Rifeensa biqilfachuu: Wal'aansa rifeensa molate Itoophiyaatti gabaansaa ho'aa jiruuf hanga birrii kuma 80 gaafatu

Madda suuraa, Getty Images
Haaymaanot Sayifee dargaggeessa umurii ganna 25 ta’ee osoo jiru, molachaa adeemuun isaa akka hamilee isaa cabsee turee fi dhiibbaa irratti uumee ture hima.
Keessumattuu waggootii lamaan darban keessatti, Itoophiyaa magaalaa Finfinneetti, rakkoo molachuu isaa furuuf jecha wallaansa rifeensa dhaabuu fayyadamuuf gara kilinika tokko dhaquun wallaaname.
“Erga wal’aansa baqaqsanii yaaluun rifeensa naaf hojjatameen booda, haatii koo ‘durumaa yeroo dhalattuu hanga addakeetti rifeensa hin qabdu turte’ jechun natti qoosti ture.
''Kana malees qeequmsa hedduutu jira,” jechuun Haaymaanot rifeensa dhaabbachuun booda yaada kennameef irratti dubbata.
Wal’aasna rifeensa dhaabbachuu kana argachuuf erga yaade booda, dhukkubbi qaba jedhee sodaate akka ture hima.
Ta’us garuu dhaabbati tajaajila kana kennu waliin erga haasa’ee booda, sodaan isaa badee ji’a Caamsaa darbe keessa, wal’aansa isaa argate.
“Riifeensa haaraa naa dhaabuu isaani dura, qorannoo fayyaa hedduu naaf godhameera. Erga dhaabame boodas hordoffiin waan naaf taasifamef, homaa rakkoon fayyaa na mudate hin jiru,” jedha.
Magaala Finfinnee keessatti wal’aansa baqaqsanii hodhuu pilaastikii – wal’aansa bifa geeddaruuf taasifamu (Plastic surgery)- keessatti wagga 15 oliif kan tajaajilan Dr Teedroos Masselee, kilinika tajaajila akkanaa kennu Maarshaa jedhamu qabu.
Waggootii lamaan darban keessatti, wal’aansa rifeensa dhaabuu kana kan kennan oggeessi fayyaa kun, ofii isaaniis wal’aansa kana akka argatan himu.
Wal’aansi kun keessumaa bifaaf jedhame kan taasisamu akka ta’ee fi Itoophiyaa keessatti feedhiin wal’aansa kana argachuuf jiru guddaa akka ta’e Dr. Teedroos ni himu.
“Ani jalqaba yemmuun gara biyya kanaatti dhufe ‘biyya keenyatti namni wal’aansa kosmootiksii hojjjetu hin jiraatu’ naan jedhu ture. Ammayyu kan akkas jedhan jiru.”
“Ta’us garuu namni hanga ija qabutti wantoonni sirreeffaman fayyadama.
Wal’aansi rifeensa dhaabuus akkumma kana. Dhimma beekamuu fi dandeettii qabaachuudha malee, eenyuyyu wal’aansa kana ni fayyadama jedheen amana, kunis dhugaa ta’eera,” jechuun Dr Teedros, lakkoofsa namoota wal’aansa kana fedhanii dabaluu BBC’tti himaniiru.
Wal’aansi rifeensa dhaabuu kun yeroo dheeraa akka fudhatu kan himan oggeessi kun, “sa'aatiin rifeensa tokko itti hojjedhutti, borcii afur nan hojjedha,” jechuun fakkeenyaan ibsaniiru.
Namni tokko wal’aansa kana xumuruuf, gara waggaa tokko hanga lamaatti dabaree eeggachuu akka qabus himaniiru.
Namoota tamboo xuuxan, dhibee akka shukkaaraa fi onnee qaban dabalatee, wantoonni qorannoo fayyaa dursamee gaggeeffamu irratti hunda’uun namootni wal’aansa kana fudhachuu hin dandeenye akka jiran Dr Tedroos ni himu.
