Lafee cinaachaa baasuu hanga gaanfa tolfachuutti- gatii bareedinaaf kanfalamu
Aadaafi biyyoota garaa garaa keessatti namoonni bareedinaaf jecha qaama isaanii irratti jijjirama yoo taasisan ni argama.
Fakkeenyaaf, gurra urachuu ykn tumaa qaamarratti bakka garaa garaatti tumachuun gochaawwan bareedinaaf taasifaman keessaa kan magaalaa hanga baadiyyaatti baramedha.
Haata'u malee, gochaan ykn jijjiramni qaamaa namoonni tokko tokko bareedina dabalachuuf yaadanii raawwatan haalaan namoota kaan kan naasisu ta'uun mul'atu.
Gochaa jijjirama qaama umamaasaanii haalaa jijjiree akkasiin kanneen galmee 'Giinas' irratti galmaa'an jiru.
Isaan keessaayis muraasa akkasiin isiniif qondeessine.

Madda suuraa, PAUL ZINKEN
1. Bareedina dabalachuuf gaanfa tolfachuu
Lammiin biyya Jarmanii, Roolf Buchhoolzi namni jedhamu yeroo jalqabaaf tumaa qaama isaarratti kan tumateefi kan gurra urate dhuma bara 1999tti wayita gahessa ganna 40 jiruu ture.
Namni kunis tumaa qofaan hidhaabannee. Isaan booda ammoo waggootii 20'f qaama isaa irratti jijjiirama gurguddoo garaa garaa taasisuu itti fufe.
Adda isaa irratti gaanfa lama biqilfachuu dabalate qaama isaa irratti jijjiirama gosa 516 ta'an taasiseera.
Roolfin fuulaa fi qaamaa isaa bakka 453 ta'e kan urate yoo ta'u, qaamasaa parsantaa 90 ta'us tumaan fakkiiwwan addaa addaatiin haguugeera.
Ogeessa IT kan ta'e Roolfin jijjirama guddaa qaama isaarratti taasiseenis galmee dhimmoonni ajaa'ibsiisoon irratti galamaa'an 'World Guinness Book' irratti dhiiraa qaama isaa irratti jijjiirama hedduu taasise jedhamuun galma'eera.
Jijjiramni ani qaamakoo irratti taasise kunis ala koo qofaa geedare. Keessoonkoo anuma Roolf Buchhoolzi jalqabaati jedha gaheessi kun.
2. Ilkaan, qaruu fi arrabaa tarsaasuu

Madda suuraa, Getty Images
Dubartii jijjiiraa qaamaa hedduu taasifachuun rikoordii qabdu una ammoo lammii Meeksikoo Maariyaa Hosee Kiristernaa jedhamti.
Iseenis tumaa hedduu tumachuun, addashee irratti gaanfa hedduu tolfachuun; akkasumas nyaara, funyaan, handhuura, harmaa fi hidhii ishee iddoorra hedduu urratee jirti.
Kana malees ilkaan qara qabu tolfachuufi arraba ishee tarsasuu dabalatee qaama ishee irratti jijjiirama gosa 49 ta'an taasifteeti.
Mariyaan oggeetti seeraa, daldaltuu fi roggeetti mirga namooma yoo taatuu, yeroo jalqabaaf tumaa kan tumatte umurii ganna 14tti.
Lafee cinaachaa baasuu
Feedhii mudhii baayyee qalloo qabachuu olaanaa qabdu irraa kan ka'e, dubartiin Piksii Fooksi jedhamtu gara birrii miiliyoona 6.3 (doolara kuma 150 ) baasuudhaan qaama ishee irratti jijjiirama guddaa taasifte.
Jijjiiramni inni guddaa kunaanis lafee cinaachaashee jaha basifattee.

Madda suuraa, Barcroft Media
Oggeetti elektirikii kan turte Piksiin, yaada 'mudhii soonsaa' qabaachuuf jennuun lafee cinachaa ishee gara gadii jaha wal'aansa baqaqsanii yaaluutiin baasifte.
Haata'u malee, wal'ansi kun wanta deebi'ee sirreeffamuu danda'u miti. Lafeen cinaachaa ishee erga baasiifteen booda safarriin naanna'aa mudhii dubartii kanaas CM 35 qofadha.
4. Qeerransa fakkaachuuf
Lammiin Ameerikaa Deenis Avnaar qeerransa fakkaachuuf jecha yeroo 14f waal'aansa baqaqsanii hodhuu taasifate.

Madda suuraa, Max Mumby/Indigo
Bara 2012tti kan lubbuun isaa darbe Deenis, jijjiirama qaama isaarratti taasise keessaa inni gurguddoon boca funyaan, nyaaraafi adda isaa jijjiiree ture.
Akkasumas hidhii isaa isa gubbaa mursiisuun, ilkaan isaa mordoo fi qarsiisuun,; guurraa isaa kan qeerraansaa fakkeesuuf jijjiiruu fi hanfaarroo qabaachuuf fuulaa isaa uratee ture.
Kana malees Deenis feedhii qeerransa fakkaachuuf qabu guutuu jecha eegee nam tolchee ni kaawwata ture.
5. Uraa qaamaa 5000 ol
Bara 2000tti yeroo 'Guinness Book of Records' dubartii kana galmeesse Ileeyin Daavidsan fuulaa isheerraa qofa uuraa 192 dabalatee guutummatti bakka 462 qaamasheerra urattee turte.

Madda suuraa, Gareth Cattermole
Lammii biyya Biraazil kan taatee fi amma Iskootilaand kan jiraattu, Ileeyin bara 2012tti uuraan isheen qaama isheerratti godhatte 9,000 ga'ee kan ture yoo ta'u, ammallee dabalaa jirti.
Dubartii qaamaa saalaa ishee irratti dabalatee uraa kan taasifate kunis, yeroo jalqabaatiif qaama urachuu kan eegalte bara 1997tti akka ta'e galmeen ishee ni mul'isa.
Odeessaalee walfakkaatan dabalataa dubbiisuuf:














