Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humni waraanaa Itoophiyaafi Somaaliyaa walbira qabamee yeroo ilaalamu maal fakkaata?
Dhiheenya kana muddamni Somaaliyaa fi Itoophiyaa jidduutti umame cimuun, keessattuu gama mootummaa Somaaliyaa kan walabummaan koo sarbame jedhuun waamicha wal-dhibdee hammeessaniifi qophiin waraanaa dhagahamaa jira.
Waldhabdeen biyyoota ollaa lamaan daangaa dheeraa waliin qaban kanneen gidduutti kan eegale torban muraasa dura erga Itoophiyaan Somaalilaandi biyya walaba ofiin jettu waliigalteen wal hubannoo mallatteessiteen boodadha.
Sanadni wal-hubannoo hojiirra wayita oolutti, Itoophiyaan ulaa galaanaa hanga km20 dheeratu kan argattuu yoo ta'u, bakkasaa Somaalilaand beekamtii biyyummaa gaafattii, gama Itoophiyaan garuu ifatti waan dubbatame hin jiru.
Somaaliyaarra kan tasgabboofteefi garuu mootummaa jidduugalaa waliin walitti dhufeenya kan hinqabne Somaalilaand, ejjannoo biyya ishee jechisiisuu qabaattuuleen garuu hanga ammaatti biyya kamiinuu beekkamtii hin argatiin jirti.
Waliigalteen kunis waggoota 30'f ulaa galaanaa malee kan jirtu Itoophiyaaf ulaa galaanaafi humna galaanaa akka qabaattuu kan dandeessisuu yoo ta'u, Somaaliilaand ammoo yoo beekkamtii biyyummaa argattee biyyoonni kaanis akka itti dhiyaataniif karra saaqaaf.
Waliigalteen kuniifi bu'aan inni hodofsiisu kan dheekkamsise aanga'oonni mootummaan Somaaliyaa waliigaltichi ''haleellaa walabummaa biyya keenyaarratti raawwatameedha'' jechaa erga turaniin booda, guyyaa muraasaan dura ammoo waltajjiiwwan garaa garaarratti Itoophiyaa waliin waraana keessa seenuuf qophiidha yoo jedhan dhagahaman.
Miidiyaaleen biyyattis akkasuma muuziqaa gara waggaa 50 lakkoofsise kan bara waraanni Ziiyaad Baarree yeroo Itoophiyaarratti weerara raawwateetti, muuziiqaa 'miira namoota dammaqsu' waraana Itoophiyaa fi Somaaliyaa namoota yaadachiisu irra deddeebi'anii gadhiisaa jiru.
Yeroo sanattis waraanni Somaaliyaa duula gaggeesseen kilomeetiroota hedduu daangaa Itoophiyaa keessa erga seeneen booda, bulchiinsi mootummaan waraanaa Itoophiyaa yeroo sanaa waamicha ummataa taasiseen yeroo gabaabaa keessatti loltoota kumaatama leenjiisuun haleellicha qolachu danda'ee ture.
Tibba sanatti Ameerikaafi Gamtaan Sooviyeeti muddama waraana oloolaa keessa waan turaniif, Itoophiyaafi Somaaliyaa duuba ta'un hidhachiisaa deeggaraa turan.
Dhummarrattis addunyaa lixaatiin kan deeggaramtu Itoophiyaan waraanaa Somaaliyaa daangaashee keessaa baasuun waraanichi xumurame.
Muddamma amma umameen pirezidaniittiifi ministira mummee Somaaliyaa dabalatee, waraanaaf akka qophaa'aniif dargaggootaaf waamicha taasisuun alatti, waraana waggootaan dura gaggeeffame eeruun yoo kakaasan dhagahamu.
Sadarkaa waraanaa Itoophiyaafi Somaaliyaa
Waraana garaagaraa keessa kan turan biyyoonni lamaan waraanaa fi humna hidhannoo wal hin ginnee akka qaban odeeffannoon idil-addunyaa humna waraanaa biyyootaa gabaasu agarsisa.
Humni waraanaa waliigalaa biyyootaa madaaluun sadarkaa biyyootaaf kan laatu Global Firepower; bara 2024tti dandeettii waraanaa biyyoota 145, guddina waraana isaanii irraa kaasee hanga meeshaa waraanaa hidhataniitti sakatta’eera.
Haaluma kanaan, Global Firepower biyyoota 145 keessaa Itoophiyaa sadarkaa 49ffaa yoo kaa’u, Somaaliyaanis sadarkaa 142ffaa kaa’e.
Kanaaf, Itoophiyaafi Somaaliyaan yoo biyyoota Afriikaa waliin wal madaalchiifaman sadarkaansaanii baayyee kan waliirraa fagaateedha.
Itoophiyaan humna waraanaatiin biyyoota Afriikaa 54 keessaa sadarkaa shanaffaa irratti yoo argamtu, isheen dura Masrii, Aljeeriyaa, Afriikaa Kibbaa fi Naayijeeriyaatu jira.
