Waa'ee Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa Itoophiyaan yeroo jalqabaaf qopheessite baruu qabdan

Madda suuraa, National ID website
Kaayyoon ijoo sagantaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa lammiilee Itoophiyaa maraaf waraqaa eenyummaa adda tahe kennuudha.
‘’Namni dhuunfaa tokko ofiisaan addadha qajeelfama jedhun'' akka dalagu dhaabbati dhimma kana dalagaa jiru ni ibsa.
Kanaanis, ''....odeeffannoo nama sanaa fayyadamuun waraqaa eenyummaa nama kaan wajjin wal-fakkaachuu hin dandeenye akka qabaatu gochuu dha,’’ jedhu dubbii himaa waajjira sagantaa kanaa kan tahan Obbo Abeenezar Fallaqaa.
Sagantaan kuni Waajjira Ministira Muummee jalatti bara 2021 irraa qabee hojjechuu kan eegale yoo tahu waggaa shaniif kan adeemsifamudha.
Haala kanaan bara 2025'tti lammiilee Itoophiyaa miiliyoona 70 tahan galmeessee xumuruuf kaayyeeffateera.
Akka jalqabbiitti bara 2021 irraa kaasee saamuda galmeewwan dijitaalaa Finfinnee fi magaalawwan naannoo irratti adeemsifnneerra jedhu Obbo Abeenezar.
Galmeen kuni yeroo geggeeffamu namni tokko waraqaa eenyummaa gandaa, paaspoortii fi waraqaa eenyummaa afooshaallee waan eenyummaasaa ibsu kamiyyuu yoo fidee dhufe, maqaasaa, guyyaa dhalootaa, teessoo isaa ammaa akkasumas lammummaan ni galmaa'a.
Gama biraan, odeeffannoo murteessaa hin taane lakkoofsa bilbilaa fi imeeliin funaanama.
Tajaajila Waraqaa Eenyummaa kana dhalattoota Itoophiyaa biyya alaa jiraatan dabalatee namoonni seera qabeessaan Itoophiyaa keessa jiraatan marti argachuu danda’u.
Akka Obbo Abeenezar jedhanitti waraqaa eenyumma dijitaalaa kaanirraa kan adda godhu ''daataan baayoomeetriikii fudhatamuusaati,'' jedhan
Baayoomeetriik daataa jechuun,’’ashaaraan ijaa, quba kudhaniifi suuraa nama sanaa suuraadhaan yoo fudhatamu dha,’’ jechuun ibsan.
Odeeffannoon kuni qindeeffamee lakkoofsi eenyummaa dijitaalaa abbaa dijiitii 12 bilbila nama dhuunfaa sanatti ergama jechuun ibsan.
‘’Nuti egaa lakkoofsa sanadha eenyummaa dijitaalaa kan jennuun,’’ jedhan.
Tahus lakkoofsa kana, ‘’bilbilaan qabachuu ykn waraqumaan akka maxxanfamuuf haala mijeessaa jirra,’’ jechuun himu Obbo Abeenezar
Amma immoo appilikeeshinii 'Fayda' jedhamu qopheessuun, isaaniis galuun kooppii dijitaalaa argachuun danda’ama.
Waraqaan eenyummaa dijitaalaa kuni ‘Fayda’ jedhamuun akka waamamus himaniiru.
''Namni tokko tokkuma''
Waraqaaan eenyummaa dijitaalaa kuni ''nama tokkoof tokko'' qajeelfama jedhu hordofa kan jennu odeeffannoo baayoomeetriksii fayyadamuusaatiin jechuun ibsan.
Odeeffannoon baayoomeetriksii irra deebiin kennamuun eenyummaa waliin dhahuun akka hin jiraanne ni taasisa jedhan.
Ashaaraan ijaafi qubaa odeeffannoo dhuunfaa kaan wajjiin walitti qindaa’ee lakkoofsi kennamu kanuma nama dhuunfaa sana qofaa taha.
‘’Kunis maqaa nama biraatiin waraqaa eenyummaa baasuu fa’i ni hambisa jechuu dha.’’
Haala kanaa namoonni lakkoofsa eenyummaa isaaniif qofa kenname kanaan tajaajila argachuu danda’u.
Hamma ammaatti sirni waraqaa eenyummaa ‘’guutummaan guutuutti dijitaala tahe hin jiru. Kuni kan jalqabaati,'' jedhan Obbo Abeenezar.
