Namticha waraqaa eenyummaa hatee £120,000 argachuuf yaale hidhaa seene

Madda suuraa, GODDARD LUCINDA
Lammiin Moozaambik Tirikaamoo Faarid jedhamu UK karaa seeran alaa seene ture. Mannii murtii sirumayyuu namticha sobee waggoota 18 jiraate jedheen.
Faarid bu'aa maallaqa waggoota 17 darbe argachuuf akka lammiitti gaafataa ture.
Dubbiin inni yaade milkii dhabdeetu,manni murtii Livarpuulitti dhiyaachuun yakkaa burjaajessii raawwachuu amanee, hidhaa waggaa lamaan adabame.
Ga'eessi ganna 40 Faarid, waraqaa eenyummaa hiriyaa maatisaati tokko hatee UK seene ture.
Dhaddacha mana murtiitti akka himametti, bara 1999 Lisban irraa gara UK tti wayita qajeelu waraqaa eenyummaa hate qaba.
Waraqaa eenyummaa kanas kan hateef akka lammii biyyoota Gamtaa Awurooppaatti hojii ittiin argachuu fi fayidaa akka lammiitti kennamuus fudhachuuf yaadee ture.
Bara 2002-2019 tti fayidaa maallaqaa £121,177 argachuuf iyyatee akka ture dippartimentiin dhimma sooramaa fi hojii biyyatti mana murtiitti himeera.
Poolisoonni yakkicha qoratan ragaan gaa'ilaa,waraqaan ragaa guyyaa dhalootaa daa'imasaatii fi ragaan lakkoofsa baankii isaallee maqaa nama waraqaa ragaa jalaa fudhate Quyintaa jedhamuun hojjatamuu ibsan.
Faarid yakkoota burjajeessii 15 raawwachuun qabeenya karaa seeraan alaa horachuuf yaalu amaneera.
Dubbi himanaan mana murtii adabbii Faarid irratti muree akka ibsetti, 'waggoota 18 sobee jiraate, yakka burjaajessa hamaas raawwatera' jechuun ibsan.













