Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ujummoon boba'aa Raashiyaa cabee dhimmisuun dooniiwwanitti balaadha- Deenmaark
Ujumoon bob'aa Raashiyaa walfalmisiisaan Nord Stream 2 - galaana Baaltik keessatti yaasuu eegaluunsaa geejjiba galaanaatiif balaa ta'uu Deenmaark akeekkachiifte.
Biyyattiinis kara ujummoon boba'aa kun darbuun irraa gara odola Bornholm'tti dhiyaatuun raadiyeesii km 9 irratti zoonii dhorkaa keessee jirti.
Ministeerri Annisaa Daanish akka jedhetti, waa'ee dhiibbaa ujummoo bob'aa yaasuu kanaa guyyaa Wiixataa erga itti himameen booda tarkaanficha fudhate. Kubaaniyaa Nord Stream 2 gaggeessu AG cibni alkan keessa mudachu hime.
''To'ataan Nord Stream 2 coba dhiibbaa boba'aa saffisaa karaa sarara A ujumoo boba'aa umamaa Nord Stream 2 irratti galmeesseera,'' jedhe ibsa isaatiin. Itti dabalun ammoo dhimmicha qorataa jiraachu himeera.
Qoodni irra jiraan dhaabbata kanaas dhaabbata guddicha mootummaa Raashiyaa Gazpromiidhaan kan qabameedha.
Ministeerri Annisaa Daanish ibsa isaa kana keessatti, ''cuba bakkee dhorkameen alatti waa'een wal qabatee balaawwan nageenyaa omtu hin jiraatu. Taateen kunis nageenya dhiyeessitii boba'aa Daanish irratti balaa ni qabaata jedhamee hin eegamu'' jedhe.
Ujummoon boba'aa Nord Stream 2 akka boba'aa Raashiyaa irraa gara Jarmaniifi gara biyyoota Awuroppaa biraa geessuuf kan ijaarame ture, haata'u malee ammoo pirojektiin yuuroo biiliyoonaan eegalame kunis erga Guraandhala darbe Raashiyaan Yukireen weerarteen booda dhaabateera.
Haata'u malee boba'aan ujummicha keessatti kan akka galu taasifamuun eegalame yoo ta'u, boba'aan kunnis naannicha keessatti yaa'u male jedhameen yaaddoo kaasaa jira.
Ujummoon boba'aa kan biraa -Nord Steam 1 -torbanoota hedduuf cufamee kan ture yoo ta'u, dhaabbanni boba'aa mootummaa Raashiyaa Gasprom cuba jalqaba mul'ate sirreessuuf hojii suphaa raawwataa jiraachu hime ture.
Gamtaan Awurooppaa dhiyeessitii boba'aa isaatti fayyadamuun sababii waraana Yukireen keessatti gaggeessuuf Awurooppaa himachuu barbaada jedhan illeen Mooskoon kana hin fudhattu.
Erga Raashiyaan Yukireen weerartee kaasee gatiin boba'aa haalaan kan dabale yoo ta'u, dhiheessitiin hir'achuun ammoo caalaa gatiin akka ol ka'u taasisa.
Maatiiwwan gamataa Awurooppaa keessaa tarii ganna dhufaa kanatti gatii boba'aa kanfaluu dadhabuu laata jedhamuun yaaddoon dabalaa jira.
Awurooppaan amma Raashiyaan waraana Yukireen keessatti gageessitun maallaqaan akka dhaabduuf boba'aa irraa bituu dhaabuuf yaalan, haata'u malee haalli ce'umsaa yaadamee saffisaan dhufuu hin dandeenye.