Gabaa tumaa ammayyaa Itoophiyaa hanga birrii kuma 20 baasisu

Madda suuraa, Hena tattoo
Namoota tumaa tumachuuf jecha gara manneen tumaa deeman keessaa jaalalleewwan ykn kanneen gaa'ela dhaabbatan ni argamu.
''Jaalalleewwan jaalala waliif qaban ibsuuf jecha dubartiin maqaa ykn qubee jalqabaa dhiiraa, inni dhiiraas akkasuma maqaa dubartii ykn qubee jalqaba maqaa ishee tumachuun wanta barame ta'eera," jedha ogeessi tumaa (tattoo artist) Heenok Xilaahuun.
Ta'us garuu jaalalleewwan kun wal mufachuun yoo dhufe "qofa qofaatti dhufuun tumaan naaf haa geeddaramu," jechuun akka isa gaafatan hima.
Hojiin tumaa mudannoo akkanaan kan guute ta'us, namoonni hedduun yaada isaanii ibsachuuf tumaa fayyadamu.
Yooseef Tasfaaye jedhama. Birrii kuma 28 baasuun gatiitti isaa irraa eegalee harka isaan lamaan guutuu irratti fakkiilee fi barreeffamoota "yaada keessakoo naaf ibsu" jedhe yaadu tumateera.
Tumaan isaaf madda gammachuu ta'ee kunis nama isa arguu biraa garuu yaada lamatu irratti ka'a. Inni tokko "maaltu si xuqe?" yoo jedhu kaan ammoo "ni bareeda" akka jedhamu hima.
Ta'us garuu bakka hojii isaatti tumaan isaa akka hin mul'anneef of eeggannoo cimaa akka taasisu dubbata.
Saraawiit Tasfaayee fi Aleezar Museenis sababa walfakkataan tumaa adda addaa qaama isaanii irratti tumataniiru.
Ofii Finfinneetti tumaa akkamiitu baayyataa? Maallaqa hangamiitu irratti ba'a?
Qabiyyee fi sababii tumaa
Ogeessi tumaa Heenook kanaan dura fakkii akka kaasaa ture hima.
Akka ogeessi kun ibsutti, tumaanis damee aartii keessaa isa tokko waan ta'eef dhaabbata 'Henaa Taatuu' jedhu banuun madda galii isaa erga taasisee waggaa saddeetii ol ta'eera.
Namoonni tumaa tumachuu barbaadan fakkii tumaa qophaa'e irraa filachuu ykn ammoo fakkii ykn bareeffama barbaadan gara tumaatti geeddarachuu danda'u jedha.
Baayyinaan namoonni qaama isaaniirratti tumachuuf deeman irra caalli wantoota amantiin wal qabatan kan filatan ta'uu hima.
Dabalataanis jaalalleewwan jaalala isaanii waliif ibsuuf tumaa wal fakkaataa ykn maqaa walii tumatu.
Maamiltoonnni maqaa ykn fakkii abbaa ykn haadha isaanii tumatan akka jiran kan himu Heenook, gama biraan fannoo, fakkii amantaa waliin wal qabatan heddumminaan akka barbaadaman ibsa.
Namoonni hedduun "tumaa akka meeshaa wanta jaalattan tokko itti ibsataniitti ilaalu" jechuun hima.
Saamraawit harki ishee bitaa ciqilee ishee gaditti tumaan kan haguugamedha.
Barreeffamni "Be happy,'' "waan na jaalateef na fayyise" jedhuufi fakkiin imoojii kolfaa fi abaaboo adda addaa tumaashee kanarra jiru.
Laphee ishee irratti barreeffama "blessed" jedhuufi morma ishee irratti ammoo fakkii fannoo tumatteetti.
Elzeer laphee isaa irra caalaan fakkii joobiraa fi qeerransaan tumateera.
Yooseef ammo sa'aatii, abaaboo, kompaasii fi fakkilee biroo halluu gurraachaa fi diimaan harka isaa lamaan irratti tumateera.
Saamraawiit jaalala amantiif qabdu ibsuuf akka tumatte himti.
Yooseef fi Alaazaar yaada itti amanan qaamasaanii irratti akka mul'atuuf jecha qaamasaanii tumatan.
Namoonni kunneen sababii tumaa hojjichiifachuu saanii akkas haa jedhan malee kanneen tumaa qaamasaanii gubbaa jiru dhoksuufi kanneen gara manneen tumaa deeman akka jiran Henook ni ibsa.

