Himannaa Raayyaan Jen. Migbayirratti dhiheessef, Biiroon Nageenyaa Tigraay deebii kenne

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa qondaalli waraanaa humnoota Tigraay Jeneraal Migbay Haayila jedhaman hidhattoota Faannoo qindeessaa jiru jechuun himate.

Waraanni Itoophiyaa ibsa torban darbe baaseen Naannoo Amaaraa keessatti hidhattoota Faannoo 300 ol ajjeesuufi 100 ol madeessuu beeksisee ture.

Himannaa Raayyaa Ittisaa kanaaf Biiroon Nageenyaa Naannoo Tigraay gartuu TPLF kan Dr Dabratsiyoonitti caalsifate fi hidhattoonni Faannoo deebii kennaniiru.

Qaamoleen lamaanuu himannaa irratti dhiyateerratti waakkataniiru.

Yeroo waggaa lamaaf ta'uf waraanni Itoophiyaa hidhattoota Faannoo waliin naannoo Amaaraa keessatti walitti bu'aa jiru.

Haata'u malee, raayyaan ittiisaa Itoophiyaa qondaalli waraanaa humnoota Tigraay Faannoo keessaa harka qaba jechuun yoo himatu kun yeroo jalqabaaf.

Maaltu jedhame?

Raayyaan Ittisa Biyyaa ibsa jimaata baaseen guyyoota lama keessatti hidhattoota Faannoo "hedduu ajjeesuu" ibse.

Aanaalee Naannoo Amaaraa keessatti hidhattoota maqaa "Duula Tokkummaa (Andinnat Zamachaa)'' jedhuun qindeessee kan bobbaase Birgaadeer Jeneraal Migbay jechuun himate.

Duula qondaalli kun qindeessee bobbaase jedheen hidhattoonni Faannoo 317 du'uu fi kaaan 125ta'an madaa'anii kaan ammoo harka kennachuu ibsuun, duulli jedhames fashaluu beeksise.

Raayyan ittisaa Jeneraal Migbay "farra nageenyaa" fi naannoo Tigraay illee kanaan dura waraana hin malletti nama seensise ta'uu ibsuun himate.

''.. umuriisaa guutuu waraana uumuun ummata Tigraay waraanatti seensisee beekumsa waraanaa tokko malee dargaggeessa ibiddatti naquun nama beekamuufi farra nagaa fi misoomaa nama ta'eedha," jedha ibsi bahe.

'Maqa balleessiidha'

Biiroon Nageenyaa fi Tasgabbii Naannoo Tigraay kan yeroo ammaa gartuu TPLF kan Dr Dabratsiyooniin hoogganamutti caalsifate, ibsa baaseen himannaa kana mormeera.

Wanti miidiyaa hawaasummaa Raayyaa Ittisaarratti barraa'e ''maqa balleessii'' akkasumas ''qaama dhimmi isaa hin ilaalletti quba qabuudha'' jechuun ibse.

Ibsa ''itti gaafatamummaa irraa hin mul'anne'' akkasumas ''baay'ee nama gaddisiisa'' jedhe kanaan ''akka saffisaan sirratu'' gaafateera.

Jeneraal Migbayis miidiyaa diyaasporaa keessa jiru waliin turtii taasisaniin himannaa mootummaan irratti dhiyeessu haalaniiru.

Hidhattoota Faannos ta'e mootummaa Ertiraa waliin hidhata homaatuu akka hin qabne ibse.

Wal-dhabdee gaggeessitoota TPLF gidduutti dhalateen gareen TPLF mootummaa Ertiraafi hidhattoota naannoo Amaaraa waliin qunnamtii qabu jedhu dhiyaataa ture.

Pirezidantiin bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa dhiyeenya qondaalota waraanaa aangorraa ugguraman sadii keessaa tokko Birgaader Jeneraal Migbayi Hayileeti.

Obbo Getaachoon Jeneraal Migbayi dabalatee jeneraalota sadi sababa ugguraniif yoo ibsan akkana jedhan akkas jedhan.

''Murtee mootummaatiin alatti ummata keenya guutuu gara rakkootti, dargaggeessa ammoo gara jeequmsaatti, humna nageenyaa keenya ammoo gara walii isaaniin walitti bu'uutti geessuurra darbee ummata keenya gara rakkoo keessaa ba'uu hin dandeneyeetti geessaa jiru" jedhan.

Torban tokko dura ammoo garee TPLF Dr. Dabratsiyoonin hogganamu naannoo Tigraayitti fonqolcha mootummaa gochaa jiru jechuun mootummaan federaalaa akka gidduu seenuf waamicha dhiyeessanii ture.

Gartuun Dr Dabratsiyooniin hoogganamu himannaa kana ni waakkata.

Hidhattoonni Faannoo maal jedhan?

Hidhattoonni Faannoo yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa mootummaa federaalaa bira dhaabbachuun TPLFn lolaa turan, eegasii wal dhaban.

Eega waraanni kaaba biyyatti waliigaltee Piritoriyaatiin xumura godhateen booda, Ertiraafi Itoophiyaanis hariiroon isaaniis akka duriitti hin jiru.

Ertiraan loltoota duraanii leenjiif waamteetti, Itoophiyaanis gara daangaa Ertiraa loltoota sochoosutu gabaafameera. BBC garuu kana madda walabaarra addatti hin mirkaneeffanne.

Sababa kanatti waraanni biyyoota lamaan gidduu ka'uu mala jedhamee sodaatamus dhihoo MM Abiy Galaana Diimaaf jennee Ertiraa waliin lola hin seennu jedhaniiru.

Kana dura mootummaan Itoophiyaa gartuun TPLF tokko Ertiraa waliin dalagaa jira jedhee himateera. Ertiraan ammoo himannaa kana waakkatteetti.

Dubbii himaan hidhattoota Faannoo Walloo jiru, Obbo Abbabaa Fantaahuun, waraanni hidhattoota isaanii 30 illee hin ajjeefne jechuusaa maddi oduu Rooyitars gabaaseera.

Dubbii himaan hidhattoota Faannoo Gondar jiranii ta'u kan of ibsan Yohaannis Nigusuu immoo deebii Rooyitarsiif kennaniin waraana biyyaa dhibbaan lakkaa'aman ajjeessuufi kaan madeessuu himan.

Dabalataanis kan booji'an jiraachu lakkoofsaan eeruun kaasan. BBC'n lakkoofsa gareen hidhattootaa kun kaasan addatti qaama walabaarraa waan mirkaneeffate hin qabu.

Rooyitars waa'ee kana qondaalota mootummaa fi TPLF biraa odeeffachuuf yaalus akka hin milkoofne ibse.

Gama kaaniin, Obbo Abbabaan hidhattooti Faannoo qondaala waraanaa gartuu TPLF tokko hiriiran waliin hariiroo hin qabnu jedhaniiru.