Kunuunsaafi gosooti nyaataa rifeensa keenya guddisan maal fa'i?

Rifeensi keenya akka bareeduf ergaawwan miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodaman mirkaneessuun akka barbaachisu ogeeyyiin gorsu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Rifeensi keenya akka bareeduf ergaawwan miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodaman mirkaneessuun akka barbaachisu ogeeyyiin gorsu

Rifeensa mataa kee akka dheeratuufi cululuqu wantoota godhan jechuun fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa gorsa kennaa oolan muraasa miti.

Kaan dibata addaa rifeensa dheeressu inumaa yoo 'fuula irra bu'es rifeensa biqilcha of eeggadhaa' ergaa jedhu faa kan dabarsan jiru.

Kana malees rifeensa bishaan ruuzii, baala roozmarii, guuloo fa'i yoo dibanne dafee guddata jechuun gorsa kennaa oolu.

Dhugumaan dibatni ykn gosti nyaataa rifeensi keenyi dafee akka guddatu godhu jiraa?

Hakiimonni gogaa rifeensa keenya guddisuuf malli qaxxaamuraafi saffisaa hin jiru jedhu.

Haa tahu malee, adeemsaafi kunuunsa sirrii gochuun rifeensa fayyaalessa qabaachuun akka danda'amu hakiimonni gogaa ni himu.

Rifeensi fayyaalessa tahe irra keessaa gaafa mul'atu kan cululuqu, kan hin caccabne, kan hin daalachoofne tahuu danda'a.

Rifeensi keenya gosa pirootinii keraatiin jedhamurraa hojjetama. Kunis kan qeensa keenya guddisuufi gogaa keenya alaa eegu dha.

Maloota ja'a rifeensa fayyaalessa akka qabaattu si gargaara ogeessaafi ragaaleerraa odeeffanne kunooti.

1. Gosa rifeensa kee adda baafadhu

Rifeensi kee maramaa, qicicaa, luuccaa fi gosa biraa tahuu irratti hundaa'ee oomishaaleefi akkaataan kunuunsaa ati fayyadamuu qabdutu jira.

Dibata dabalatee oomishaalee rifeensa kee kunuunsuuf bitnu irratti odeeffannoo kana argachuu dandeenya.

Gosooti rifeensaa kuni oomishaalee irratti qubee ykn lakkoofsaan ibsamuu danda'u.

Kanaaf shaampuufi kondishinarii akkasumas dibata gaafa bittu odeeffannoo kana ilaaltee bitachuu qabda.

Dr Ruut Likkaasaa hakiima gogaa yoo tahan rifeensi walumaagala gosti rifeensaa qajeelaa, dambali'aa, maramaa fi qicicaa jedhamuun akka ramadaman himu.

Rifeensa qajeelaa yeroo baayyee namoota sanyii Eshiyaa qabantu qaba jedhu.

'Namooti gurraacha yeroo baayyee rifeensa maramaa fi qicicaa qabu' jedhan.

2. Rifeensa kee yeroo xuraa'u miici

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waldaan Hakiimota Gogaa Ameerikaa gorsa akkatti rifeensa keenya micuu qabnurratti kennuun gosa rifeensaa irratti hundaa'a jedha.

Fakkeenyaaf namoonni buqqeen mataa isaanii uumamaan dibata baayyee qabuufi gosa rifeensaa qajeelaa akka warra Eeshiyaa qabu guyya guyyaan shaampuu itti gochuun micuu barbaada.

Rifeensa gogaa, qicicaa fi maramaa qabda taanaan garuu yeroo barbaachisaa tahe torbeetti al lama ykn sadii shaampuu fayyadamuun rifeensa micuun barbaachisaa dha. Tasumaa guyya guyyaatti miicamuu hin qabu.

Rifeensi kee hin buqqa'a taanaan buqqee mataa keef dibata gahaa kennuufi dhabuun ykn ammoo jidhiina barbaachisu otoo itti hin godhiin hafuun waan gogeef tahuu mala. Kanas gosa rifeensa kee irratti hundaa'uun raawwachuu qabda.

Dr Ruut garuu rifeensi yoo xiqqaate torbeetti al tokko micamuu akka qabu himu.

''Xuriin rifeensaa qaawwa buqqee mataa akka dibataafi jidhiina gahaa hin arganneef cufuu danda'a, kanaaf torbeetti al tokko micuu gorsa,'' jedhu.

3. Shaampuu buqqee mataatti dibi

Rifeensa kee gaafa miiccitu shaampuu rifeensatti dibuurra buqqee mataatti dibi. Haala kanaan rifeensa kee qulqulleessita, gogaa du'eeru kaasuun dabalataan zayita buqqee baay'ateeru hir'isuu dandeessa.

Akka ogeessonni fayyaafi faaya rifeensaa irratti hojjetan jedhanitti gosa rifeensaa kamiyyuu qabaattee shaampuu keemikaalota salfeetiifi siliikoon jedhaman fayyadamuu hin qabdu.

Keemikaaloti kunneen rifeensa kee qulqulleessuu danda'u garuu yeroo keessa zayiita uumamaan buqqeen mataa qabu haaxaa'uun rifeensi gogaa fi daaraa kan fakkaatau akka tahu godhu.

