Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Halkan edaa Raashiyaan Kiivirratti haleellaa jabaa raawwatte, Zeleniskiin waamicha dhiyeesse
Halkan edaa haleellaa jabaan Raashiyaan magaalaa guddoo Yukireen Kiivirratti raawwatte Mooskoon ''nagaa akka hin barbaanne'' agarsiisa jedhe Pirezidanti Volodimiir Zeleniskii.
Haleellaan Raashiyaa kun kan raawwatame Sambata xiqqaa wayita pirezidantichi marii nagaa haaraaf qophaayaa jirutti.
Zeleniskiin Dilbata Pireezidantii US Doonaald Tiraamp waliin dhimma marii nagaa haaraa irratti dubbachuuf gara Filooridaa imalaa jira.
Biyyootni lamaan wixinee haraa nagaaa buusa jedhameefi qabxiilee 20 of keessaa qabu irratti erga waliigalanii booda marii dabalataaf aanga'ootni lamaan har'a walarguuf deemu.
Kun kanaan osoo jiruu Raashiyaan halkan edaa haleellaa misaayelaafi diroonii sa'aatii 10 ture magaalaa guddoo Yukireen Kiiv irratti raawwataa bulte. Haleellaa kanaan namootni lama ajjeefamanii 32 ammoo miidhamuu aanga'oonni beeksisaniiru.
Bu'uura misoomaa tajaajila anniisarra haleellaa qaqqabeen manneen jireenyaa n magaalaa Kiiviifi naannawaashee 40% kan ta'an ho'a malee hafaniiru jedha Ministirri misoomaa biyyattii Oleeksiiy Kuleebaa.
Ministirri Ittisaa Raashiyaa misaayeloonni fageenya dheeraa buufataalee anniisaa haleeluuf fayidaarra ooluu ibseera.
Telegiraamii gubbaatti yaada isaa kan qoode Pirezidant Zeleniskiin Raashiyaan dirooniiwwan 500 fi misaayeloota 40 dhukaafte jedheera. Qiyyaafannoonsaaniis bu'uurota anniisaafi kanneen hawaasa tajaajilan biroodha jedheera.
Haleellaa edaan gamoon gaazexessituu BBC Anastasiyaa Gribanoovaa miidhameera. Fiixeen gamoo dheeraa kanaa ibiddaanis qabateera. Gazexessituun wayita haleellaan kun raawwatu liiftii keessa turte homaa hin miidhamne.
Tajaajilli Yeroo Balaa Biyyaalessaa Yukireen bulchiinsa Baha Darniyitiskiiy jedhamtu keessatti jaarroleen 68 qe'ee kunuunsa itti argatan keessaa baafamaniiru.
''Bakka buutotni Raashiyaa marii dheeraa gochaa jiru, dhugaan jiru garuu dirooniifi misaayelootni afaan baasaanii dubbachaa jiru'' kan jedhe Zeleniskiin Pirezidantiin Raashitaa Vilaadmiir Putiin waraanicha xumuruu hin barbaadu jechuun komate.
''Gochaan akka kanaa tarkaanfii jabaatiin qofa deebii argata. Ameerikaan carraa kana qabdi, Awurooppaan carraa qabdi, michootni keenya biroon carraa kana qabu'' jechuun weerara Raashiyaan gaggeessiturratti tarkanfiin akka fudhatamu gaafate.
Haleellaan kun Yukireen waliin daangaa lafaa 530km dheeratu kan qooddattu Poolaand xiyyaarota waraanaashee, ittisa haleellaa qilleensaasheefi raadaariishee qophii akka gootu taasiseera.
Booda daangaan qilleensaashee akka hin sarbamne mirkaneessiteetti.
Ministeerri Ittisaa Raashiyaa sirni haleellaa qilleensaasaa dirooniiwwan Yukireen 200 fashalsuu ibseera. Isaan keessaa saddeet magaalaa Mooskootti ta'uu gabaase.