Humni waraanaa Itoophiyaa fi Ertiraa birqabaan yoo ilaalamu maal fakkaata?

Ertiraan waggoota 30 dura rifarandamii gaggeessuun Itoophiyaarraa adda baatee biyya walabaa taate. Ergasii walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii waraana, muddama, wal-gaarreeffannaafi yeroo gabaabaaf ammoo hariiroo gaariitu ture.

Waggaa jaha dura bara 2018tti jijjiirama siyaasaa Itoophiyaatti dhufeen, MM Abiy gara aangoo akkuma dhufaniin wal-gaarreeffannaa waggoota 20 oliif biyya ollaa Ertiraa waliin ture gara hariiroo nagaatti deebisuuf Ertiraaf waamicha godhan.

Ertiraanis waamicha MM Abiy godhan simattee walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii gara nagaatti deebi'e. MM Abiy dursanii Asmaraa dhaquun daawwatan. Ittaansun ammoo Pirezidaantiin Ertiraa Isaayas Afawarqii Finfinnee dhufanii simannaa hoo'aan godhameef.

Biyyoonni lamaan hariiroo diinummaa waggoota hedduu dhiisanii waliin guddachuufi misoomuuf waadaa waliigalanii, waggaa lama booda, bara Sadaasa, 2020 kaaba Itoophiyaatti waraanni TPLF fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti eegale.

Ertiraan duraanuu TPLF wajjin gadoo bara dheeraa qabdi jedhama: Waraana TPLF fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti ka'erratti Ertiraan Itoophiyaarra goruun humna waraanaa bobbaastee TPLF'n lolte.

Waraanni Ertiraa hirmaachisuun kaaba Itoophiyaatti gaggeeffames waggaa lamaan booda, Waliigaltee Piritooriyaan xumura argate.

Haata'u malee, ergasii walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii laaffataa deemuu bira darbee muddama keessa akka gale ibsiwwan qondaaltoota mootummaa lamaaniin kennaman ni mul'isu.

Qondaalonni mootummaa gamaa gamasii jecha jajjabaa walitti daddarbachuu erga jalqabanii bubbuleera.

Biyyoonni lamaan ifatti walitti dhufeenya dippilomaasii qaban adda kutuu beeksisuu baatanis, qunnamtiin gama hundaa gidduusaanii jiru adda cituutu himama.

Kanarraa ka'uun Itoophiyaafi Ertiraan waraanatti galuuf carraansaa bal'aadha jedhu xinxaaltonni.

Ofii biyyoonni lamaan osoo waraanatti galanii humni waraanaa isaan qaban maal fakkaata?

Waraana kana dura gidduusaanitti gaggeeffamee as wantoonni jijjiiraman maal fa'i? Garaa garumaafi wal-fakkeenyi humna waraanaa biyyoota lamaanii birqabaan maal fakkaata? Akka asiin gadiitti qindeessineera dhiyaadha.

Tajaajila waraanaa dirqamaa Ertiraa

Itoophiyaafi Ertiraan tajaajila loltummaa ilaalchisee seera garaa garaa hordofu. Ertiraatti namni umuriinsaanii gahe, dhiiras ta'ee dubartiin, tajaajila loltummaa kennuun dirqama.

Itoophiyaatti garuu, yeroo waraanni gaggeeffamu humnaan dargaggoota gara leenjii loltummaatti geessiti kan jedhu himanni yeroo garaa garaa irratti dhiyaatus, miseensa raayyaa ittisaa ta'un filannoodhaan.

Itoophiyaan baay'ina ummataanis ta'ee bal'ina lafaatiin Ertiraa dachaa heddu caalti. Baay'inni ummata Itoophiyaa miliyeena 120 akka ta'u tilmaamama.

MM Abiy Ahmad jalqaba bara 2024 yeroo Itoophiyaan dhimma ulaa galaanaa ifatti kaasanii parlaamaa biyyattii irratti dubbataniitti, ummanni Itoophiyaa miliyoona 120 akka ta'eefi biyyi ummata hanga kanaa gahu qabdu ulaa galaanaa dhabuun haqa akka hin tane dubbachuunsaanii ni yaadatama.

Lakkoofsi uummata Ertiraa ammoo miliyoona 6.2 akka ta'e ragaaleen ni agarsiisu. Kana jechuun Itoophiyaan baay'ina ummataan dachaa 17 oliin caalti.

Haata'u garuu Ertiraan biyya lammiileen ishee umuriin gahan hunduu tajaajila loltummaa kennan waan taateef lakkoofsa humna waraanaa kan Itoophiyaa caalu akka qabdu ragaaleen ni agarsiisu.

