Anga'aan US Chaayinaa dheekkamsiiste, Naansi Peloosii eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Af-yaa'iin mana-maree Ameerikaa Naansii Peloosii, tibba kana gara odola akka biyya of dandeesseetti of ilaaltu Taayiwaan deemuun ishee Chaayinaa hedduu mufachiiseera.
Taayiwaan akka biyyaatti beekamtii kan qabdu ta'uu baattus michuu Ameerikaadha.
Chaayinaan garuu Taayiwaan akka qaama biyya ofiitti ilaaluun guyyaa tokko tolaanis ta'e dirqamaan akka deebitu ejjennoo qabaachuun Ameerikaa dabalatee biyyi Taayiwaaniin simannaafi gita biyyaa kennuuf diinashee akka ta'etti ilaalti.
Yeroo gara garaattis Chaayinaan dhimma Taayiwaan kaasuun ibidda waliin taphachuudha jechuun Ameerikaa akeekkachiisteetti.
Hagayya jalqaba bara 2022 aanga'aan guddoo US kan yeroo ammaa Af-yaa'ii mana-maree biyyattii taate gara Taayiwaan imaluun isaanii ammoo Chaayinaa akka malee dheekkamsiisuun muddama gara sana jiru daran hammeessaa jira.
Chaayinaan loltootashee shaakala waraanaa Taayiwaanitti dhiyeenyatti jalqabuuf yeroo jirtutti, Taayiwaan ammoo guyyaa Peloosiin odolattii keessa ejjetterraa kaasee loltoonni ishee of eeggannoo cimaan akka qophaa'an himameera.
Ofii Naansii Peloosii eenyu?
Maqaan ishee guutuun Naansii Paatiriishiyaa Peloosii jedhama. Nama siyaasaa buleettii bara 2019 irraa kaastee mana-maree bakka bu'oota ummataa Ameerikaatti Af-yaa'ii ta'uun tajaajilaa jirti.
Naansii Pelosiin erga bara 1987 kaastee Kaalifoorniyaa irraa bakka buutuu US ta'uun tajaajilaa jirti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubartiin siyaasa Ameerikaa keessatti waggoota 40tti siqu gahee guddaa taphataa jirtu kun Chaayinaa cimistee qeequun beekamti.
Naansii Pelosiin bara 1991 daawwannaa Chaayinaa, Beejingitti taasistee turteen, wantota ejjennoo ishee ibsuun aanga'oota Chaayinaa haalaan kan ajaa'ibsiiseefi dheekkamsiisee ture.
Dubartiin siyaasaa kun namoota ajjeechaa Addabaabaayii Tiyaanmiin dhaadannoo leellisu dhageessisuun bakka humnonni nageenyaa Chaayinaa mormitoota warra dimokiraasiif dhaabbatan itti haleelan dhaabbachuun kabaja qaban agarsiisteetti.
Dubartii umuriin ishee ganna 82 ta'e Aadde Peloosiin, sirna bulchiinsa Komunistii Chaayinaa irratti mormii cimaa qabaniin addattti beekamti.
Dhimmi biraan akka isheen aanga'oota Chaayinaa waliin waldhabdu taasise dursaa warra Tiibeet kan ta'eefi yeroo ammaa mana keessatti hidhame kan jiru Daalaay Laamaa waliin hariiroo qabaachuu isheeti.
Af-yaa'ittiin kun bara darbe yeroo mootummaan Ameerikaa haleellaa Musliimota Chaayinaa Wiigaa keessa jiran irratti raawwatame akka duguuggaa sanyiitti beekamtiin akka kennamuuf hojjechaa turetti adda-durummaan socho'aa turteetti.

Madda suuraa, Getty Images
"Sababa hariiroo daldalaatiif mirgoota namoomaatiif dhaabbachuu yoo hin dandeenye bakkawwan birootti waa'ee kabaja mirga namoomaa dubbachuudhaaf hamilee dhabdu," jechuun gaaffiifi deebii barruu Poletiikoo jedhamu waliin taasifte irratti ibsiteetti Pelosiin.
Daawwannaan falmisiisaa Af-yaa'iin kun miillana Taayiwaanitti taasiste erga bara 1997 as aanga'aa guddaa Ameerikaa biyyattii daawwatan kan jalqabaa ishee taasisa.
Daawwannaan Peloosiin Taayiwaanitti taasifte kun Chaayinaa biratti qofa osoo hin taane aanga'oota biyya ishee birattis gaaffii kaaseera.
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Af-yaa'ittiin Taayiwaanitti mul'achuun Chaayinaa biratti akka qoccollootti ilaalamuu kan danda'u jechuun yaaddoo uummannis qabu eeruun, "yaada gaarii miti" jedhanii ture.
Naansii siyaasaaf kaadhimamte
Bara 1940 abbaa ishee kantiibaa duraanii Baaltimoor Tomaas D Aleksaandiroo Juuniyeer dhalatte.
Yeroo jalqabaatiif kora Paartii Dimokiraatik irratti yeroo argamte umuriin ishee waggaa 12 ture.
Yeroo umuriin ishee waggaa 20 guute ammoo muudama pirezidantii Joon F Kenedii irratti argamte Naansii Peloosiin.
Kutaa bulchiinsa Kaaliforrniyaa keessatti duula filannoo warra Dimokiraatotaaf hojjechuu, akkasumas maallaqa walitti sassaabuun ture hojii kan jalqabde.
Pelosiin bara 1987 teessuma mana-maree mo'achuun erga bara sanaatii kaastee kutaa bulchiinsa Saan Firaansiiskoo bakka buutee jirti.
Dabalataanis Af-yaa'ii mana-maree ta'uun marsaa sadaffaa tajaajilaa jirti. Bakki kun ammoo bakka pirezidantii itti-aanaatti aansee gita bakka bu'ummaan pirezidaantii kennamuufidha.
Pelloosiin seenaa Ameerikaa keessatti Af-yaa'ii dubartii jalqabaati.

Madda suuraa, Getty Images
Peloosiin siyaasa keessatti Chaayinaa qeequun qofa miti kan beekamtu.
Bara 2003 yeroo waraana Iraaq turettis namoota siyaasaa waraana Iraaq morman keessaa tokko turte.
Baroota 1980 fi 1990 keessa mirga jaallattoota saala walfakkaataa (LGBT) warra jedhamiif dhaabbachaa kan turte yoo ta'u, yeroo sanatti dhimmoonni akkasii kunneen ajandaa siyaasaa ijoo keessaa kan fagaatan turan.
Dabalataanis dhiyeenya kana kan manni murtii waliigalaa Ameerikaa seera ulfa baasuun mirga heera mootummaa dubartoonni qaban jedhu haquu isaa mormiin cimisitee qeeqxeetti.
"Ameerikaanonni har'a mirga haadhotii isaaniin gadi qabu," jechuun mirga ulfa baasuu dubartootaa seeraan dhorkame mormuun dubbatte.
"Murteen kun waan akka kaballaan dhaanamuuti," jette Peloosiin.
Haata'u malee, Peloosiin dhimmoota biraa yaa hojjettuyyu malee, adda-durummaan garuu kan guddistee beekamtu mormii bulchitoota Komunistii Chaayinaa irratti dhiyeessituunidha. Daawwannaa isheen Taayiwaanitti taasiftes kana caalaa cimsa.