Haala sadarkaa Global Firepower kanaatti, Somaaliyaatti kan aanan Suriinaam, Moldovaa fi Butaan yoo ta'an, Afriikaa keessaa sadarkaa dhumaarratti argamti.
Dandeettii waraana biyyoota 145 madaaluun wagga waggaan sadarkaa kan baasuu Global Firepower, madaallii isaatiif qabxiilee ulaagaa 60 fayyadama.
Isaan keessaayis baayyina kutaalee waraanaa biyyoonni qaban, bajata waggaan waraana saaniif ramadan, dhiyeessii waraanaaf barbaachisaniifi yeroodhaan dhiyaachusaanii akkasumas haala teessuma lafa biyyootaatiin bal'inaan xinxalamaniiru.
Mee waraanaa Itoophiyaafi Somaaliyaa gama loltoota, meeshaa, dhiyeessiifi bajata waliigalaatiin wal maddii qabnee haa ilaallu.
Humna namaa
Itoophiyaan baay'ina ummataa waliigalaa miiliyoona 116 kan qabdu yoo ta'u, kana keessaa miiliyoona 34.7 loltummaaf ulaagaa barbaachisu ni guutu.
Faallaa kanaatiin Somaaliyaan baay’ina ummataa waliigalaa miliyoona 12.6 kan qabdu yoo ta’u, namoota waraanaaf filatamuu ulaagaa guutan miliyoona 1.7 qabdi.
Akka lakkoofsi ‘Global Fire Power’ ibsutti, yeroo ammaa Raayyaan Ittisa Itiyoophiyaa walumaa galatti loltoota 162,000 kan qabu yoo ta’u, Somaaliyaan humna Dafee Qaqqabaa ishee dabalatee loltoota 17,000 hin caalle qabdi.
Humna hojjattaa, faayinaansiifi loojistikii
Humni hojjetaa biyya tokkoo waraana yeroo dheeraa gara fuula duraatti gaggeeffamu keessatti gahee olaanaa qaba.
Global Firepower biyyattii keessatti waantoonni oomishamuu danda’an, dirree waraanaaf galtee ta’an kanneen akka rasaasaa, uffata waraanaa, meeshaalee jijjirraa, qoricha, nyaataa.qabaachuun dhimma murteessaa ta’uutu himama.
Ityoophiyaan humna nama kana raawwatu miiliyoona 56 kan qabdu yoo ta’u, humni hojjetaa Somaaliyaan ammoo humna namaa miliyoona sadii ta’u qabdi.
Waraanaa keessatti dandeettiin maallaqaa fi dhiyeessiin loojistikii kan akka boba’aa dhimma bu’uurati.
Akka Global Firepower jedhutti, Itoophiyaan bajata waggaa doolaara miiliyoona 888 ol waraana isheef kan ramaddu yoo ta’u, bajatni waggaa Somaaliyaan ramaddu naannoo doolaara 457, 00 ta’a.
Waraanni Itoophiyaa, konkolaataa waraanaa , xiyyaara waraanaa walumaagalatti indaastiriiwwan waraanaaf boba’aa barmeela kuma 110 kan barbaadu yoo ta’u, waraanni Somaaliyaa waggaatti boba’aa barmeela 6,000 qofa barbaada.
Humna qilleensaafi galaanaa
Akka gabaasi Global Firepower ibsutti, Itoophiyaan xiyyaarota waraanaa 91 qabdi. Isaan keessaa 23 xiyyaara waraanaa yoo ta’an, helikooptaroota 37 kanneen maadhee diinaa rukutuu, odeeffannoo dirree waraanaatti sassabuu, loltoota mada’aan kaasan, opporeshinii waraanaa addaa ta’e deeggaruuf oolan fa’aa qaba.
Kana malees xiyyaarota sadarkaan guddina isaanii wal caalu 37 kan tajaajila geejjibaa kennan fi leenjiif oolan qabdi. Gabaasa Global Firepower bara 2024 haaromfame kana keessatti eeramuu baatus, Itoophiyaan dirooniiwwan Turkii, Chaayinaa fi Iraaniin oomishaman baay’inaan akka qabdutu amanama.
Faallaa kanaatiin, Somaaliyaan xiyyaara waraanaa, geejjibaas ta’e, leenjii kennan hin qabdu jedha gabaasni Global Firepower.
Akka gabaasa kanaatti Somaaliyaan humni waraana galaanaatiin qabduun Itoophiyaa irraa fooyyeedha.
Somaaliyaan doonii xiyyaarota baatan hin qabdu haata’u malee, dooniiwwan galaanaarra ittin mil’achuuf oolan 11 kan qabdu yoo ta’u, guddinni isaanii gabaasa kana keessatti ifatti hin ibsamne.
Itoophiyaan biyya ulaa galaanaa hin qabne yoo taatu, yeroo ammaa doonii humna galaanaa waraanaaf oolan hin qabdu.
Waraanni Somaaliyaa Siyaad Baarreen ijaarame waraana Itoophiyaa fi Somaaliyaa giddutti gaggeeffame ture booda kan diigame yoo ta'u, biyyattiin wal-waraansa keessaas bahu hin dandeenye.