Biyyoonni lamaan odeeffannoo waraanaafi tikaa hawaasaafis ta'ee miidiyaa ykn hawaasa idil-addunyaatiif beeksisuu hin barbaadan. Fedhii dhabuu qofa osoo hin taane, akka icciitii biyyoolessaattis ilaalama.

Kanaaf, baay'ina loltootaa, gosaa fi lakkoofsa meeshaa waraanaa hidhatanii ykn yeroo waraanatti baay'ina loltoota du'anii ykn madaa'anii himuu hin barbaadan.

Bulchiinsa nam-tokkee Ertiraa

Gama biraan ammoo, sirni bulchiinsa Ertiraa bulchiinsa nam-tokkee ta'uunsaa biyyattiin caalmatti humna namaafi qabeenya qabdu waraana leenjisuufi ijaaruu irratti akka xiyyeeffattu himu xinxaaltonni.

Dhimma siyaasaafi nageenya Itoophiyaafi Ertiraa irratti qorannoo kan gaggeessan Nagaraa Guddataa, Ertiraan biyya hawaasa waraanan wal-bare akka taate kaasu.

Ertiraan biyya qabeenyashee gara caalu humna waraanarratti inveest gootu ta'uu kan himan xinxaalaan kun, "biyya leeccalloon hunduu gara waraanatti deemu [militarized state] waan taateef hawaasni illeen, diinagdeenillee waraanaaf kan ooludha," jedhu.

Biyyoonni gita bittaa garaa garaas wal-jijjiiranii bulchuurraa kan ka'e Ertiraan biyya waraanarratti hundoofte ta'uus kaasu xinxaalan kun.

"[Ertiraan] qabeenya qabdu hunda gara waraanatti akka naannessituudha ragaan jiru kan agarsiisu. Diinagdeedhuma xiqqoosanayyuu warshaa, hospitaala, yuunivarsiitii fi wantoota kana fakkaatan ijaaruu irratti iveest hin godhan," jechuun diinagdee qabdu humna waraanarra akka oolchitu himu Nagaraa Guddataa.

Gama biroon ammoo, odeeffannoo bajata diingadees haa ta'u kan waraanaa argachuuf hamma tokko Itoophiyaa akka wayyus kaasu.

Fakkeenyaf, Itoophiyaan bajata waggaa, galii, baasii, odiitii mana maree bakka bu'oota uummataaf ni dhiyeessiti. Ertiraatti garuu kun hin jiru.

Baay'ina humna waraanaa, lakkoofsa gosa meeshaa waraanaa qabduu ibsuun icciitii biyyaalessaa ta'us, Itoophiyaan gosoota meeshaa waraanaa hidhattee sagantaawwan garaa garaa irratti beeksisuun alatti, marsariitii fi miidiyaa hawaasaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaarraa argachuun ni danda'ama.

Humni Waraanaa Itoophiyaa marsariitiifi miidiyaa hawaasaa kan mataasaatii gubbaatti oolmaa waraanaafi hojiiwwan garaa garaa hojjatu ni ibsa.

Humni Qilleensaaa Itoophiyaa akkasuma marsariitifi fuula miidiyaa hawaasaa kan mataasaatti ni qaba.

Ertiraan garuu karaa marsariitii Ministeera Odeeffannoo ykn Ministeera Dhimma Alaa ykn ammoo karaa TV biyyooleessaa yoo ta'e malee odeeffannoon intarneetiirraa argachuun rakkisaadha.

Ardii Afrikaarraa biyyi miidiyaa dhuunfaa hin qabne Ertiraa qofaa akka ta'e gabaasi dhaabbata Reporters Without Borders bara 2021 baase ni agarsiisa. Ergasii Ertiraan miidiyaa dhuunfaaf hayyama kennuu fi dhiisuu BBCn waan mirkaneeffate hin qabu.

Akka gabaasa dhaabbata kanaatti, Ertiraan walabummaa miidiyaa dhorkuun Kooriyaa Kaabaa ni caalti.

Itoophiyaanis biyyoota walabummaa miidiyaa sarban keessaa tokko akka taate ragaaleen ni agarsiisa. Haata'u garuu birqabaan Ertiraan gama kanaatiin harka heddu ni caalti.

Itoophiyaa keessa miidiyaalee mootummaan alatti miidiyaalen dhuunfaa heddutu jiru.

'Ertiraan waraana [ijaaruu] akka meeshaa tarsiimoo alaatti itti fayyadamti'

Itoophiyaafi Ertiraan tarsiimoo waraanaa garaa garaa akka hordofan xinxaaltonni ni himu.

