Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tarsiimoon nageenyaa Ameerikaa haaraan kaayyookoo waliin kan deemu jetti Raashiyaa
Raashiyaan Tarsiimoon haaraa nageenyaa biyyaalessaa Preezidaant Donaald Traamp dhiheesse kaayyoo Mooskootiin kan wal simu jechuun akka waliigaltuun ibsite.
Sanadni fuula 33 torbee kana bulchiinsa US'n ifa ta'e kun, Awurooppaa kufaatii qaroominaa ishee mudataa jiraachuu fi Raashiyaan US'tti balaa akka hin taane agarsiisa.
Dhiibbaa humnoota alaa qolachuu, godaansa hambisuu fi odeeffannoo daangeessuu Gamtaan Awurooppaa himatamuun diduun, dhimmoota gabaasa kana keessatti dursi kennameefidha.
Qondaalonni Awurooppaa fi xiinxaltoonni garaagaraa tarsiimoo kana mormanii jiru. Mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu fi Afaan Kireemiliin (Raashiyaa) dubbachuu isaarratti gaaffii kaasaa jiru.
"Jijjiiramootni argaa jirru... irra jireessi isaanii mul'ata keenyaan kan wal simani," jedhan dubbii himaan Kireemliin Dimitrii Peskoov gaaffii fi deebii ejensii oduu mootummaa Raashiyaa Tass irratti Dilbata tamsaafamerratti.
"Kana akka tarkaanfii gaariitti ilaalla," jedhu Moskoon. Garuu dimshaashawwan jabaarra gahuun dura sanada kana xiinxaluu itti fufna jedhu.
Tarsiimoon kun dhimma Raashiyaa ilaallaturratti afaan tolaa fayyadama, kun ammoo ejjennoo US Mooskoorratti qabdu kan laaffisu jechuun qondaalonni Gamtaa Awurooppaa yaaddoo qabu. Keessumaa yeroo waraanni Yukireen akka dhaabbatu dhiibbaan godhamaa jiru kanatti.
Sanada kana keessatti, Gamtaan Awurooppaa carraaqqii walitti bu'iinsa dhaabuu US eegalte dura dhaabbachuun himatama. Kanaafuu, US tarsiimoo tasgabbii Raashiyaa waliinii irra deebiin qopheessuu akka qabduu fi tarsiimoon kunis diinagdee Awurooppaa kan tasgabbeessu akka ta'u eera.
Kun carraaqqii imaammata ardichaarratti dhiibbaa gochuu fakkaata. Imaammanni Ameerikaa kun "adeemsa biyyoota gamtaa awurooppaa dura dhaabbachuuf " dursa kennuu kan jedhu.
Akkanumallee gabaasni kun "Eenyummaa warra lixaa", deebisanii ijaaruu fi awurooppaan "waggoota 20 ykn sanaa achi keessatti akka beekkamtii hin qabaanne" fi dhimmi diinagdee ishees balaan "kufaatiin qaroominaa akka irra marsee jiru" eera.
"Biyyoonni Awurooppaa gariin diinagdee fi waraana cimaa horatanii michuu jabaa ta'anii itti fufu jedhanii abdachuun shakkisiisaa dha" jedha sanadni kun.
Faallaa kanaa, sanadichi dhiibbaa paartilee Awurooppaa gootota jedhuun immoo ni jaja. "Ameerikaan miira haaromsaa kana jajjabeessuuf michuuwwan siyaasaa ishee kanneen ni tumsiti"
Yeroo Gamtaan Awurooppaa waliigaltee nagaa Yukireen irratti bulchiinsa Traamp waliin mar'achaa jirtuutti, qondaaltonni tokko tokko hariiroo waaraa US waliin qaban cimsanii kan dubbatan yoo ta'u, sanada kana irratti garuu ''gaaffii'' kaasaniiru.
"US NATO keessatti michuu keenya isa hunda caalaa barbaachisaa ta'uu itti fufti." Garuu Gamtaan kun dhimmoota imaammata nageenyaa irratti kan xiyyeeffatedha" jechuun ministirri haajaa alaa Jarmanii Johaan Waadefuul Jimaata darbe dubbataniiru.
"Gaaffiin bilisummaa yaada ofii ibsachuu ykn gurmaa'insi hawaasa keenyaa haala kamiinuu tarsiimoo kana keessa jiraachuu hin qabu jedheen amana, keessattu kan Jarman ilaalchisee."
Barreeffama miidiyaa hawaasaa "hiriyootasaa Ameerikaa" erge irratti, muummichi ministeeraa Poolaandi Doonaald Tuusk ''Awurooppaan rakkoo keessan miti" garuu "diina waliigalaa" qabna jechuun ibse.
"Yoo wanti jijjiirame jiraate malee tarsiimoon nageenya waloo keenya kana qofa." Jedhe
Gama biraatiin ammoo muummichi ministeeraa Siwiidin duraanii Kaarl Bildit sanadni kun '' seeraa ganamaa garmalee kan leellisuudha." Jedhe.
Bulchiinsi Traamp Paartii AFD kan sirna ganamaa garmalee leellisu jechuun basaasni Jarmanitti ibse waliin walitti dhufeenya guddisaa jira.
Ergaa "America First" jedhu kan beeksisu tarsiimoon kun, US dooniiwwan daldala qoricha sammuu namaa hadoochu galaana Kaaribiyaan fi Baha Galaana Paasifikii irratti xiyyeeffachuu fi tarkaanfii waraanaa Veenzuweelaa keessatti fudhatamuu danda'u ibsa.
Sanada kana keessatti US Jaappaan, Kooriyaa Kibbaa, Awustiraaliyaa fi Taayiwaan baasii ittisaa akka dabaltu gaafatti.
Sanadni kun hariiroo biyya alaa Ameerikaa balleessuu danda'a jechuun Dimookiraatonni Kongireesii keessa jiran akeekkachiisaniiru.