Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
"Hiriyoonni koo walakkaan ajjeefamaniiru" - Shamarran waraanni hanga mana barumsaatti isaan hordofe
Shamarran lakkuu Makaarim fi Ikiraam akkuma guyyaa kaanii gara mana barumsaatti qajeelan. Shamarran obbolaa umuriin isaanii waggaa 18 ta'e kunneen osoo barnootarra jiranii "sagalee addaa tokko" dhaga'an.
Makaariim sagalee kana yeroo dhageessu Ingiliffa barachaa turte. Ikiraam ammoo dabaree Saayinsiirra turte.
Manni-barumsaa isaanii Sudaan keessatti argamu haleellaan irratti raawwatamaa turte.
Makaarim naasuun qoleen ishee "akka cabe" yaadatti. Barattuun kutaashee keessatti waliin barataa turan dhukaasa sana jalaa miliquuf lafarra ciiste.
"Keenyanitti hirkannee dhokanne. Mucaan ana cinaa turte qoleen kiyyaa dhiigaa jiraachuu natti himte," jetti Makaariim.
Obbolaan kutaa gara garaa keessa turan kunneen jeequmsa sana keessa wal arguuf yaalan.
Ikiraam obboleettiishee yeroo barbaadaa turtetti akka gara hospitaalaa geeffamte hin barre ture.
Makaariim barattoota biroo miidhaman waliin gara hospitaalaa kan geeffamte jiraattota naannoo sanaatiinidha.
Magaalaa El-Obeeyid ambulaansiin waan hin turreef konkolaataa dhuunfaafi gaariidhaan ture barattoonni gara mana hakiimii kan geeffaman.
Ikiraam obboleettiishee barbaaduu dhaabdee gara manaa akka deemtu barattoonniifi barsiisonni itti himan.
Makaariim hospitaalaa yeroo deebitetti ture maatiin ishee lubbuun akka jirtu kan baran.
"Karrarra taa'een ishee eege. Fogootti yeroo ishee arginu hundi keenya boo'uu jalqabne," jetti Ikiraam.
Ikiraam haleellaa sanaan miidhaan irra hin geenye. Haata'u malee, barsiistuun Ingiliffaa isaaniifi barattoonni 13 ajjeefamaniiru. Lakkoofsi barattoota miidhamaniis guddaadha.
Manni-barumsaa dubartootaa Abuu Asiittaa Kutaa bulchiinsa Kaabaa Kordofaan keessatti kan argamu yoo ta'u, barattoota 300 qaba.
Akka bulchitoonni kutaa bulchiinsa kanaa jedhanitti, haleellaan kun kan raawwatame humnoota addaa Sudaan (RSF) ta'uu isaati.
RSF himannaa irratti dhiyaateef deebii hin kennine. Gaaffii BBC irraa dhiyaateefirrattis yaada kennuuf hayyamamaa hin taane.
Haleellaan mana-barumsichaarratti raawwatame ta'e jedhamee kan raawwatame ta'uun isaa ifa miti.
Makaariim qolee fi mataan ishee miidhamullee hospitaala abaateetti. Guyyoota torbaa booda dhukkubbiin mataa waan itti hammaateef siitii iskaaniin taasifameeraaf. Mataashee keessattis cabaan sibiilaa akka hafes barame.
"Baayyee waan na dhukkubuuf qoricha dhukkuba natti furun fudhadhan ture," jetti.
Wal waraansa Sudaan keessatti mudateen namoonni kuma 150 yoo du'an, miliyoonaan kan lakkaa'aman buqqa'aniiru.
Akka Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii jedhutti, sababa waraanaatiin ijoollee umuriin isaanii miliyoona 17 ta'u keessaa miliyoona 13 kan ta'an barnoonni isaanii gufateera.
Manni-barumsaa Abuu Siittaa haleellaan erga irratti raawwatameen booda haaromsuudhaaf jecha ji'a sadiif cufame.
Makaarim fi Ikiraam gara mana-barumsaa hiriyyoonni isaaniifi barsiisaan isaanii itti ajjeefamee deemuun isaanitti ulfaatee ture.
"Hiriyoonni kiyya gara mana-barumsaatti deebiyanii anaanis waan na jajjabeessaniif anis deemuun murteesse," jetti Ikiraam.
