Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan bulchiinsota Yukireen afur ofitti makuufi
Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin guyyaa Jimaataa bulchiinsotni afur Yukireen irraa citanii Raashiyaatti makamuu isaanii mirkaneessu jedhamee eegama.
Bulchiisnotni kunnin weerara Raashiyaan Yukireen irratti banteen walqabatee kanneen dursanii harka humnoota Raashiyaa turaniifi Raashiyaan uummata kootu keessa jiraataa jechuun eeggannoo isaanii gochuufin qabadha jettu dha.
Buulchiinsota kana keessa guyyoota darban rifarandamiin uummataa qaama Yukireen ta'anii itti fufuu ykn ammoo qaama Raashiyaa ta'uurratti murteessu gaggeefamaa ture.
Yukireeniifi michootni ishee warri Lixaa riifarandamichi uumata sodaachisuufi humnaan gaggeefame jechuun balaaleffatan.
Bulchiinsota kana keessatti hooggansi Raashiyaan keesse adeemsa sagalee kennuu guyyoota shaniif gaggeefameen Raashiyaatti makamuun guutummaan gutuutti sadarkaa jedhuun deeggarsa argate jedhaniiru.
Naannoleen amma gara Raashiyaatti makamu jedhaman Baha Yukireenitti kan argaman bulchiinsota Luhaaneskiifi Dooneesk akkasumas Kibbatti bulchiinsota Zapporizhiyaa fi Kehersoon jedhamaniidha.
Vilaadmiir Putiin Jimaata boruu bulchiinsotni kunniin kan Raashiyaa ta'uu mirkaneessuuf sagantaa kan qopheessan yeroo ta'u haasaas ni taasisu jedhamee eegama.
Magaalaa guddittii Mooskoo adda babayii isa diimaa jedhamutti walattiin qophaayeera. Galagala boruu bulchiinsota haaraa kanaaf jecha jilli qophaayeera.
Haalli amma gara Raashiyaa jiru miira bara 2014 Raashiyaan Kireemiyaa ofitti dabalatteen walfakkaata.
Guyyaa boruu (12:00GMT) masaraa guddicha Kireemliin galma qulqulluu Joorjitti bulchiinsota gara Raashiyaa makaman ilaalchisee sagantaan ni qophaa'a'' jedhan dubbii himaan mootummaa Raashiyaa Dimiitrii Peeskoov. Bulchiinsota gara Raashiyaatti makaman irraa aanga'ootni Raashiyaan deeggartu lamas saganticha irratti ni hirmaatu.
Putiin guyyaa dhalootaa isaanii waggaa 70 guutuuf guyyaan sadii yeroo isaan hafu Onkololessa afur paarlaamaa biyyattiif haasa ni taasisu. Yaa'iin paarlaamaa sunis bulchiinsota haaraa afran Raashiyaatti makaman ni mirkaneessa jedhamee eegama.
Qaamni walabaa adeemsa sagalee kennuu kana hordofe hin jiru. Haata'u malee aanga'oonni filannoo hidhattootaan mana manaa fuudhamaa turan jedhameera.
Ameerikaan sababa rifarandamii seera qabeessa hin taane ittiin jetteen Raashiyaarra qoqqobbii haaraa kaahuuf akka jettu beeksifteetti. Gamtaan Awurooppaas tarkaanfii marsaa saddeettaffaa qoqqobbii dabalatu kaahuuf dhaadataa jiru.
Bulchiinsotni amma Raashiyaatti makamaa jiran guutummaatti harka loltoota Raashiyaa hin jiran gariin isaanii keessatti ammallee lolli gaggeeffamaa jira.