Akka wal-fuudhan otoo beekanii 'natti heerumtaa' gaafachuun maaliif?

Madda suuraa, Prostock-Studio
Yeroo dhihootiin asitti dargaggoonni cidha isaaniin dura sagantaa qopheessanii jaalallee isaanii 'natti heerumtaa gaafachuun' baramaa dhufeera. Kuni sirna naqannaa isa aadaa Oromoo waliin walii maali? Akka wal fuudhan otoo beekanii 'anatti heerumtaa?' gaafachuun maaliif barbaachise?
Namoota muuxannoo kana qabanii fi ogeeyyii xiinsammuu dhimma kana xiinxalan gaafannee odeessa kana qixeessineerra.
Ribqaa Waaqtolaan sirna gaa'elaa ishee torbee lama dura ture kan raawwatte. Cidha isheen duras abbaan warraashee ammaa gaaffii natti heerumtaa akka dhiyeesseefii ture dubbatti.
''Jalqaba jaarsummaa ergee ture; erga maatiin tole jedhaniin booda sagantaa 'nattii heerumtaa?' qopheessee na gaafate. Anis yerooma sanan gaaffii sana harkaa fudhadhe,'' jetti.
Ribqaan guyyaa gaaffiin kun dhiyaateef akkaan gammaduufi gaaffii kanas eegdee akka hin turre dubbatti.
''Guyyaa Sanbataarra hojiidhaa bahee, hiriyoonni koo yeroo baayyee wal arginu hoteela Boolee jiru tokkotti wal-argina jennaan arguu deeme.
Yeroon ol-seenu manichi dukkana ture, nama tokko hin arginen ture. Achii baay'atanii gaafan isaan argu lapheen koo na rukute, hin egnen ture gaafasitti.''
''Kana booda jilbeeffatee na gaafatee, qubeelaa naa qopheessee tures naa kenne,'' jechuun guyyicha nyaataafi dhugaaatiin qophaa'ee akka tures yaadatti.
Misirrittiin kaadhimaan ishee yerosii akka inni ishee fuudhu murteessitee akka turte dubbatti. Kana malees, guyyaama gaaffiin 'natti heerumtaa?' dhiyaateef maatiishee magaalaa Gimbii jiraatanitti jaarsummaa akka erges dubbatti.
''Gaafa isaan achii jaarsummaaf deeman, innimmoo asii sagantaa qopheesse, nan didan silas jedheeti fakkaata,'' jetti Ribqaan.
Jaalalaan waggaa tokko ol kan dabarsan Ribqaafi abbaan warraashee sagantaa 'natti heerumataa' hiriyyoota isaanii baayyee irratti akka hirmaatan dubbatti. Sagantaan kuni isheefis akka qophaa'uu malu akka beektu dubbatti.
Erga kana hunda beektee maaltu si dinqe? Maaltu 'surprise' si godheree ? jechuun gaafannee turre.
Ribqaanis, ''guyyaa ani hin eegnerra tahuusaafi hiriyyoonni koo akkuma guyyaa kaanii koottu jedhanii na goyyomsuu isaaniiti," jette.
''Kanaafin 'surprised' tahee. Naasuun gaafasicha nahe sitti himuu hin danda'u,'' jetti. Sagantaan kuni isheef kan 'waadaa walii seenuu' akka tahes dubbatti misirroon kun.
'Sagantaa natti heerumtaa eebba Waldaan booda dhiyaate'
Waaqwayyaa Dassuu haadha warraasaa Kaanaadaa irraa dhufte kan fuudhe maatiisaarraa fagaatee Keeniyaatti ture.
Haata'u malee, sagantaa 'natti heerumtaa' kan qopheesse erga waldaan gaa'ela isaanii eebbisteen boodadha.
''Egaa duraan gaaffiin 'natti heerumtaa' kan dhiyaatu otoo isheen natti hin heerumiinidha,'' jedha.
Haata'u malee jedha Waaqwayyaan, jaalalleesaa biyya hambaa irraa dhufte waliin, ''waliin turuuf eeyyamni Waldaa Kiristiyaanaa waan nu barbaachiseef kanaaf warri waldaa dhufanii manatti nu eebbisan,'' jedha.
Torbee lama boodas achuma biyya Keeniyaatti sagantaa 'natti heerumtaa' nan qopheesse jedha Waaqwayyaan.
Haati warrasaa biyyatti yeroo deebitu iddoo maatiin jiranitti cidha geggeessuu waan barbaanneef asitti waliin tahuu keenya namoota nu beekanitti beeksisuuf sagantaa qopheessines jedha.
