Teeknoloojii qophii qooccoo haadholiif dadhabbii guyyootaa sa'aatiitti deebise

Haadhaa warqee duugaa giran

Aadde Asallafach Abbixee Kibba Itoophiyaa doorzee keessa jiraatu. Naannoon isaanii bakka qooccoon (nyaannii warqee irraa hojjatamu) baay'inaan itti oomishamu qofa osoo hin taane, isaan biratti qooccoon soorata idileeti.

Gaazexeessitootni BBC mandara Warra Doorzee ka tabba ol ka'aarra jiruu fi baayyee qorru bahuun qe'ee isaanii wayita gahan Aaddee Asallafachis mana isaanii duubatti jirma qooccoo ciibsanii mala aadaatiin soofaa turan.

Qe'een isaanii warqee qooccootiin kan marfamedha. Isaan hundee qooccoo qirixame taa'anii adeemsa dheeraa nyaataaf gahuuf fudhatu gara jalqabaarra jiru.

Warqee qooccoo soofuun kun isaan qofa osoo hin taane, dubartoota naannoo isaanii cufaafuu hojii nyaata qopheessuu idilee barootaaf hojjetaniidha.

Aadde Asallafachis hojiin qooccoo kun waan ijoollummaa irraa itti guddatan ta'uu himu.

"Biyya keenya kanatti hojiin nyaata qopheessuuf hojjetamu kanuma waan ta'eef ijoollummaa irraa kanuma hojjechaa guddadhe. Ijoollee sadiin qaba. Isaanis kanuma hojjedhee nyaachisaan guddise," jedhan.

Hojiin qooccoo soofuu kun barootaaf hojjetanilleen hojiin isaa guyyoota kan fudhatu waan ta'eef dadhabbiin qaama isaaniirra gahu laayyoo akka hin taanes dubbatan.

Haadha hundee warqee duugaa jiran

"Hojiin kun baayyee dadhabsiisadha. Harka kiyya, laphee kiyyaa fi dugda kiyyarratti dhukkubatu natti dhagahama. Qooccoo kana hojjedhee ka'ee dhukkubbiinsaa yoo xiqqaate guyyaa 15 narra tura," jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Warqee qooccoo yeroo tokko nyaataaf qopheessuuf soofan hanga guyyoota afurii walitti fufiinsan hojjechuu gaafachuu akka danda'us himu.

Aadde Gabayaanesh Aaltaas olluma Doorzee kana keessa jiraatu. Isaanis barootaaf hojii qooccoo kanaan maatii isaanii jiraachisu. Isaan ammaan dura mala aadaatiin qoocoo soofaa turanilleen amma dubartoota kaan waliin gurmaa'anii teeknolojii fayyadamaa jiru.

Yunvarsiitiin Arbaaminc qorannoo hojii qooccoo kanarratti taasiseen booda dubartoota ganda Doorzee kana jiran waldaan gurmeessuun maashina dadhabbii isaanii hambisu erga hojjeteefii aara galfii guddaa keessa jiraachuu himu.

Qooccoon isaaniif madda nyaataa, madda galii fi jiruu fi jireenya isaanii ta'uu kan himan aadde Gabayaanesh, maashinni Yunvarsiitiin Arbaamiinc hojjeteef kuni dadhabbii guyyootaa hojii sa'aatii muraasaatti akka deebiseef himu.

"Qooccoon faayidaan isaa guddaadha. Hojiinsaa garuu dadhabsiisadha. Hundeen warqee tokko yoo buqqa'e duraan nama lama taanee guyyaa saditti hin fixnu. Guyyaa afur fudhata. Dadhabbiin isaa ammoo guddaadha" jechuun haala ture yaadatu.

"Maashinni kun erga dhufee dadhabbiin harkaan hojjechuu waliinii walitti hin dhufu. Maashinni dadhabbii hin qabu. Itti galchita, daakee siif baasa. Harkikee hin dadhabu" jedhan.

Warqee hundee tokko duraan nama lamatti guyyoota afur fudhatu amma sa'aatii tokko keessatti dadhabbii tokko malee maashina kanaan soofanii bulleessuun gara adeemsa itti aanutti dabarsu.

Yunvarsiitiin Arbaaminc maashina qooccoo daaku kana jalqaba yeroo gara qe'ee isaaniitti fide hawaasni gammachuu guddaadhaan akka simates yaadatu.

"Yunvarsiitiin maashina kana yeroo fidu uummanni keenya gammachuudhaan simate. Namni hunduu qe'ee isaatii hundee qooccoo fidee dhufee daaksifatee ilaale. Hunduu baayyee gammade" jedhan.