Keessumaa namootni umurii wagga 20’n hanga 50’n kan jiran fayyadamtoota tajaajila kanaadha jedhu.
Akkasumas, namni tokko rifeensa ofiisaa malee rifeensi nama biraa akka dhaabsiisu hin dandeenyes himaniiru.
Kilinika Tiribiyaan jedhamu keessatti oggeetti fayyaa gogaa keessaa fi gorsituu wal’aansa rifeensa dhaabuu kan ta’an Dr Qidisti Yeneeneh, wal’aansi rifeensa dhaabuu kun, dhibee “alapheesiyaa “ jedhamu kan rifeensa nama irra fixu wal’aanuuf akka fayyadu himaniiru.
Molachuun dhiirota irratti mul’atu keessumaa sababa hormoniin kan uumamu akka ta’e kan eeran Dr Qidisti, rifeensi gara duubaa fi cina mataarra jiru akka isa fuldurarra jiruu akka hin harcaane ibsaniiru.
Wal’aansi kun kan kennamu, bakka hormooniin kun hin miine irraa rifeensa fuudhuun, bakka mataa molaterra rifeensicha dhaabunidha jedhu.
Wal’aansi akkanaa gatii hagamii nama baasisa?
Addunyaa guututti wal’aansi akkanaa inshuraansiin kan hin kaffalamnee fi doolara 4000 (birria kuma 195) hanga doolara 15,000 (birria kuma 743) akka baasisu danda’u ragaaleen ni ibsu.

Haaymanoot wal’aansa kana argachuuf, walumaa galatti gara birri kuma 70 baasu isaa hima.
“Dandeettisaa qabaadhe wal’aansa kana argachuutti gammadeera. Hiriyyoonnikoos danda’anii utuu wal’aansa kana argatanii natti tola,” jedha.
Dr Teedroosis, gatiin wal'aansa kanaa birrii kuma 70 hanga kuma 80 ta’uu isaa ibsuun, gatiin kun kan biyyootii biroo waliin yemmuu madaalamu isa gadi aanaadha jedhu.
Rakkoon fayyaa wal’aansa kanaan wal qabatee dhufuwoo?
Wal’aansa kana booda yaddoon akka rifeensi keessatti gad biqiluu, saal qunnamtii gaggeessuu dadhabuu, da’ima godhachuu dadhabuu fi kkf ni kaafamu.
Dr Qidisti garuu kun dhugaa akka hin taane eeruun, wal’aansi kun hormoonii irratti kan hunda’ee osoo hin taane wal’aansa baqaqsanii hodhurratti kan hundaa’e akka ta’e ibsaniiru.
Wal’aansa kana booda namni tokko, ji’a ji’aan hordoffii fayyaa akka argatuu fi guddinni rifeensa isaas ilaalamaa qorichii fi nyaati guddina rifeensaaf fayyadu akka isaaf kennamu himaniiru.
Yaaddoon inni biraa erga rifeensi kun dhaabamee booda deebi’ee harca’uu danda’aa kan jedhu yoo ta’u, Dr Teedros kun ammatti argamee akka hin beekne ibsaniiru.
Ta’us garuu namni sun dhibee kaansariin yoo hubame, tiruun yoo miidhame , yoo HIV’n qabamee fi hanqina pirootinii qabaate rifeensi isaa deebi’ee harca’uu akka danda’u Dr Qidisti himaniiru.
Dhibee kunneenin alatti garuu akkuma rifeensa kaani harrachaa akka deemuu fi deebi’anii molachuun akka hin uumamne ibsaniiru.
Itoophiyaa keessatti feedhiin wal’aansa kanaa guddaan akka jiru kan himan Dr Teedros, ogummaa kanaan namoota lenjisuun yoo danda’ame, Itoophiyaa irra darbanii biyyootii ollaafis tajaajila kennuun akka danda’amu ibsaniiru.
















