo Nezerlaanditti dabarfamee kenname.

Teweldeen, mana-murtii Neezerlaandi keessatti adeemsa murtii turerratti neetiwoorkii hamaa namoota seeraan ala daadabarsanii raga-baatonni ibsan kan hogganu isa akka hin taane ibsuun falmeera.

Gareen neetiwoorkiin yakkaa godaantota Liibiyaarraa gara Awurooppaa, achii ammoo gara kolu-galtummaa itti gaafatan Nezerlaanditti imalaa turan.

Manni-murtichaa dhimmicha ilaale garuu ittisa himatamaa kufaa godheera.

Neetiwoorkii namni kun gaggeessuun godaantonni butaman kaampii Liibiyaa keessa jiru keessa turuu isaanii, akkasumas maatii isaaniitti bilbilanii maallaqa akka ergisiisan dirqisiifamuu manni-murtichaa ibseera.

"Maallaqni ittiin gara Awurooppaatti darban yoo kaffalame qofa ture godaantonni kaampii sana keessaa bahanii imala isaanii akka itti fufuan kan hayyamamuuf," jechuun ibsaniiru.

Daanyaan olaanaa Reenee Meelaard, amala yakkoota raawwatamaniifi bal'ina isaarraa kan ka'een dhimmichi, "haala adda ta'een baayyee cimaa" akka ta'e dubbachuu Assoosheetid Pirees gabaaseera.

"Karaa tokkoon imaammanni immigireeshinii Neezerlaandi fi Awurooppaa baayyee waan cabeef, garaa biraa ammoo, keessumaa atiifi warri si waliin hojjetan gocha gara-jabinaafi nama salphisu godaantotarratti raawwattan," jechuun dhimmicha cimaa sababoota taasisan eeraniiru.

Itti-dabaluun, "namoota dadhaboofi gargaarsa hin qabne biroo jireenya fooyya'aa barbaadanirraa maallaqa saamuuf jecha, gochi keessan haaraara kan hin qabne, sammuu kan hin qabneefidhala namaatiif kabajaafi dantaan kan hin qabne turtan," jedheera.

Gochawwan kanneeniin yakkamaa kan jedhame Teweldee Goyitom, hidhaa waggaa 20 dabalatee beenyaa dolaara 35,000 akka kaffalu itti murtaa'eera. Murtii darberratti ol iyyannoo dhiyeessuuf torban lama akka qabu ibsameera.

Manni-murii Yakkamtoota Addunyaa fuula X isaarratti ergaa maxxanseen, murtee kennameen gammaduu isaa ibseera.

Gareen mirga godaantotaaf falman sadiis ibsa waloo baasaniin murtee sana akka fudhatan beeksisaniiru.

Namni kun, adda durummaan kaampii namoota keessatti ugguran Baanii Waald jedhamu Liibiyaatti argamu neetiwoorkii yakkaa hogganaa akka ture kan yaadatan gareen kunneen, warra miidhaan irra gahaa ture keessaa garri caalan Ertiraanota akka ta'aniifi lammileen biyyoota Afrikaa bahaas akka keessatti argaman ibsaniiru.

Adeemsi murtii Teweldee hanga ammaa osoo murtee hin argatiin kan tureef sababa nama isa waliin hojjeta jedhamee ibsame Kidaanee Zakkaariyaas Habtemaariyaam jedhamuuti.

Kidaanee Zakkaariyaas Habtemaariyaam Itoophiyaa keessatti adeemsi murtii isaa ilaalamaa osoo jiruu miliqee biyyaa bahee ture. Haata'u malee, Itoophiyaa keessatti yakka namoota seeraan ala daddabarsuutiin bakka hin jirretti hidhaan umurii guutuu itti murtaa'eera.

Addunyaa kanarratti yakkamaa seeraan ala namoota daddabarsu eenyuun olitti barbaadamu kan ta'e Kidaaneen, Mudde darbe keessa Yunaayitid Arab Emireetis irraa Neezerlaandisitti dabarfamee kennameera. Yeroo dhiyoo keessattis adeemsi murtii isaa ni jalqaba jedhamee eegama.

Namoonni lamaan dhimmi isaanii Neezerlaandis keessatti ilaalamaa kan jiruuf, abbootiin alangaa yakkawwan isaan raawwatan jedhaman keessaa hangi tokko kan raawwataman biyyattii keessatti ta'uu ibsuu isaaniitiinidha.

Keessumaa firoonni godaantotaa Neezerlaandis keessa jiran daddabarsitoota kanneeniin maallaqa guddaa akka kaffalan dirqisiifamaa akka turan abbaan alangaa himeera.

Abokaatoon Teweldee gamasaatiin dhimmichi, "Neezerlaandis waliin walitti dhufeenya ifa ta'e hin qabu" jechuun falmeera.

Manni-murtichaa garuu falmii isaanii kuffiisuun namoota daddabarsuufi saamichaan yakkamoodha jedheera.