Duraan yeroo mala aadaatiin soofan maatiin tokko si'a tokko hundee qooccoo nyaataaf yoo soofee qopheeffate ji'oota sadiif soorata. Ji'a sadiin booda qooccoo biraa qopheessuu eegalla jedhu dubartoonni Doorzee.

Maashinni warqee qooccoo daaku kan Yunvarsiitiin Arbaamiinc kalaqe kun erga fayyadamtoota ganda Doorzee qaqqabee amma waggoota afuriif deema. Eegasii jireenyi dubartootaa fi hawaasaa boqonnaa haaraatti bahu himu fayyadamtoonni.

"Dubartoota 18 taanee gurmoofnee maashina Kanaan hojjena. Kan ofii keenyaa soorannu qofa osoo hin taane namoota naannoo keenyaa biroofis daaknee galii irraa arganna. Qulqullinas yoo jette kan dur harkaan hojjetamurra kun qulqullina qaba" jedhu Aadde Gabayaanesh.

Yunivarsiitii Arbaamincitti barsiisaafi qorataa olaanaa akkasumas qindeessaa Pirojektii Insat (Pirojektii Warqee) kan ta'an Dr. Addisuu Fiqaaduu, yunvarsiitichi Rakkoolee qooccoo qopheessuu waliin walqabatanii jiran irratti qorannoo gaggeessuudhaan fala isaarratti hojjechaa jira jedhan.

Haadhoolii nyaataa qooccoo irraa hojjatame nyaataa jiran

Qorannoowwan waraqaarraa gara faayidaa qabatamaatti fiduun rakko hawaasaa furuuf hojii hojjetameenis maashinoota adeemsa Soofuu fi daakuu qooccoo salphisan hojjechuu eeran.

"Qooccoo soofuuf dadhabbii fi yeroo fudhatu kan xiqqeessu, qooccoon dafee akka walnyaatee biilchaatu kan godhu raacatiis kalaqneerra. Akka durii soofanii boolla keessatti awwaaluun akka hafuuf hojjechaa turre," jedhan.

Maashinoota warqee soofuu fi bulleessuuf tajaajilan kana haadholii fi dargaggoota irratti gurmeessuun iddoowwan adda addaatti dhiheessaafii jiraachuus eeran.

"Doorzeetti, Canchaatti, Walaayittaatti akkasumas bakka hedduutti maashinoota kana dhiheessineerra. Maashinoota kana nama dhuunfaatiif osoo hin taane haadholii fi dargaggoota gurmaa'aniif dhiyeessu. Isaan ammoo akkuma baabura midhaaniitti qonnaan bultoota kumaan lakkaa'amuuf tajaajila kennu," jedhan.

Akka biyyaatti maashinoota kana haadholii fi dargaggoota buufataalee 35 irratti gurmaa'aniif dhiheessuu kan himan Dr. Addisuun, buufataalee kunneenitti qonnaan bultoonni hedduun warqee qooccoof daaksifachuun fayyadamoo ta'aa jiru.

Yunvarsiitichi maashinoota omishtummaa warqee guddisanii fi dadhabbii haadholii furan kana bakka hundatti waliingahuuf dhaabbilee biyya keessaa fi alaa waliin hojjechaa jira.

Qooccoon adeemsa nyaataaf geessisuu keessatti mala aadaatiin harkaan yeroo hojjetamu dhibbeentaa 34 kan ta'u akka qisaasamu kan himan ogeessi kun, teeknolojii amma yunvarsiitichi dheessaa jiru kanaan hammi qisaasa'u harka lamaa gaditti kan gadi bu'e ta'uu himu.

Maashina dadhabbii haadholii guyyootaa gara hojii sa'aatii tokkootti deebise kuni iddoowwan omisha qooccoon beekaman akka Wanciitiifis akka dhiheessaniifi haadholiin aara galfii fi madda galii akkasumas daa'imman isaanii waliin yeroo bal'aa dabarsuuf carraa akka uumeef dubbatan.

Qooccoon kutaalee amma itti oomishamaa hin jirre heedduu keessatti biqiluu akka danda'u qorannoodhaan adda bahee jiraachuutu himama.

Oomisha isaa iddoowwan qilleensa omishasaaf mijataa qabanitti babal'isuun alatti nyaatawwan Itoophiyaa fi biyyoota Afrikaa hedduu keessatti beekaman qooccoorraa oomishuun daran beeksisuuf hojjechaa jiraachuus himan Dr Addisuun.