Waldiyaatti hidhattoota Faannoofi humnoonni mootummaa walitti dhukaasuu jiraattonni himan

Magaalaa Waldiyaa

Madda suuraa, Woldia Comm.

Naannoo Amaaraa goidna Kaaba Walloo magaalaa Waldiyaatti humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduu walitti dhukaasni ''jabaa'' sa'atii dheeraaf tura taasifamuu jiraattonni BBCtti himan.

Dilbata kaleessaa 13/2024 galgala sa'atii 2:3 irraa jalqabee dhukaasni kutaalee magaalattii muraasa keessatti adeemsifame sa'atii dheeraaf kan ture tahuu jiraattoonni dubbataniiru.

Walitti dhukaasa magaalatti keessatti adeemsifameen namaafi qabeenyarratti miidhaan qaqqabe jiraachuu qulqulleefachuuf BBC'n qondaalota magaalattiitti bilbilus hin milkoofne.

Gareen hidhataa naannichatti socho'u haleellaa kan raawwate ''buufataalee ajaja waraanaa'' humnootii mootummaa irratti akka tahe BBCtti himeera.

Magaalattii keessa kutaalee magaalaa Goondar Barriifi Machaaree iddoowwan jedhamanitti ''lolli cimaan'' akka ture kan himan jiraattonni sadii maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan naannichi kaampiiwwan humnooti mootummaa itti fayyadaman dha jedhaniiru.

Gaafa Dilbataa humnooti mootummaa meeshaalee waraanaa gurguddoo naannoowwan gaarren qabanitti dhukaasa akka turan jiraattonni dubbataniiru. Eda galgala garuu humnooti Faannoo gara maagalaa seenuu isaanii himaniiru.

''Naannoo Waldiyaa Keellaafi Istaadiyeem jedhamutti xiyyeeffatanii ture. Halkan meeshaan waraanaa gurguddaa dhukaafamaa ture,'' jechuun jiraataan tokko dubbataniiru.

''Halkan haala hin eegamneen magaala kana keessa naannoo Gondar Barritti gama humnoota Faannoon dhukaasnni olaanaa baname. Karaa garagaraanis dhukaasni hanga tahe dhagahama ture,'' kan jedhan immoo jiraataa biraadha.

Walitti dhukaasuun kuni hanga halkan qixxee sa'atii 06:00 turuus himaniiru.

''Keellaa fi Gondar Barri keessa naannoowwan Huletanyaa Pooliis Xaabiyaa iddoowwan jedhaman jiru.

Isteediyeemiin Machaarree immoo lafa raayyaa ittisaa buufate dha. Kallattii dhukaasaa yeroon xiinxalu iddoowwan kanarratti kan qiyyaafate fakkaata,'' jechuun jiraataan biraa tokko dubbataniiru.

Humnooti Faannoo lafa humnooti mootummaa ''qubatanitti'' haleellaa raawwachuu himaniiru.

Humna hidhataa Faannoo naannichatti socho'u kana keessaatti dubbiihimaa Walloo kan tahe Obbo Abbaba Faantaawu naannichatti walitti dhukaasuun akka ture mirkaneessaniiru.

Hidhattoonni ''buufata waraanaa'' mootummaa irratti haleellaa raawwachuun booda hlkan qixxee magaalatti gadhiisanii bahuu himaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Walitti bu’insichi galgala irraa kaasee hanga halkan walakkaatti kan gaggeeffame waan ta’eef dhukaasa magaalattii raaseen alatti jiraattoonni maaltu akka mudate akka hin beekne ibsan.

Magaala Walidiyaatti dhukaasni guyyoota muraasaaf tasgabbaa'ee turee, walitti bu’insa Dilbataa, namoota nagaarraan miidhaa qaqqabsiisuu isaa ilaalchise wanti beekame hin jiru.

Haata’u malee dhukaasichaan qaamoolee wal waraanan lamaan irraa du’uun akka hin oollee jiraattoonni dubbatan.

Keessattuu naannoo istaadiyeem kan dhukaasni cimaan itti gaggeeffamaa ture fi ‘Axanaa taraa’ jedhamuutti qaamoolee wal waraanan keessaa namoonni miidhaman jiru jedhan.

‘‘Namni miidhame, namni rukutame akka jiru sagaleedhaan dhagahaa ture. Haata’u malee, garee kamirraa akka ta’e, meeqa akka ta’e hin beeku’’ jechuun dubbate jiraataan tokko.

Magaalaa guddoon Walloo Kaabaa Waldiyaan guyyoota sadan darbaniif baajaajii dabalatee dhorkaan geejibaa jiraachu, hidhaan akka feeteen rakkoo keessa jirti jedhan.

Haleellaa Dilbataa hordofee Wiixata ALI har’a Onkololesa 4, 2017, magaalatiitti sochiin idilee itti fufuu jiraattoonni dubbatanii, suuqiiwwan daldalaa dabalatee ‘‘sochiin jira’’ jedhan.

‘‘Sochiin duraanu waan jeeqameef wanti haaraan dabalame hin fakkaatu. Tibbana sochiin geejiibaa waan dhaabbateef haaliichi kan barameedha’’ jechuun ibsan jiraataan tokko.

‘‘Baankiiwwan dabalatee sochiileen hundi hojjataa jiru’’ kan jedhan jiraataan biraa, humnootiin nageenyaa mootummaa sochii baramaadha jedhan gochaa jiru jedhan.

“Erga bari’ate sochiin paatiroolii jira. Haala baramaa idileetu jira’’ jedhan jiraattoonni yaaddoodhaan ta’us sochiin itti fufuu kaasuudhaan.

ALI Dhuma Adooleessa 2015 mootummaa fi humnoota Faannoo jidduutti erga walitti bu’iinsi eegaleen booda, irra deddeebiin waraanni keessatti gaggeeffamu keessaa tokko Waldiyaan tokko.

Humnootiin Faannoo magaalaa seenuudhaan maneen hidhaa cabsuurraa kaasee, haleellaa boombii aanga’oota mootummaa irratti xiyyeeffate raawwataniiru.