Madda suuraa, YOSEPH
Gabaa tumaa
Alaazaar tumaa yeroo garaa garaatti tumachu dubbata. Kanaafis gara birrii kuma 20 baasuu hima. Saamiraawiiti ammoo birrii kuma 15 akka baafte himti.
Dheerinni tumaa inni xiqqaan seenti meetira shan ykn jaha kan dheeratu yoo ta'u, birrii 500 akka gaafatu dubbata Heenook.
Dheerinni tumaa kunis hanguma dheereetuun gatiinsaas dabalaa adeemuu fi tumaan dugda irratti fa'i hojjataman kan hanga guyyoota sadii fudhatan ta'u hima. kanattis hangi birrii kuma 15 ni baha jedha.
Lilimoo ittiin tumaan hojjatamu dabalatee wantoonni barbaachisan hundi biyya alaarraa akka galfaman dubbata oggeessi kun.
"Tumaa irratti wanti guddaan hojii aartii kan oggummaa gaafatuudha'' jedha.
Ilaalcha namoota arganiifi mudannoowwan addaa
Namoonni tumaa yoo argan maqaa waaqaa waaman akka jiran dubbata Yooseef.
Alaazaar ammoo ''namoonni tokko tokko akka nama naamusa hinqabneetti na ilaalu. wayitan baankii seenu namoonni borsaa isaanii dhoksan illeen jiru'' jedha.
''Namni hundi tokko miti. Dargaggoon ammoo ni bareeda jedhu. Kaan ammoo yaada gaarii hintaane kennu. Amantiin hinhayyamamu kan jedhan illeen jiru'' jette Saamraawiiti.
Oggeessi tumaa Henook hojiisaatiin mudannoo hedduu akka qabu hima.
Fakkeenyaaf jaalalleewwan bara jaalalaa waliin tumachuuf dhaqan booda deebii'anii bira dhaquun akka balleefamuuf kan gaafatan jiraachu hima. Balleessuun cimaa waan ta'eef dizaayina gara biraatin akka dhokatu taasifama jedha.
Gama biraatiin ammoo kanneen fuulasaanii irratti tumachu dhufan ''yoo umuriinsaanii xiqqaa ta'e akka booda hingaabbineef ni gorsina'' jedha.
''Namoonni tokko tokkoos na dhukkube jechuun tumaa osoo hinxumuratiin kan deeman jira'' jedha.

Madda suuraa, Samrawit
Fakkeenya yoo kaasuus, maamilli tokko ''fakkii ergamaa mikaa'eelaa dugdarratti naaf tumi jechuun dhufee, hojiin tumaa eegalame. Fakkiinsaas Ergamaan wayita seexana irra dhaabbatu kan mul'isu ture.
''Nutis jalaa fakkii seexanaatiin eegallee osoo ol adeemaa tumaa jirruu lakkii na dhukkubeera, natti haa hafu jedhe. Xumuufiis irra deddeebiin bilbilluuf illeen dhufuu hindandeenye. Hanga Ammaattis Seexanicha qabatee naannawa,'' jedha.
Tumaa wayita hojjatamuutti dhukkubbii itti dhagahamuun kanneen adda kutaniin faallaa ammoo kaanii miira tumaatiin kan gammadan akka jiran hima Yooseef.
Alaazaar ammoo ''yeroo tokko xabala cubbamuu deemeen qeessiin tumaa kiyya arguun si hincubuu naan jedheera'' jedha.
Yooseef ammoo namoonni akka na hintuffanneef jecha lafa hojiitti tumaa akkan qabu himul'isu jedha.
Tumaa fi fayyummaa qaamaa
Hakiima ispeeshaalistii dhibee Gogaa kan ta'an Dr Digaafee Tsaggaayee,''Tumaan kan ammayyaas ta'e kan aadaa kaayyoonsaa inni guddaan meeshaalee qara qabaniin qaama namaa uranii qalama itti naquun faaya dabaluudha jennee ibsuu dandeenya,'' jechuun waa'ee tumaa ibsu.
Kanaafuu gochi kun dhimmoota fayyaa dhala namaa waliin walqabatan hedduu of keessaa qaba jedhu.
Akkasaan jedhanitti tumaan yoomuu qaama namaarra kan turu yoo ta'u fedhiin namootaa garuu yeroo dheeraa booda geeddaramuu danda'a.
Kanaafuu namoonni tumaa qaban waggoota dheeraa booda gaabbuu danda'u.
''Namni tumaa qabu dhiiga arjoomuu hin danda'u. Sababni isaa meeshaaleen tumaa ittiin tumatan dhibeewwan daddarboof nama saaxiluu waan danda'aniif,'' jechuun miidhaa tumaa kan biraa ibsu Dr Digaafeen.
Tumaan dhibee gogaa [allergic reactions] uumuu akka danda'u dubbatan Dr Digaafeen.
"Yeroo dheeraa booda alarjiin qaamaa uumamuu danda'a. Erga tumatanii torbanoota yookiin waggoota 10 hanga 15tti gogaan amala duraan hin turre agarsiisuu eegala, miirri hooksisuu fi dhiita'uu ni mul'ata.''
Bakki tumaan itti hojjetamu qulqulluu yoo ta'uu baatee fi meeshaaleen ittiin tumatan yoo sirnaan qabamuu baatan dhibeewwan daddarboof nama saaxila jedhan Dr Digaafeen.
Tumaa dhaabbii haquun ni danda'amaa?
Dr Digaafeen tumaa dhaabbiidhaan tumame balleessuun ni danda'ama jedhu.
"Tumaawwan dhaabbii hedduu carallaadhaan haquuf carraan ni jira.''
Wal'aansi akkanaa ifa gara ho'aatti jijjiiruun kan raawwatamu ta'uu kan ibsan Dr Digaafeen, carallaan gara keessaatti gadi dhiifamu qalama keessoo qaamaa caccabsuun karaa yaa'a dhiigaatiin akka gara alaa dhangala'u gochuun ni danda'ama jedhan.
Wal'aansi fayyaa kun walitti aansuun kan kennamuudha jedhan Dr Digaafeen.
Tumaawwan ammayyaaf yeroo 6 hanga 10 yoo kennameef jijjiirama guddaa fiduun ni danda'ama, garuu gogaan guutummaatti iddoo duriitti deebi'uu dhiisuu mala jedhan.
Tumaa haquuf wal'aansa fayyaa taasifamuuf hanga birria 2500 nama baasisuu danda'a kan jedhan Dr Digaafeen, namoonni tumaa hojjetachuun dura sirriitti akka itti yaadan gorsaniiru.