Keessumaa Ertiraan biyya bulchiinsa nam-tokkee waan taatef humna waraanaa akka meeshaa tarsiimoo alaatti akka itti fayyadam kaasu namni dhimma nageenya Itoophiyaafi Ertiraa irratti qorannoo gaggeessan Nagaraa Guddataa.

Gama biroon ammoo humna Dargii mo'achuun biyya walabaa ijaarrachuu waan danda'aniif seenessa "biyya guddoo Itoophiyaa mo'anne" jedhurratti akka ijaarmtes kaasu.

"Waraana akka meeshaa tarsiimoo alaatti itti fayyamu. Kufaatii Dargiitif sababoonni garaa garaa jiraatanis, ergasii seenessa biyya guddoo mo'anne jedhu akka seenessatti itti fayyamu," jechuun Ertiraan humna waraanaa jabaa qabaachuu akka tarsiimoo alaatti itti fayyadamuu kaasu.

Gama biraan ammoo Ertiraan yeroo heddu mari'achuu caala waraanan deebii kennuu akka filattu himu xinxaalan kun waraana Ertiraan biyyoota ollaa wajjin gaggeessite akka fakkeenyatti kaasun.

"Yeroo baay'ee hin mari'atan [Ertiraan], waraanumaan deebisu. [Hidhattoota] Huutii duukaa wal-lolaniiru. Itoophiyaa waliin ala sadi wal-lolaniiru. Amma arfaffaadha, waraanni gara fuulduraa waan hin oolle waan ta'eef.

Sudaan duukaa wal-lolaniiru, biyyoota Ertiraa daangessan kan Ertiraa wajjin wal-hin lolin hin jiru," jechuun Ertiraan biyya waraanarratti ijaaramteefi waraana akka tarsiimoo alaatti itti fayyadamtu ta'uu ibsu.

Sochii waraanafi bulchiina Ertiraa kan Kooriyaa Kaabatiin wal-fakkeessanii kaasu qorataan kun. Biyyoonni bulchiinsa nama qeenxeetiin [Totalitarian] bulan waraana ijaarufi sodaachisaa akka tarsiimotti akka fayyadaman kaasu.

"Biyyi tokko yeroo bulchiinsa nama qeenxedhaan bultu, ilaalchuma nama sanaatini [gaggeessaa biyyattii bulchu] kan isheen deemtu. Namni sun ofiitti amanamummaan itti dhagahama; biyya dhuunfateera waan ta'eef ollaas nan dhuufadha jedhee ofitti amanamummaa akkanaa horachuu mala.

Biyyoonni akkanaa, fakkeenyaf Kooriyaan Kaabaa biyya hiyyeettidha garuu misaa'eluma dhukaasaa oolti. [Kan Ertiraa wajjin] waluma fakkaata. Biyyoonni nam-tokkeen bulan caalmatti sirna waraanaa ijaaruu irratti xiyyeeffatu," jedhu.

Humni waraanaa Itoophiyaafi Ertiraa maal fakkaata?

Tarsiimoo nageenyafi waraanaa biyyoonni lamaan hordofan akkasumas odeeffannoo qabatamaa qooduu irratti Itoophiyaas ta'ee Ertiraatti rakkoo guddaatu jira.

Gahuumsa waraana biyyoota lamaanii wal-bira qabatamaa gama lamaaniyyuu argachuun rakkisaadha.

Haa ta'u garuu, odeeffannoo dhaabbileen garaa garaa waggaa waggaan sadarkaa humna waraanaa biyyoota addunyaa baasan fayyadamuun biyyoonni lamaan humna waraanaa akkamii qabu kan jedhu ilaaluf yaallera.

Dhaabbanni Global Fire Power (GFP) jedhamu waggaa waggaan dandeettii humna waraanaa biyyoota addunyaa xinxaalun sadarkaasaanii baasa.

Dhaabbanni kun gabaasa isaa kan bara 2025tiin biyyoota 145 sadarkaa jabina humna waraanaa isaanii baasera.

Akka gabaasa kanatti Itoophiyaan bara kana jabina humna waraanan addunyarraa sadarkaa 52ffaarra jirti.

Ertiraan ammoo 120ffaarra jirti. Gabasni Global Fire Power akka agarsiisutti Itoophiyaan dimshaashan Ertiraa caalaa humna waraanaa jabaa cimaa qabdi.

Dhaabbanni kun sadarkaa cimina humna waraanaa biyyootaa baasuf galteewwan garaa garaa fayyadama: baay'ina uummataa, guddina diinagdee, GDP, bajata biyyatti keessaa hanga waraanaf oolufi galteewwan biroo 60 akka fayyadamu ibsa.