Keesumaa gosa rifeensaa gogaa fi maramaa qabda taanaan gosti shaampuu fayyadamtu murteessaa dha.

Shaampuu ofirraa micuun booda kondishinarii mataa jiidhaatti dibuun rifeensi akka hiikkatuufi filuufis salphaa akka tahu godha.

Rifeensa gogaafi maramaa qabda taanaan buqqee mataa irra hanga fiixee rifeensaatti guutummaa shaampuu dibuu qabda.

4. Rifeensa kee akka waan cabutti kunuunsi

Rifeensi yoo jiidhaa tahe dafee caba waan tahe filaa ykn biruushii ilkaan babal'aa qabu fayyadamuun filuu qabda. Rifeensi kee yabbuufi maramaa taanaan immoo otoo kondishinariin ofirraa hin qululleessiin dura filuutu sirra jira.

Haatahu malee rifeensa luuccaa fi qajeelaa qabda taanaan filuun dura rifeensi kee yeroo muraasa akka gogu itti dhiisuu qabda.

Yeroo rifeensa filtus jalqaba fiixeesaa qabde erga akka hiikkatu goteen booda hanga buqqee mataatti filuu qabda. Haala kanaan rifeensi kee hin miidhamne gochuu eeguu dandeessa.

Rifeensa erga micciteen booda fooxaadhan maruun akka bishaan ofkeessatti hambisu gochuun barbaachisaa dha, qoorsuuf jecha akka malee sukkuumuun rifeensa caccabsuu ykn buqqisuu danda'a.

5. Rifeensa kee ho'aafi keemikaala irraa eegi

Waldaan Hakiimota Gogaa Ameerikaa odeeffannoon marsariitii isaa irratti akkatti rifeensa kunuunsan baaseen rifeensi kee gosa kamiyyuu haa tahu ho'a itti baay'isuun ni miidha jedha.

Maashinaa qilleensaan rifeensa gogsu fayyadamuurra rifeensi akkasuma aduufi qilleensaan akka gogu itti dhiisuun barbaachisaa dha.

Rifeensa 'tuksii' ykn akka luucca'u gochuun dirqama yoo tahe ammoo ho'a gad-aanaa fayyadamuun dabalataan oomisha rifeensa ho'arraa eegu dibachuun ni gargaara.

Dubartii rifeensashee facaaftee raftee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Dr Ruut rifeensa keenya bareechuuf jecha keemikaalaafi rifeensi nam-tolchee fayyadamnu miidhuu akka danda'u himu.

''Fakkeenyaaf halluu rifeensaa yeroo dibannu akkaataa fayyadamasaa, sa'atiifi qajeelfamasaa sirrii barree yoo hojiirra hin oolchine rifeensi keenya miidhamuu danda'a,'' jedhu.

''Itoophiyaatti dadhaa dibachuun rifeensa akka guddisu baay'inaan himama garuu rifeensa foroforii qaburratti yoo dibne fangasiin maataa keenyarra jiru akka wal-horu gochuun cirumaa rakkoo rifeensa keenyaa hammeessuu danda'a, '' jedhu.

Oomishaaleen rifeensaa mana keessatti qophaa'anis yeroo baayyee saayinsiin kan hin mirkanoofne tahuu himu.

Haa tahu malee zayiitiin roozmarii ykn baalli foon waaduuf itti fayyadamnu, ''keemikaala minooksiidiil jedhamu kan rifeensa guddisuuf gargaaru waan qabuuf sirnaan yoo qophaa'e rifeensa guddisuu gargaaruu mala,'' jedhan

Zayitiin guuloo ykn kaastar ooyiil inni jedhamu akka rifeensa guddisutti himama garuu waan qorannoodhaan deeggarame mitii jedhu Dr Ruut.

6. Nyaata madaalawaa sooradhu

Gosoota nyaataa rifeensa keenyarra dibuurra soorachuun rifeensa keenyaaf faayidaa akka qabu him Dr Ruut.

Nyaatni guyyuu soorattu pirootinii, vitaaminii fi albuuda qabaannaan rifeensa keef nyaata waan tahu akka cululquufi yabbatu godhu soorachaa jirta jechuu dha.

Rifeensi kee ofii pirootiniirraa waan tolfameef nyaata pirootinii qabu soorachuun jabinaafi rifeensa fayyaalessa tahe qabaachuuf murteessaa dha.

Pirootinii gahaa hin soorattu taanaan rifeensa gogaa, caccanaafi laafaa qabaatta. Rifeensi keenya caasaa pirootinii koolaajiin jedhamu kan qabu yoo tahu hanqina pirootinii qabna taanaa rifeensi nurraa dhumuu fa;'i danda'a.

Qurxummii, hanqaaquu, bu'aalee annanii akkasumas ocholooniifi kotoreen fa'i irraa pirootinii argachuun danda'ama.

Gosti albuudaa Ayiranii jedhamu rifeensaaf addatti barbaachisaa dha. Hundeen rifeensaa dhiiga gosoota nyaataa kanaan badhaadheen sooramuu qaba.

Foon diimaa, handaaqqoo, qurxummii fa'irraa ayiranii argachuu dandeessa.

Akkasumas gosoota vaayitaaminii hunda soorchuun fayyuma rifeensa keenyaaf faayidaa guddaa qabu.

-------------------------------------------------------

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp fi Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.