Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Weeraramuu Yuukireen: Kun 'Cold War' haaraadhaa, jechuun gaafata Joon Simpson
- Barreessaa, Joon Simpson
- Gahee, Gulaalaa dhimmoota Addunyaa
Jaarraan gargara bahuufi walqooduu kan goolabame fakkaatee ture. Sadaasa 1989, yeroo Gimbiin Barliin jige sana, ilaalchi gargar bahuu yaada dulloomaa addunyaa Bahaa fi Lixatti qooda seenaa ta'eera jennee amannee turre.
Sababiin isaa ammoo waldhibdeen falaasamaa sirnoota Kaappitaalizimiifi Komuniizimii gidduu ture urkee ture ture waan ta'eef hundumti keenyayyu gamuma tokko jirra miira jedhuti ture.
Rakkoo kan uume garuu nama bara sana Baha Jarman keessatti qondaala dhaabbata basaasaa KGB keessa hojjetaa ture Vilaadmiir Putiin ta'uu isaati.
Diigamuun Sooviyeet Yuuniyeen (USSR) gara haaloo nama dhuunfaatti qoqqoodamee adaduma waggaan deemaa dhufeen daran kan hammaataa dhufe fakkaata.
Yeroo sana qaama USSR kan turte Yuukireen Raashiyaan Federeeshiniirraa fotoquun ishee akka amantaa Putiinitti arrabsoodha.
Raashiyaan Yuukireen biyya haaraa walabummaa mataashee qabdu ta'uu fudhachuun seera idil-addunyaa mallatteessuun ishee waan akka maal na dhibdiitti ilaalamedha. Bara 2-14 keessa Pirezidant Putiin akka Kireemiyaa qabatu dubbatee ture.
Kireemiyaan ammoo mallattoo qaama Raashiyaa Yuukireen jedhamti. Yeroo sanatti egaa, loltoota isaa gara lafa galaanaan marfamte Kireemiyaatti seensifate.
Era loltoonni isaa seenanii booda karra cufuun rifereendamii gaggeessuun akka qaama Raashiyaa taatu gochuutiin milkaa'e. Kireemiyaa keessa uummanni sabummaan isaanii Raashiyaa ta'e heddumminaan jiraachuun ammoo rifereedamichaan mirkanaa'eera.
Gochi ture kun faallaa seera idil-addunyaati, garuu biyyoonni gama Lixaa dhimma kana salphisanii ilaaluun Pirezidaantii Raashiyaa Putiin waliin biizinasa isaanii hojjetachuu itti fufan.
Afaaniin dubbachuufi qoqqobbiiwwan turaniiru, garuu kunneen Pirezidant Putiiniifi michoota isaa irratti dhiibbaa malu gochuun akka dhaabbatanii irra deebiyanii yaadan isa gochuu hin dandeenye.
Yeroo diinonni Putiin, ykn diinonni KGB fi diinonni dhaabbata KGB bakka bu'e FSBn, akka yaaddootti fudhatamuun Barliiniifi Awurooppaa keessatti summiin miidhaman, itti dhukaafamuufi biyyatti dirqamaan deebifamannis waanuma wal fakkaatuti mudate.
Biyyoonni warra Lixaa akeekkachiisawwan baasaniiru, qoqqobbiiwwan haaraas kaa'aniiru, garuu ammallee Putiin warra Raashiyaa darbee isaanuma waliin jiraachuu itti fufe.
Waggoota 10 darban keessa, Raashiyaan roga haaraa tokko Chaayinaa waliin uummachuu jalqabde. Raga isaan uummatan kun kallattiidhaan warra Lixaa dura dhaabbachuu hin turre, garuu yeroo warri Lixaa kun isaan qeeqanitti walii walii isaanii deeggaruuf kan kaayyeffatedha.
Pirezidant Shii Jiinping fi Pirezidant Putiin garee waloo ittiin wal tumsan uummatan. Amma Chaayinaan gocha Raashiyaan Yuukireen irratti raawwatte mormuu idaa jirti.
Uummanni Taayiwaan amma hireen kan itti aanu kan keenya ta'a jedhanii yaadda'uu jalqabaniiru.
Chaayinaarraa adda of baastee kan jirtu Taayiwaaniin hin weeraru jedhi jechuun yeroo gaafatamutti Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jiinping akkuma didetti jira.
Kanaaf, amma walumaagalatti, addunyaan waggoota muraasa dura caalaa bakka jiraachuuf caalaa yaaddoo taatedha. Wal bira qabamee yeroo ilaalamutti, baroonni Waraana Qabbanaa'aa durii baayyee salpaadha.