Kanarraa ka'uun Itoophiyaan baay'ina uummataa, guddina diinagdee, GDP fa'aan Ertiraa ni caalti.

Ertiraan ammoo baay'ina uumataa miliyeena 6 qabdu keessaa heddduunsaanii leenjii loltummaa kan qabaniif baay'ina loltuutin Itoophiyaa ni caalti. Kana jechuun humna idileefi eeggataan walitti dabalamee jechuudha.

Itoophiyaan humna waraanaa idilee (active personnel) malee humna eeggataa hin qabdu. Ertiraan garuu humna eeggataa qabdi.

Akka gabaasa Global Fire Power kanatti Ertiraan humna idileefi eeggataa dabalatee tilmaaman loltoota 250,000 ta'an qabdi. Kanneen keessaa 120,000 loltota idilee yoo ta'an 130,000 ammoo humna eeggataadha.

Itoophiyaan humna eeggataa kan hin qabne yoo taatu, loltoota idilee 162,000 akka qabdu ibsa gabaasi kun.

Haa ta'u garuu, waraana bara 2020-2022tti kaaba Itoophiyaatti gaggeeffameefi biyyattii keessatti naannolee addaa addaatti gaggeeffamaa jiruun wal-qabatee loltoonni kumaatamaan lakkaa'aman leenji'uusaanii gabaasaleen ni agarsiisu.

Kanaaf tilmaamni jiru, lakkoofsi loltoota Itoophyiyaa amma jiru kan dhaabbanni Global Fire Power ibse kanaa ol ta'uu mala.

Itoophiyaan cimina humna qilleensaa qabduun Ertiraa akka caaltu gaabsni kun ni ibsa. Itoophiyaan loltoota humna qilleensaa 5,000 ta'an kan qabdu yoo ta'u biyyoota 145 keessaa sadarkaa 55ffaa irratti argamti.

Ertiraan ammoo loltoota humna qilleensaa 500 qabaachun addunyaarraa sadarkaa 81ffaarra jirti.

Humni Qilleensa Itoophiyaa erga hundeeffamee umurii waggaa 100tti dhiyaatu qaba. Ragaalen akka agarsiisanitti bara 1929tti hundeeffame.

Humni Qilleensa Ertiraa garuu hundeeffama Ertiraa wajjin kan wal-qabatuudha. Biyyoonni lachuu irra guddeessan xayyaarota waraanaa Raashiyaan omiste kan Mig fi Su jedhamuun beekaman fayyadamu.

Lakkoofsi sadarkaan xayyaaronni kun irra jiraan ifatti beekamuu baatus, Itoophiyaas ta'ee Eritiraan hanga yeroo dhiyootti xayyaarri waraanaa ammayyaa isaan hin hidhatanii Su-27 kan Raashiyaan omishtuudha.

Haata'u garuu Itoophiyaan bara darbe xayyaara waraanaa Raashiyaan omishtu Su-30 bituu ifatti beeksiftee turte.

Dabalataanis xayyaarota waraanaa bara Hayilasillaasefi Dargii akkasumas bulchiinsa ADWUI turan kanneen akka F-5, Mig-21, MiG-23fi helokoptaroota waraanaa (attack helicopters) ni fayyadamti.

Ertiraan biyya Galaana Diimaa qarqaratti argamu ta'uusheen Humna Galaanaa (Navy) qabdi. Bara 1993 yeroo Itoophiyarraa fottoqxu, Ertiraan Humna Galaanaa Itoophiyaa duraan achi ture dhuunfatte.

Gabaasi Global Fire Power akka agarsiisutti Ertiraan yeroo ammaa bidiruuwwan qarqara galaanaa eegan (patrol boats) 18 akka qabdu ibsa. Loltoonni humna galaanaa isheen qabdus 1,000 akka ta'an ibsa.

Ertiraan ulaa Galaana Diimaa fudhattee Itoophiyaarraa fottoquu hordofee, Itoophiyaan gara waggoota 30f humna galaanaa hin qabdu turte.

Haata'u garuu MM Abiy akkuma aangootti dhufaniin Humna Galaanaa Itoophiyaa hundeessuu beeksisuun loltoonnis leenjii jalqabuu ibsan. Kunis ejjannoo Itoophiyaan ulaa galanaa argachuu qabdu jedhun kan wal-qabatudha.

Boodarra Itoophiyaa bara Amajjii 1, 2024 Somaaliland irraa ulaa galaanaa argachuuf waliigaltee wal-hubannoo mallatteessite.

Kun ammoo Somaaliyaa wajjin muddama keessa ishee galche erga tureen booda waliigaltee Ankaaraatti taasifameen amma biyyoonni lamaan gara adeemsa dippilomaasii nagaatti deebii'an.