Weerara Yuukireen: Putiin lola kanaaf 'Milaacii' Nukileraa harkisuu maluu?

Mee wantoota amansiisoofi kanaan dura ta'aniin haa jalqabnu. Yeroo hedduu 'Putiin kana hin godhan' yeroo jedhamu inni deemee yoo raawwatu mul'ata.

"Dhugumaan Kireemiyaa of jalatti dabaluuf turee? jedhamaa ture garuu godhaniiru.

"Waraana Donbaasitti ni jalqabu jedhamee hin yaadamne" garuu godhaniiru.

"Yukireen irratti weerara guutuu ta'e ni labsu jedhamee hin yaadamne" garuu godhaniiru.

Kanarraa ka'een jechi "Hin Godhan" jedhu Vilaadmiir Puutiiniif akka hin hojjennen jala mure.

Adeemsi kun ammoo gaaffii boqonnaa namaaf hin kennine kan nama kaasisudha. Innis "Putiin 'milaacii' Nukilaraa ni harkisu jedhamee hin yadaamu. Garuu nigodhaa laata? kan jedhudha.

Gaaffiin kun akkasumaan yaadrimeedhumaaf kan gaafatamu miti. Gaggeessaan Raashiyaa kun Humni Nukilara Biyyattii "Of eeggannoo addaan qophaa'ee" akka eeggatuuf ajaja dabarsaniiru.

Kun gaggeesitoonni NATO weerara Yukireen kanaan walaqabaatee ibsa Raaashiyaa mufachiise jedhan erga baasaniin asitti.

Mee waan pirezidaant Putiin jedhan qalbiidhaan haa laallu.

Kamisaa Darbe "Opereeshinii waraanaa addaa" (Qabatamaadhaan garuu weerara hunda galeessa Yukireen) karaa foodda TV yeroo ibsan akeekkachiisa sodaachisaa dabarsan.

"Eenyumaa haa ta'uu alarraa dhimma kana keessa galuuf kan yaadu, kana gootan taanaan balaa hamaa seenaa keessatti isin muudatee hin beekne akka argattan beekaa".

"Jechi Putiin kun Waraana Nukilaraatiif kallattiidhaan sodaachisuu fakkaata" jedhu Editara Gaazexaa Novaya fi badhaafamaan Noobeelii Dmitry Muratov.

"Haasaa karaa TV taasise kanaan Putiin akka bulchaa Kiremlinitti osoo hin taane, akka bulchaa Pilaaneetii kanaatti dubbate.

Akkuma namni konkolaataa qaabu furtuu konkolaataa isaa harka isaarratti naannessaa akka konkolaataa qabu mul'isu sana Putiinis milaacii Nukilaraa akkas godhe.

"Inni yeroo baayyee akki jedhu Raashiyaan hin jirtu taanaan Pilaaneetiin kun maal nuuf gooti? Yeroo jedhu namni gurra kenneef hin turre. Garuu kun akka akeekkachiisaa ture. Yoo Raashiyaan akka inni jedhetti hin deemne wanti hunduu ni bada."

Bara 2018 Dokimantarii irratti, Pirezedaant Putiin akkas jedhe, "Qaamni Raashiyaa baalleessuuf yaada qabu yoo jiraate nuti deebii kennuufif mirga seeraa qabna. Dhugaadha, sun dhala nama fi pilaaneetii kanaaf balaa hamaa ta'uu mala. Garuu ani lammii Raashiyaafi gaggeessaa isheeti. Addunyaa Raashiyaan keessa hin jirre waan barbaannuuf maal qabna."

Jalqaba bara 2022 kanatti Raashiyaan Yukireen irratti weerara hunda galeessa ta'e bante. Ta'ulleen raayyaan Yukireen ittisa cimaa gochaa jiru. Warri lixaa ammoo tokkummaadhaan qoqobbii maallaqaafi Dinagdee Raashiyaatti buusaa jiru.

Kun ammoo jiraachuufi itti fufuu sirna Putiin rakkoo keessa galchuu kan maludha.

"Putiin muddama hamaa keessa jiru," jedhu xinxalaan waraanaaa Moskoo jiru Pavel Felgenhaure.

"Inni amma filannoo baayyee of harkaa waan qabu miti. Warri Lixaa takkaa qabeenya Baankiin Senteraalaa Raashiyaa qabu akka hin sochoone goonaan dinagdeen Raashiyaa kokkee qabama. Kunimmoo siistamni Raashiyaa akka hin hojjene godha."

"Filannoon tokkittiin inni qabu dhiheessii boba'aa Awurooppaa irraa kutuudha. Kun warra Awurooppaa irree micciiruu mala. Filannoon biraa hidhannoo Nukilaraa isaa Naannoo Galaana Biriiteeniifi Deenmark gidduutti dhukaasee sana booda waan ta'u ilaaluudha."

Tarii Vilaadmiir Putiin filannoo Nukilara dhukaasuu kana yoo filatan namoota isaanitti dhihoo keessaa kan akka hin dhukaasne dhorkaan yookan dhaabsisan jiruu laata?

"Namooti siyaasaa Raashiyaa uummata waliinii miti kan jiran. Isaan yeroo hundaa gara gaaggeessaan isaanii jedhetti goru," jedha Dmitry.

Biyya Putiin, Raashiyaatti gaggeessaan aangoo guddaa qaba. Biyyi sun biyya aangoofi itti gaafatamummaan walqixaan keessa hin jirreefi warruma Kiremlini kan dhukaasuuf ajaaju.

"Ammatti namni Putiin dura bahee dhaabadhu jedhuun hin jiru. Waan hamaa keessa jirra," jedha Pevel Felgenhauer.

Waraanni Yukireenitti deemaa jiru kun waraana Putiinidha. Yoo gaggeesitoonni Kiremlin kun waraana kanaatti milkaa'an walabummaan Yukireen gaaffii keessa gala.

Yoo tarii waan yaade kanatti milkaa'uu dhabeefi rakkoo hamtuu keessa gale ammoo Kiremliin tarkaanfii hamtuu akka fudhataniif dirqamsiisuu mala.

Keessumaa ammoo yoo "Akkaas hin godhan" jechi jedhu qabatamaaadhaan hojiirra hin oolle jechuudha.