Gara mana barumsaatti deebuun garuu yaadannoo rifaasisaa deeitee akka yaadattu ishee godheera.
Ikiraam "bakka haleellaan itti raawwatame akka hin argineef ija koo dunuunfadheen darba," jetti.
Hoggantuun mana-barumsichaa Imaan Ahimad barattootaaf deeggarsa qoor-qalbii kennuufiif dubbatti.
Barattoonni miidhaman qormaata fudhachuuf akka hin rakkanneef siree fi narsiin qophaa'eera.
Magaalattiirratti ammallee haleellaan diroonii raawwatamus, BBCn yeroo mana-barumsichaa daawwatetti barattoonni kokkolfaafi taphachaa turan.
Akka hoggantuun mana-barumsichaa dubbattutti, barattoonni kunneen waan irra gahe danda'anii barnoota isaanii itti fufuu murteessaniiru.
"Cichoomina qabaachuu isaanii agarsiisa. Waan nu jala darbes bakka buusuudhaaf murteessineerra," jetti.
Bara darbe magaalattiin humna RSFn marfamtee kan turte yoo ta'u, barnoota hordofuun salphaa hin turre.
Amma hanga tokko tasgabbiin jiraatus, manneen-barnootaa dahoo namoota buqqa'anii ta'aniiru.
Akka Komishinariin gargaarsa namoomaa magaalattii jedhutti, magalattiirraa jiraattonni miliyoona tokkotti siqan buqqa'aniiru.
Manneen-barnootaa dahootti jijjiiraman keessaa tokkotti kan barattu Iibtiisaam Alii akka jettutti, manni-barumsichaa buqqaatotaan waan guutameef akka garaa socho;uun hin danda;amu.
"Mana-fincaanii deemuunillee salphaa miti,: jetti.
Ministirri barnootaa Kordofaan Kaabaa Waaliid Ahimad Al-Hasan akka jedhutti, buqqaatonni mana-barumsaa keessa buufachuun rakkoo uumeera garuu daafaa waraanaa waan ta'eef wanti godhamu hin jiru.
Makaarim fi Ikiraam ammaumuriin isaanii 19 guuteera. Gidiraan isaanirra gahe akkuma jirutti ta'ee, abdii hin kutanne.
Ikiraam barnoota sadarkaa lamaffaashee xumurtee Yunivarsiitii El-Obeeyiditti Ingiliffa barachaa jirti.
Faana barsistuushee haleellaa sanaan ajjeefamtee Fatiyaa Kaliil Ibiraahim hordofteetti.
Gaabii duuti hiriyyootashee barnootarratti akka jabaattuuf ishee cimseera.
"Isaan milkeessu kan dadhaban nuti milkeessuu qabna jedheen amana," jetti.
Makaariim akkuma hakiimota miidhaashee isheef wallananii hakiima ta'uuf hawwiti. Haata'u malee, qabxii hakiima ittii barachuu ishee dandeessisu hin fidanne.
Cabaan sibiilaa ataashee keessa jiru dhukkubbii itti uumee akka hin qayyabannee ishee taasisuu dubbatti. Citaa sibiilaa sana wallaansa baqaqsanii yaaluutiin baasuun hin danda'amu.
"Saatii tokko qofaa qayyabadhee, saatii tokko boqochuun qaba, ulfaataadha," jetti.
Dr. Taarik Zoobiir akka jedhutti, citaan sibiilaa mataa keessatti hafu dhukkubbii inni namrraan gahu namarraa namatti garaa gara.
Tokko tokko dhukkubbii malee yoo jiraatan, namoonni akka maashaan miciiramu isaan taasisu garuu wallaansa baqaqsanii yaaluu isaan barbaachisa.
Makaariim dhukkubbiin isaa kun kan itti hammaatu waqtii gannaa akka ta'e dubbatti. Qoricha dhukkubbii kana akka itti fufu godhus ni fudhatti.
Hakiimummaa barachuuf qormaata fudhatamu irra deebiin fudhachuuf murattee kaateetti.
"Firii barbaachisu akkan fidu nana amana. Gara fuula duraatti abdii ifaan qaba," jetti.