Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Muddama Yuukireen: Baayidan 'weerara eegaluu' sababeeffachuun Raashiyaa qoqqoban
Joo Baayidan ''Raashiyaan Yuukireeniin weeraruu eegalte'' jechuun qoqqobbii karaa hedduu Raashiyaa irra kaa'an.
''Mootummaa Raashiyaa tajaajila faayinaansii biyyoota Lixaa irraa kutneerra,'' jedhan Baayidan.
Tarkaanfiin kun erga pireezidanti Putiin loltoota isaanii bakkeewwan lama Baha Yuukireen keessaa finciltootaan qabamanitti erguuf raggaasisanii dhagahame.
Raashiyaan naannicha akka Walaba taheetti ilaalti. Yuukireen ammoo haleellaa birmadummaa biyya koo irratti raawwate jechuun himatti.
Biyyootni Lixaa tarkaanfii kana haal-duree guutummaatti Raashiyaan, Yuukireen weeraruuf uumte jechuun himan.
Wiixata darbe Puutiin loltootni isaanii ''nagaa haa kabachiisan'' jechuun gara naannolee foxxoquuf waraanan Doneskii fi Luhaansiki haa galaniif ajajan.
Ameerikaan tarkaanfii Raashiyaa kana ''waan hiika hin qabne,'' jette.
Suuraan satalaayitii sa'a 24 keessatti loltoota haaraa hedduu fi meeshaalee waraanaa Lixa Raashiyaan bobbaafamanii akka jiraniifi Beelaarus naannoo daangaa Yuukireen ammoo konkolaatotni 100 jiraachuu agarsiisa jedhe Dhaabbanni Teeknolojii Hawaa US Maxar.
Humni waraanaa raashiyaa homaa yaada hin kennine. Loltootni Raashiyaa Baha yuukiren galuuf dhiisuu irrattis ammayyuu ifa miti.
Baayiden tarkaanfiin isaa jalqabaa kun mootummaa Raashiyaa irratti kan xiyyeeffate tahuu himan. ''Salphumatti ibsuuf Raashiyaan kutaa bal'aa Yuukireen kutaa jirti.''
Tarkaanfiin amma fudhatame liqaa maallaqaa argachuu dabalata, kana jechuun ,Raashiyaan dhaabbilee faayinaansii Lixaa irraa deeggarsa maallaqaa mootummaaf ishee barbaachisu hin argattu jechuudha.
Ameerikaan dabalataan ''hoggantoota ol aanoo'' Raashiyaa akka adabtu himte.
Imaammata jal'aa Kireemiliin akkuma qoodan, akkasuma dhukkubbii isaa waliin qooddatu'' jedhe Baayiden.
Ameerikaan kaampanotni ishee garee finciltootaan kan qabaman Dooneskii fi Luhaaniski waliin waliigaltee akka hin raawwanne dhorkite. Garuu kaampaanotni muraasa hojjetaa jiru.
UK fi Gamtaan Awurooppaa qoqqobbii jabaa Baankota Raashiyaa fi namoota dhuunfaa irratti Kibxata kaleessaa dabarsaniiru.
Tarkaanfiiwwan fudhataman:
- Miseensotni Gamtaa Awurooppaa 27 tahan tarkaanfii farra raashiyaa fudhataman irratti wal tahaniiru. Miseensota Mana maree ol aanaa Raashiyaa 351 tahan naannolee foxxoqaa jiran lamaan Dooneskii fi Luhaniski akka Walaba tahan beekamtii kennan irratti qoqqobbiin Gamtaa Awurooppaa xiyyeeffata.
- MM UK Booris joonsan Biriiten keessaa qabeenyi baankota shanii ugguramuu himan. Biliyenerotni Raashiyaa sadiis Viizaa UK akka hin arganne murtaa'eera.
- Jarman aPirojektii bu'uuraalee misoomaa guddaa Raashiyaa waliin hojjetaa turte bo'oo yaa'a boba'aa Nord Stream 2, akka dhaabde himte. Awurooppaan gaazii raashiyaan dhiyeessituuf irratti waan hirkattee jirtuuf sararri dhiyeessii Paawondii biliyoona 8.3 tahuun hojjetame banamuuf ture.
Ameerikaan loltoota ishee gara biyyoota miseensa Nato tahan akka Istooniyaa, Laatviyaa fi Lituniyaa geessaa jirti. Isaan ammoo naannoo daangaa raashiyaa kanatti argamu jedhe qondaalli tokko.
Xaaliyaaniinis loltoota lafoo 800 tahan xiyyaarota waraanaa F-35 jedhamanii fi helikopteroota waraanaa 20 tahan bobbaasuu himtee gariin isaanii gara Poolaandi adeemu.
Mariin dippilomaasii mudama Yuukireen kana akka furuuf taa'amaa tures hin milkoofne.