Chaayinaan Taayiwaan akeekkachiisuuf naannoo daangaatti shaakala waraanaa eegalte

Chaayinaan naannoo Taayiwaanitti shaakala waraanaa naannoolee ijoo odola kanaa to'achuu fakkaatu gaggeessaa jirti.

Kunis akeekkachiisa ''humnoota isheerraa addaa ba'aniif'' akka ta'e ibsite.

Shaakala dhukaasa kallattiin taasifamu kana keessatti humni raayyaa ittisa biyyaa, humni galaanaa, humni qilleensaarraa fi humni rookkeettii kan dabalatu ta'uu waraanni Chaayinaa beeksiseera.

Shaakalli waraanaa maqaa ergama haqaa ykn "Justice Mission 2025" jedhuun moggaafame kun gurgurtaa meeshaa waraanaa guddaa kana gatii doolaara biiliyoona 11 baasu Ameerikaan Taayiwaanitti gurguruu beeksisuu hordofeeti.

Tarkaanfiin sun Beejiingi akka malee kan mufachiisee yoo ta'u, deebii kanaafis dhaabbilee ittisaa Ameerikaarraa qoqqobbii keessatti.

Taayiwaan bara kana ittisa ishee guddisuuf carraaqqiin goote Beejiingi kan Odola kana akka qaama isheetti ilaalatui jettu aarseera.

Waajjirri pirezidaantii Taayiwaan shaakala Chaayinaa kana qeequun, seera idil-addunyaa kan cabsu jedhe.

Ministeerri ittisa Taayiwaan akka jedhetti, xiyyaarota fi dooniiwwan Chaayinaa naannoo Taayiwaan marsaa jiran adda baasuu eeruun humna waraanaa isaanii fi sirna misaa'elaa qopheessuun haala jiru hordofaa jiraachuu ibseera.

Humnoonni ishee Taayiwaan ittisuu fi ''ummata keenya eeguuf'' ''qophii olaanaa'' irra akka jiran ministeerichi beeksiseera.

Shaakalli waraanaa Chaayinaan taasiftu tokko tokko kan jalqabame yoo ta'u, shaakalli waraanna guddaan Kibxata sa'aatii biyya keessaa sa'aatii 08:00 akka raawwatamu beeksiseera.

Chaayinaan Taayiwaan waliin "nagaadhaan walitti deebi'uuf" yeroo hunda karaa nagaanis karaa humna waraanas yaalii taasiftu hin dhaabne.

Bara 2022 irraa eegalee Beejiing shaakala waraanaa Taayiwaan keessatti taasifamu cimsitee jirti.

Shaakalli waraanaa Chaayinaan dhiyeenya Taayiwaan keessatti taasifte baati Ebla keessa kan gaggeeffame,yoo ta'u buufata doonii ijoo fi dhaabbilee anniisaa irratti yaalii haleellaa taasisee ture.

Pirezidaantiin Taayiwaan Laayi Chiing-tee Taayiwaan shaakala waraanaa mataa ishee gaggeessiti jedhan.

Laayi erga aangoo qabatanii as waldhabdee Beejiing waliin qaban dabalaa dhufe keessatti baasii ittisaa guddisuu fi dandeettii ittisaa biyyattii(odola) kanaa guddisuuf dhaadataniiru.

Ji'a Waxabajjii keessa pirezidaantiin Taayiwaan ''balaa diinummaa'' irraa of eeguuf sirna ittisa qilleensaa cimaa ijaaruu isaanii beeksisaniiru.

Shaakala torban kana Taayiwaan Strait keessatti gaggeeffamus ''sansalata odolaan ala'' ofirraa ittisuuf kan kaayyeffate ta'uu waraanni Chaayinaa beeksiseera.

Jappaan Chaayinaan Taayiwaan yoo haleelte humnoonni Jaappaan Taayiwaaniif birmachuu akka danda'an erga ibsitee booda hariiroon Chaayinaan Jaappaan waliin qabdu gadi bu'eera.

Chaayinaan mormii cimaa gochuun lammiileen ishee gara Jaappaanitti akka hin imallee akeekkachiistee jirti.

Jalqaba baatii kanaa Jaappaan xiyyaaronni waraanaa Chaayinaa xiyyaarota Jaappaan irratti raadara erga cufanii booda mormtee kan turte yoo ta'u, Beejiing ammoo Tookiyoon shaakala leenjii irratti humnoota ishee ''rakkisaa jirti'' jechuun himatte.

Taayiwaan maaliif Chayinaa irraa adda baate?

Taayiwaan odola qarqara galaanaa Kibba Baaha Chaayinaa irraa kiiloomeetira 160 fagaattee argamtudha.

Odolawwaan "first island chain" jedhaman kan US waliin michummaa cimaa qabanii fi imaammata alaa US'f murteessoo ta'an keessaa tokko.

Gargar bahiinsi Taayiwaani fi Chayinaakan uumame wayita Waraana Addunyaa 2ffaa booda, wayita jiddugaleessa Chaayinaatti humnooti mootummaa biyyaalessaa (nationalist government forces) fi Paartiin Komuniistii Chaayinaa wal lolaa turanitti ture.

Paartiin Komuniistii bara 1949 injifatee hogganaan partichaa Maa'oo Zeedoong Beejiing to'ate. Yeroos paartiin 'nationalist' kan 'Kuwoomiintaang' jedhamuun beekamu gara Taayiwaanitti baqate.

Kuwoomiintaang ergasii Taayiwaan keessatti jaarmayaa siyaasaa beekamaa ta'e, odolattiis yeroo dheeraaf bulcheera.

Wayita ammaa biyyoota kurna hin caalle qofaatu Taayiwaan akka biyya walaabaatti beekamtii kenneef.

Chaayinaan biyyoonni kaan Taayiwaaniif beekamtii biyyuummaa akka hin kennine, waan beekamtii kennisiisu kamuu akka hin raawwanne dhiibbaa dippiloomaasii guddaa goochaa turte.

Chaayinaafi Taayiwaan wal waraansa bara 1940motaa booda gargari bahuun bulchiinsa mataa mataaa isaanii jalatti bulanis, Chaayinaan ammalleen barbaachisaa yoo ta'e odollii kun humnaan deebii'u ni dandeessi ijjannoo jedhu qabdi.

Taayiiwaan heera motummaa mataashee, aanga'oota ishee bulchanii fi miseensota raayyaa ittisaa mataa ishee qabdi. Odolli kun akka of ittistuu fi cimtuuf ammoo deeggarsa Ameerikaa qabdi.