Nikulaar ‘taaktikaalii’ Putiin ittiin warra lixaa dorsisu hangam yaaddeessaadha?

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin daangaa biyyasaa ittifachuuf meeshaa nikulaaraatti fayyadamuuf qophaa’aa ta’u dubbate. Kunis tarii nikulaara xiqqaa ykn ‘‘taaktikaal’’ Yukireen keessatti fayyadama laata jedhamee yaaddoo uumeera.

Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan ammoo meeshaa waraanaa nikulaaraatti fayyadamuun baayyee balaafamaafi kan erga Waraana Addunyaa lammaffaan as waraana cimaa kaasuudha jechuun akeekkachiisan.

Niikulaaroonni taakitikaalii maaliidhaa?

Ofii meeshaaleen waraanaa nikulaaraa taakitikaalii jedhaman kan biyyoota gargaagaraa harkatti argaman yoo ta’en, amma guddina isaaniitu adda isaan taasisa.

Walumaagalattis ‘meeshaa waraanaa nikulaaraa isa xiqqaa’ jechuun ni danda’ama. Meeshaan waraanaa nikulaara taaktikaalii meeshaalee waraanaa nikulaarii tarsimaawaan adda kan ta’u dhimmota sadiin.

Isaanis haala guddina ittiin hojjatamanii, hanga bal’ina qaqabanii fi bakka itti dhukaafamaniitti hanga ulfaatiina qabaataniidha.

Akkasumas fageenya itti furguggifamanis garaagarummaa qaba. Akkuma dura jedhame meeshaaleen waraanaa nikulaarii taakitikaalii xixinnaadha.

Faayidaa kan oolfamanis dirree waraanaa qofaatti. Meeshaalee waraanaa nikulaarii istiraatejikaalii (tarsimoowaa) garuu magaalaa tokko guutummaan barbadeessuuf faayidaarra oolfama.

Meeshaaleen waraanaa niikulaaraa taaktiikaa jedhaman kunneenis miidhaa meeshaaleen waraanaa furgugfaman kaan diina irraan gahan caalaa miidhaa olaanaa qaqabsiisuu danda’a.

Meeshaaleen waraanaa niikulaaraa istiratejiiki jedhaman ammoo osoo namoota nagaa fi loltoota adda hin baafne bakka itti dhukaafame irraan badii olaanaa qaqabsiisuu danda’u.

Meeshaaleen nikulaaraa taaktiikaalii jedhaman kunneenis carrallaa erga dhukaafamaniin booda gadhiisaniin, naannawa bal’aa balleessuun akkasumas badii dhalootaatti darbuu danda’u hordofsiisuu danda’a.

Ulfaatinni meeshaalee waraanaa nikulaaraa taaktikaal kunneenis irra caalaan isaanii toonii kiiloo 100 ulfaatu.

Meeshaaleen niikulaaraa istiraatejikiijedhaman garuu tokkoonsaa hanga toonii kiiloo 1,000 ulfaatu. Kan dhukaafaman bakka itti qiyyeeffannaa irraa fagoo ta’e irraayi.

Fakkeenyaaf bara xumura Waraana Addunyaa lammaffaa irratti nikular boombiin Ameerikaan magaalaa Jaappaan Hiiroshiimaa irratti fayyadamte turte kan toonii kiiloo 15 ulfaatu ture.

Raashiyaan niikulaara taaktiikaa meeqa qabdi?

Akka ragaa waajjira tika Ameerikaatti, Raashiyaan meeshaa waraanaa niikulaaraa taaktikaalii 2,000 ta’u qabdi.

Meeshaaleen waraanaa badii olaanaa qaqqabsiisan kunneenis mataa miisaa’eeloota gosa garaa garaatiin dhukkaafamuu kan danda’aniidha.

Fakkeenyaaf miisaa’eeloota kiruuzii fi artilaarii jedhamaniin dhokaafamu ni danda’u.

Akkasumas xiyyaara waraa fi dooniiwwan irra akka farra miisaa’eeloota dooniittitti ni furgugfamu.

Ameerikaan akka jettuutti, Raashiyaan dandeettii meeshaalee waraaanaa kanneen bakka fagoo irratti halleellaa raawwachuuf qabaniifi sirriitti qiyyeeffananasaanii akka dhahan gochuuf baasii olaanaa irratti invasti gochaa jirti.

Niikulaarii taaktikaalii kun kana dura faayidaarra ooleeraa?

Meeshaan waraanaa nikulaarii taaktikaalii kana dura gonkumaa adda waraanaatti faayyidarra oolfamee hin beekamu.