Dhimma waliin dhahuu hambisuu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kaayyoon waraqaa eenyummaa dijitaalaa kuni jiraattonni tajaajila ''hunda-hammataa'' tahe akka argatan gochuudha.
Akka isaan jedhanitti Itoophiyaa keessatti namni keessumaa naannoo baadiyyaa jiraatu harki 40 waraqaa eenyummaa hin qabu.
Jiraattota waraqaa eenyummaa qaban keessaa ammoo harki 90 gama dijitaalaan odeeffannoon isaanii hordofamuu hin danda’u jedhu Obbo Abeenezar.
Sababa kanaan dhaabota eenyummaa waliin dhahuun dhiibbaan irra gahuu keessaa tokko jaarmiyaa faayinaansii baankiidha jedhu ogeessi kuni.
Baankiiwwan Itoophiyaa mala ittiin eenyummaa namoota sirrii hordofuun adda baasan gatiin qabneef maallaqaa waliin dhahuu mudatuun waggaa darbe qofa birrii biiliyoon 1.8 akka dhaban gabaasni Baankii Biyyaalessaa akka agarsiisus himaniiru.
Haala kan hambisuufis ‘Fayda’n baankiiwwan wajjiin qindoominaan hojjechaa jira jechuun hubachiisu.
Kana malees tajaajilota adda addaa kennaman irratti odeeffannoon namoota dhuunfaa wal-hin faallessine akka jiraatuufi ni taasisna jedhan.
Yoo kuni hojiirra oole baasii hir’isuun dabalataan tajaajilli si’ooma qabu kan itti amanuun danda’amu akka jiraatu taasisa jedhan.
Dhimma sabummaa irratti...
''Nama tokko waraqaa eenyummaa dijitaalaaf yeroo galmeessinu namni tokko yeroo tajaajila fayyadamu isa adda baasuuf odeeffannoo barbaachisu qofa dha kan fudhannu,'' jedhan Obbo Abeenezar.
Kunis odeeffannoo nama dhuunfaa bu’uuraa ‘’maqaa, bara dhalootaa, teessoo fi lammummaa,’’ isaatu fudhatamaa jechuunis ibsan.
Odeeffannoo kanaan ala jiran garuu warreen tajaajila kennantu akka barbaachisummaa isaatti fayyadamtoota gaafatu jechuu dha.
Kanaaf Fayda’n odeeffannoo sabaafi kaan hin fudhatu jedhan.
Waraqaan Eenyumma Biyyaalessaa Dijitaalaa kuni kanneen kana dura turan waraqaa eenyummaa gandaa fa’i ‘’haala amma jiruun bakka ni bu’a jechuu hin dandeenyu garuu inni dijitaalaa kuni odeeffannoo qabuun akka adda baasa eenyummaa bu’uuraatti gargaaruu danda’a,’’ jedhu.
Walumaagalattii, ''kaayyoon waraqaa eenyummaa dijitaalaa warreen kaan bakka bu’uun tajaajiluu otoo hin taane, fayyadamtootni baankii, teelee, mana barumsaa, gibira kaffaluu irratti fa’itti tajaajila si’ataa akka argatan gochuu dha,'' jedhan.
Gara fuulduraatti waraqaa eenyummaa kaan wajjiin akkamiin hojjeta kan jedhurratti yaada kennuu akka hin dandeenye Obbo Abeenezar himaniiru.
Dhimma mateenya namoota dhuunfaa
Dhimma waraqaan eenyummaa dijitaalaa yeroo kennamutti odeeffannoon baayomeetriksii ashaaraa ijaafi qubaarraa fudhatamu icciitii namoota dhuunfaa gama saaxiluun akkamiin ilaalama jechuun gaaffii kaasneefis deebii kennaniiru Obbo Abeenezar.
Itoophiyaan odeeffannoon nama dhuunfaa akka eegamuuf jecha ji’a Bitootessaa keessa labsii Waraqaa Eenyummaa Dijitaalaa raggaasifteetti.
Odeeffannoon funaanamus namoota naannoofi wiirtuulee naannoo jiraniin kan to’atamudha.
Kanaaf sirna eegumsaan ammayyaa’e waan jiruuf namoonni odeeffannoon isaanii qaama sadaffaa kamiifuu hin qoodamu jechuun ibsu.