Seeronni duranis baayyee ifa turan, qaamni gama tokkoo dhimma/bakka isa kaanii keessa yoo seenu, yaaddoon jiru kan waloo ta'ee miidhaan qaqqabus walumaan ta'a jedhamee yaadamaa tureera.
Kanaaf, waraanni namatti hin tolle si'a tokkoo ol mudatee turellee, miidhaan guddaa, badii hamaa qaqqabsiise hin ta'iin hafeera.
Haata'u malee, kufaatii Kumuniizimiitiin booda, macaafni danbii durii ni tarsa'e. Amma daangaawwanillee baayyee falmisiisoodha, sararri diimaan eessa akka ta'ellee namni tokkoyyu hin beeku.
Erga wanti hunduu ta'ee amma wanit baayyeen jedhamaa jira. Namoonni siyaasaafi hayyoonni tokko tokko erga Gimbiin Barliin diigamee booda NATOn adeemsa isaa jijjiirrateera ta'a.
Biyyoota deeggartoota isaa durii ta'an Baha Awurooppaa keessaa qabu kakaasee Mooskoo haarsuun isarra hin turre jedhu. NATOn biyyoota michoota isaa durii Baha Awurooppaa keessaa of duukaa hiriirsuuf yaaluun ammoo Raashiyaa Putiiniif akka tutuqqaa ta'etti ilaalama.
Callisanii akkasumaan guyyaa tokko Yuukireen NATOtti makamuu dandeessi (yeroo hunda garuu akka waan carraa ta'uu hin dandeenyeetti yaadamullee) jedhanii yaaduun Kireemiliin hedduu aarseera. Kun ammoo Pirezidant Putiin dhimma Yuukireen takkaafi isa dhumaa akka tarkaanfii fudhatu isa amansiiseera.
Hundumtuu akkuma beeku kun imaammata isaati, kanuma isaa qofa. Namoonni siyaasaa Raashiyaa gara garaa, akkasumallee qodaalonni waraanaa tokko tokko dursanii waraana gaggeessuun sirrii miti jedhanii ture.
Haata'u malee, Putiin nama duuba deebiyu miti. Amma kaayyoofi adeemsi isaa tapha waraanichaa mo'achuudha taanaan, itti milkaa'uu qaba, Raashiyaanis ifaan ifatti mo'ichaan galuu qabdiidha.
Haata'u malee, tarkaanfiin waraanaa mata jabina akkasiitiin fudhataman gara waan hamaa ta'eetti geessa.
Putiin waggoota saddet dura Kireemiyaa irratti milkaa'eera. Tarii ammas milkaa'uu danda'a.
Kana ammoo karaahumnoota waraanaa Yuukireen cabsee seenuudhaan mo'icha barbaachisaa ta'e argachuun atattamaan keessaa ba'uun mirgaan akka gale agarsiisa waraanaa gochuunidha.
Sirriitti waanuma danda'amudha. Haata'u malee, karaa kanaan milkaa'uu dhiisuu mala jennees yaa yaadnu.
Yoo loltoonni Raashiyaa lakkoofsi isaanii baayyee ta'e du'uu jalqabban, aikkasumas qoqqobbiin Raashiyaa irra kaa'ame dhiibbaa uumuu yoo jalqabe, isaan booda ejjennoon Putiin raafamuu danda'a.
Akkas taanaan maal gochuuf jiraa? Deebii tokko qofaatu jira. Maqaa nageenya biyyaalessaa jedhuun akkuma kanaan duras gochaa ture warra biyya keessaa isa qeeqanitti dhaddhaabbata. Kan nama ajaa'ibu, ammallee wayita dorgomsiisanii ilaalan, baroota darban caalaa hawaasni Raashiyaa walabadha.
Dhugaa dubbachuuf kun hafuuf deema. Dinagdeen Raashiyaa rakkoo keessa galuuf deema. Gargaarsi Chaayinaan gootus eessayyu kan geessisu ta'uu dhiisuu mala.
Kanaaf, haaloo waggoota 30 dura sababa impaayerri Sooviyeet durii diigameen qabatee jiruun Yuukireen irratti waraana kan bane Vilaadmiir Putiin, Raashiyaa gara baroota USSR sanatti deebisuu danda'a ta'a.
Biyyoonni Lixaa warri Raashiyaan akkuma kaanii biyya biraa tokkodha jedhanii yeroo dheeraadhaaf fakkeessuun waliin biizinasii hojjechuu dandeenya jechaa turan, baroonni dur darban sun amma haaloo bahuu qabatee akka dhufeera arguu danda'u.