Biyyoonni niikulaara qaban kan akka Ameerikaafi Raashiyaan garuu adda waraanaa irratti meeshaalee ammayyoo ta’an kan biraatti fayyadamuun mataansaa kaaniin haala wal qixa ta’een badii qaqabsiisuu akka danda’u adda baasaniiru.

Kana malees biyyi niikulaara qaban kamuu balaa olaanaa akka qaqabsiisuuf itti fayyadamamuun fedhii hin qaban.

Haata’u malee Raashiyaan meeshaalee niikulaaraa taakitikaalii xixiqqaa fayyadamuuf dirqamuu dandeessi ta’a jedhamaa jira.

Chaatam Hawusiitti, Ittigaafatamtuun qorannoo Sagantaa Nageenyaa fi Gorsaa Idil-addunyaa, Dr Patirshiyaa Leewiis ‘‘Sababii kanaatiifu Raashiyaan nikulaaroota xixiqoo kanatti fayyadamuu ishee akka sarara diimaa qaxxaamuruutti hin ilaalamuu ta’a’’ jechuun dubbatan.

Doorsiisni Putiin hangam yaaddeessaadha?

Baatii Guraandhalaa keessa, guyyoota muraasa Yuukireen itti weerareetiin dura, Pirezidaanti Putiin humnoota nikularaa biyyattii ''of eeggannoo olaanaarra’’ akka ta’aniif ajajee ture.

Isaan booda leenjiin waaraanaa cimee itti fufee ture. Dhiheenyatti ammo, ‘‘yoo walabummaan keenya yaaddoorratti kan kufee nutti fakkaate niikulariitti fayyadamu irraa booddeetti hin deebiinu. Kanas kan jennu of jajjuuf miti’’ jechuun akeekkachiisee ture.

Raashiyaan bulchiinsoota kibbaa fi bahaa Yukireen of jala galfachuu barbaaddi. Amma naannoolee kanneen harka galfattee jirti.

Haa tahu malee, rifarandamiidhaaf sagaleen naannoolee sanatti akka kennamu taasisaa jirti.

Putinis ‘‘tokkummaa daangaa’’ eegsiisuuf karaa kamiinu ittisuuf qophii ta’u himeera.

Qondaalli tika Ameerikaas yaada isaa kana nikulaara fayyadamuu caalaa akka doorsisa warri lixaa Yukireen daangaa ishee deebiifachuu keessatti hin deeggarrreef dubbatteetti ilaalu.

Kaan ammoo Raashiyaan baayyee yoo itti cime Yukireen keessatti meeshaalee waraanaa nikulaaraa taaktikaalii fayyadamuu danda’a jechuun yaaddoo qaban ibsu.

Oggeessi meeshaalee waraanaa nikulaaraa Jeemsi Actan akka jedhaniitti, ‘‘yeroodhaaf qabxii kanarra hin gahamne. Garuu Putiin dirree waraanaa Yukireen keessaa irratti meeshaalee nikulaaraa taakitikaalii xixiqqoo fayyadamu danda’a,’’ jedhan.

Akka yaada oggeessa kanaatti Putiin kan kan jedhu tarii warri lixaa waan hamaan akka hin umamne sodaachuun fedhii Putiiniis akka waliigalan gochuufidha.

Deebiin Ameerikaa maal tahuu danda'a?

Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan dursuun Putiin akeekkachiisaniiru.

Baayidan gaaffii fi deebii dhiheenya TV CBC jedhamu waliin taasisan irratti, Putiin kana gochuuf yoo eegale waraanichi bifa gara biraa qabaata jedhan.

Deebiin Ameerikaafi Nato kanaaf maal ta’u akka danda’u tilmaamuun cimaa ta’a. Dhimmichi baayyee akka hin harboofne gochuuf yaalii taasisuun isaanii kan hin hafne ta’ulleen, garuu Putiin sarara diimaa qaxxaamuru isaa agarsiisuu barbaadu.

Haata’u malee yeroo sanatti maal akka raawwatan ammatti ifa miti. Sababiin isaas isaanis deebiisanii meeshaa waraanaa walfakkaatu yoo fayyadaman dhimmicha caalaa cimaa dhufu mala.

Kanaafu Warra Lixaa caalaa akka Raashiyaan meeshaalee nikulaaraa xixxiqqaatti hin fayyadamnee dhorku kan dandeessu biyyi tokko jirti. Isheenis Chaayinaadha jedhu oggeessoonni.

Akka xinxaltoonni jedhaniitti Raashiyaan haala baayyeedhaan Chaayinaa irratti hirkkatti.

Chaayinaanis biyyoonni nikulaara hidhatan dursanii akka fayyadaman hin feetu.

‘‘Putiin kana yoo raawwatan garuu biyya baayyee michuu baayyee barbaadaniin Chaayinaa wal dhabu itti ta’a.’’