Dhimmi naannolee Yukireen afran fottoqfachuu, kan mariif dhiyaatu miti- Putiin

Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin naannolee daangaa Yukireen keessa jiran afran- Luhaanisk, Doonesk, Zaapporeezhiyaa fi Keersan Raashiyaa jala galchuun dhimma marii yookiin jaarsummaaf dhiyaatu miti jedhan.

Pireezidant Putiin naanolee kunneen Yukireen irraa fottoqsuu ilaalchisuun wayita haasaa taasisan, warra lixaa cimsanii balaaleffatan.

Putiin erga haasaa isaanii xumuranii booda, qondaaltonni Raashiyaan naannolee fottoqfaman akka hooggananiif muudde sanada waliigaltee mallatteessaniiru.

Sirna waliigaltee mallatteessuu kanarratti Pireezidant Putiinis argamuun, warra kaanirraa fagaatanii taa'anii, wayita isaanis sanada kana mallatteessan mul'ataniiru.

Sirni sanada mallatteessuu kun wayita goolabamu hirmaattonni sirnichaa, qondaaltota naannolee Raashiyaan of jala galchuuf murteessite akka hooggananiif filataman harka walitti rukutuun simatan.

Haalli kun kan waggaa saddeet dura, wayita Raashiyaan naannoo Kibba Yukireenitti argamtu Kireemiyaa fottoqfatte tureen walfakkaata.

Raashiyaan naannolee afran kunneen of jala galchuuf kan murteessite Yukireen weeraratee ji'oota torba boodadha.

Rakkoo sababa hanqina boba'aan Awurooppaa mudateef Raashiyaan hin komatamtu kan jedhan Putiin, dubbiin akka walxaxu kan taasise warra lixaa- US fi Biriteen jedhan.

Warri Biriteen sararri ujummoo boba'aa guddichi gara biyyoota Awurooppaa geessu- Nord Stream akka haleelamee cabuun gara galaana Balkaan dhangala'u taasisan jedhan Putiin.

Putiin hammeenya loltoota US fi Nato kaasuun guddoo dubbatan.

Warri lixaa ofittoodha kan jedhan Putiin, kaayyoonsaanii Raashiyaa balleessuu yookiin koloneeffachuudha jedhan.

''Hawaasa walaba taanee akka jiraannu hin fedhan. Garboota isaanii taanee akka turru barbaadu.''

''Biyyi dureettiin akka Raashiyaa kun akka jiraattu hin barbaadan,'' jedhan.

Naannolee afran fottoqfachuun waan hin oolleedha kan jedhan Putiin, kanaaf warri Yukireen dhukaasa dhaabanii haasaa jaarsummaa jalqabuu qabu jedhan.

Lammiileen Luhaanisk, Doonesk, Zapporeezhiyaa fi Keersan hireesaanii murteeffataniiru kan jedhan Putiin, ''dhimma kanarratti eenyullee dubbatee of duuba deebisuu hin danda'u,'' jedhan.

Odeessalee dabalataa: