Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan maaliif loltoota ishee gara Yuukirenitti bobbaasuu barbaadde?
Ji’oota muraasa darban Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutin Yuukireen weeraruuf karoorsuu isaanii waakkachaa turan.
Amma garuu waliigaltee nageenyaa diiguun loltoota isaanii Baha Yuukirenitti naannolee lama kanneen to’annoo hidhattootaa jala jiranitti akka babba'aniif ajajaniiru.
Sababni isaan himatan ammoo, "nagaa buusuu" kan jedhudha.
Raashiyaan ji’oota muraasa darbanitti loltoota 150,000 ol ta’an naannoo daangaa Yuukireenitti bobbaastetti.
Tarkaanifiin kun weerara haaraa jalqabuuf ta’uu agarsiiftuudha jedhamuun yaaddoo uume. Waanti itti aanee raawwatamu caasaa nageenyaa Awurooppaa balaarra kan buusu.
Loltoonni Raashiyaa eessatti ergaman?
Bara 2014 Raashiyaan biyya Yuukireen weerartee turte. Yeroo sanatti finciltoonni Pirezedantiin Raashiyaa Puutiiniin deeggaraman Baha Yuukireen qabachuun loltoota Yuukirneen wajjin wal lolaa turan.
Waliigalteen nageenyaa idil-addunyaa Miniskii jiraatulle, wal gaarerfannaan isaanii ittifufeera. Puutin loltoota nagaa eeegsiftoota jedhani waaman iddoowwan finciltootaan to’ataman lamatti akka ergan beeksisaniiru.
Biyyoonni Lixaa yaada kana fudhatama dhabsiisuun, Mooskoon dhiyootti Yuukireen weeraruuf jedhanii amanu.
Biyyii uummata miliyoona 44 qabdu Yuukireen Gamtaa Awuurooppaafi Raashiyaa waliin wal daangessiti. Iddoowwan finciltoonni to’atan keessaa tokko Dooneski taankiiwwan waraanaa gabaasaleen agarsiisan jiru.
Suuraleen saatalaayitiirraa dhiyeenya argaman loltoonni Raashiyaa daangaa Yuukireen irraa bakka km 15-30 fagaaturra qubataniiru.
Yuukireen waraana Baha Yuukireen yoo dhaabuu dadhabde waraana naannichatti qaqqabuuf itti gaafatamtuudha jechuun Puutin akeekkachiisaniiru.
Kanaan dura ta’iiwwan dhugaa hin taane kan dubbatan yoo ta’u, Raashiyaan sababa lakkaa’uun haleellaa raawwachuu dandeessi jedhame.
Puutiin fi Yuukireen waldhabdeen isaanii ijoon maali?
Yuukireen Waadaa Kaaba Atilaantik ‘NATO’ fi Gamtaa Awurooppaa seenuuf ejannoo qabdu Raashiyaan balaaleffataa turte.
Ammatti Yuukireen ergamtuu biyyoota Lixaa akka taate fi haala kamiinuu biyya sirrii ta’uu hin dandeessu jechuun Puutin qeeqan.
Fedhiin ijoon Puutin immoo Yuukireen ‘NATO‘ tti akka hin dabalamne biyyoonni Lixaa wabiii ta’uusaanii agarsiisuu qabu jedhan.
Biyyi qaama Gamtaa Sooviyeet durii turte Yuukireen, Raashiyaaa waliin hariiroo hawaasummaafi aadaa cimaa qabu. Bara 2014 Raashiyaan erga Yuukireen weerartee garuu hariiroon isaanii laafe.
Bara 2014 gara jalqabaatti michuu Raashiyaa kan turte Yuukireen, Pirezedantiin biyyattii aangoorraa erga bu’anii booda Raashiyaan haleellaa raawwatte.
Sana booda waraana Baha biyyattii gaggeeffamee namoonni 14,000 du’aniiru.
Iddoo finciltoonni to’ataniif beekamtii kennuun balaa akkamii qaba?
Ummanni Doonesk fi Luhaansaak namoota deeggarsa Raashiyaa qabaniin bulaa turan.
Naannoleen lamaan Yuukireen irraa walaba ta’anii beekamtii Raashiyaa argachuun isaaniimmoo loltoonni Raashiyaa yeroo jalqabaatiif naannicha akka qubatan gochuun alatti maadheewwan waraanaa Raashiyaan akka ijaartuuf karra bana.
Iddoowwan dhukaasni hin addaan hin citnetti loltoonni Raashiyaa bobbaafamuun waraanni akka uumamuuf carraa guddaa uuma.
Akkaata waliigaltee nageenyaa Miniskitti, idddowwaan finciltoonni to’atan lamaan qaama Yuukireen ta’uun fayidaa addaa qabanitu eegamaafi ture.
Ejjannoo Puutiin tarkaanfiiwwan kana ni ittisa.
Hunda caala waanti yaaddeessa ta’emmoo mootummaan iddoowwan finciltoonni to’atan lamaan qofa otoo hin taane guutummaa naannoolee Doonesk fi Luhaansaak Yuukireen jala jiranii Raashiyaan guutummaatti dhuunfachuu barbaaddi.
‘’Nuti beekamtii kennineefi jirra,Kunis hundeeffamuu isaanii sadoota agarsiisaniif beekamtii kennuu keenya jechuudha,’’ jedhan Puutin.
Yuukiren karaa bahaatiin ‘’yakka duguuggaa sanyii raawwattee’’ himannaan dharaa jechuun Raashiyaan waraanaaf erga qophooftee bulbulteetti.
Raashiyaan tarkanfiiwwan hangamii fudhatti?
Pirezedant Puutin waliigaltee nageenyaa baha biyyatirratti ture cabsuu dhiisu malu.
Waanta barbaadan yoo argatan garuu tarkaanfiiwwaan‘’teekinika waraanaa’’qofa fudhachuu dandeessi. Mooskoon duraanuu’’ Raashiyaan Yuukireen hin weerartu’’ jettee turte.
Tarkanfiiwwan dippiloomasii garuu bu’aa kan buusan hin fakkaatan. Biiyyoonni Lixaa garuu haalichi hammaachaa adeemu mala yaaddoo jedhu qabu.
Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayideen gama isaanitiin’’ magaalaan guddoo Yuukireen jiraattoota miliyoona 2.8 qabdurratti haleellaa akka raawwaachuuf jiran amanna,’’ jedhanii akeekkachiisan.
Yaadni humnoonni Raashiyaan karaa Bahaa, Kaabaafi Kibba Yuukireeniin haleellaa banuudhaan mootummaa karaa dimokiraatawaan filatame aangoorraa buusuuf yaalu malu.
Loltoota karaa Kireemiyaa,Beelaruus fi Baha Yuukireen jiran walitti qindeessuu danda’u. Yukireen waggoota dhiyoon asitti humna waraana ishee kan ijaartee yoo ta’u, Raashiyaan waraanaa kana waliin walwaraanutti seenuu malti.
Hogganaaan olanaan Waraana Ameerikaan Maark Mileey humnoonni waraanaa Raashiyaa baayyinni isaa yoo ilaalamu magaalota lakkoofsa jiraattootaa olaanaa qabanitti lollichi sukaneessaa ta’uu mala jedhan.
Raashiyaan filannoowwan biroos ni qabdi. Tarii iddoowwan iddoowwan balaliin dhorkamu hundeessuun filannoo jalqabaati. Buufataalee dooonii Yuukireen cufuun filannoo biraati.
Yookin immoo boombiiwwan niwukilaraa gara biyya ollaa kan taate Beelaruusitti erguu ta’uu danda’a.
Haleellaawwan saayibarii raawwatamuu mala. Amajjii keessa marsariitii mootummaan Yuukireen citee ture. Sadaasa keessa baankota gurguddoo Yuukireen lama irra haleellaan qaqqabe.
Biyyoonni Lixaa maal gochuu danda’u?
Biyyoonni Lixaa tarkaanfiin Raashiyaa seeraan ala jedhaniiru. Barreessaa Olaanaan Dhabbata Biyyoota Gamtoomanii Antoniyoo Guutereez tarkaanfiin Raashiyaa bulchiisaafi birmadummaa Yuukireen kan sarbe jechuun balaaleffatan. Biyyyonni miseensota NATO garuu loltoota isaani gara Yuukireenittii erguuf karoora akka hin qabne ibsan.
Taatullee Yuukireeniif gorsitoota, meeshaalee waraanaa fi hospitaalota dhiyeessan. Deebin isaanii ijoon Raashiyaa qoqqobuudha.
Jarman dhaabbileen Raashiyaa fi Awurooppaa maallaqa guddaan ujummoo gaazii boba’aa dada barsu Raashiyaa –Noordik 2 jedhamu simachuu diddeetti.
Gamtaan Awurooppaa Raashiyaan iddoowwan finciltootaan to’atamaniif beekamtii kennuu balaaleffachuun , miseensota paarlamaa biyyattii 351 tarkaanficha deeggaran qoqqobuurratti waliigalan.
UK’n immoo baankota biyyattii gurguddoo shan qoqqoburratti xiyyeeffatte.
Ameerikaan dhaabbilee maallaqaa fi warshaalee ijoo ta’aniirratti qiyyaafatteetti. Gamtaan Awurooppaa immoo gabaa faayinaasii Raashiyaarrattti qiyyaafate.
UK’n namonnii ‘’Kireemiliin fi naannicha jiraatan iddoon itti dhokatan hin jiru,’’ jechuun akeekkachiifte.
Gama dinagdeetiin waanti ijoon irratti xiyyyeeffatame, sirna baankii Raashiyaa sirna kaffaltii Siwiifti irraa adda baasudha.
Dhiibbaan dinagdee kun garuu dinagdee biyyoota Ameerikaafi Awurooppaarratti miidhaa qaqqabsiisu mala.
Loltoonni ‘NATO’ lakkoofsi isaanii 5,000 ta’u biyyoota naannoo Baaltikitti bobbaafamaniiru. Lolotoonni 4,000 immoo Roomaniyaa, Bulgaariyaa Haangaarii fi Islovaaniyaa keessatti bobbaafamuu malu.