''Sagantaan 'natti heerumtaa' kun wal-naqachuu keenya namoota nu beekanitti beeksisuuf waan raawwannedha,'' jedha.
Sababiinsaa jedha Waaqwayyaan,''nuti namoota Waldaa Kiristiyaanaa gatii taaneef beekamtii waldaan alatti gaa'ela dura homaa gochuu ijaa hin barbaanneef isaanitti beeksisne, paastarotaafi jaarsolii waldaa muraasaan eebbifamne malee sagantaan achitti qophaa'e hin turre. Waldaan akkanatti eebba yookiin eeyyama kennuunis baramaa dhufeeras jedheera.
Kana malees, biyya ormaa hin beekne keessatti wal arguun isaaniifi haaloti tokko tokko mijachuu dhabuun sagantichi isa barameen alatti akka qophaa'u taasises jedheera.
Waaqwayyaan akkuma Ribqaa fa'i waan aadaan gaafatu jaarsa erguufi yeroo naqannaa waan kennamu raawwadheera jedha.
Haata'u malee, yeroonsaa wal darbus akkuma dargaggoota kaanii bara kanaa, jaalalleesaa ''sagantaa suura ka'uu irra erga oollee booda uffata jijjiirrachuu deemnee yeroo deebinu sagantaa addaa qopheesserratti 'natti heerumtaa?' jedheenii isheenis gatii barbaadduuf tole jettee kanumaan uummatatti beeksisnee jechuudha,'' jedha.
Waaqwayyaan, ''anaaf wal-fuudhuu jechuun eebbadha sagantaan otoo jaalalleen kee hin beekiin qopheessitee itti gammaddu kunimmoo balbala gara gaa'elaatti dabarsudha jedheen yaadaa,'' jedheera
'Akkeessaafi fakkeessaa'
Dr Alamaayyoo Faqqadaa Dhaabbata Qorannoo Aadaa Oromoo Yunivarsiitii Jimmaatti itti-gaafatamaa dhimma qorannnoofi maxxansaati.
Qorannoowwan dhimma aadaa Oromoo garaagaraa irratti hojjetaman akka arganis ni himu.
Dhimma naqannaa aadaa Oromoo yeroo dubbatanis yeroo durii sirna naqataa keessa maatiitu dursee sanyii warraafi amala walii qorata jedhan.
Yeroo jaarsummaan ergamus,''kuni hundi erga qoratameen booda maatiin intalaa tole yookiin lakkii jedhuu danda'uu,'' jedhan.
Milkiinis waan ilaalamuuf gaheen maatii guddaadha; of eeggannoo cimaatiin kan adeemsifamuudha jedhu.

Naqatni erga raawwateen booda qophiin fuudhaafi heerumaatu taasifama. Dubartiin hodhaa garaagaraa qopheeffatti, meeshaa garagaraa kan fudhattee deemtu qopheeffatti.
Gama gurbaatiinis akkasuma cidhaaf qophiin ni taasifama jedhan.
Haata'u malee, ''gaaffii 'natti heerumtaa' yeroo ammaa akka ajaa'ibaatti adeemsifamuu kanaaf, maatiin sagalee keessaa hin qaban taanaan bu'uura aadaa hin qabuu,'' jedhan.
Gaaffiin 'natti heerumtaa' ''kaaffeetti, hoteelattiifi karaa irratti fa'i gaaffii dhiyaatu malee of eeggannootiin milkii ilaallatanii, ibidda bulfataniifi biqila biqilfatanii kan raawwatu miti,'' jedhu.
Dargaggoonni dhiibbaa miidiyaafi aadaa biyya hambaa ilaaluun waan raawwatanidha jedhu Dr Alamaayyoon.
''Inni dhiirris, isheen dubartiinis gaa'elaaf akka wal-qopheeffatan garaan isaanii wal-beeka.
Haata'u malee, hoteela keessatti habaaboo afanii, jilbeeffatanii akka haaraatti qubeelaa itti qabuu kana ani akka qoosaattin ilaala, garuu dhiibbaan isaa immoo qoosaa mitii,'' jedhan
Sababiinsaa jedhu doktarichi, dargaggoonni kunneen wal-baruu isaaniifi maatii isaanii gidduutti godhamuu qabuuf iddoo kennuu irra agarsiisa irratti xiyyeeffatu.
Kana malees, dhalootni isaan booda dhufan isa kana akka aadaa kan isaaniitti fudhachuu jalqabu jedhaniiru.
Kanaafis, aadaa waliin makamaa jiru kanarrattis of eeggannoon godhamuu akka qabuufi aadaa ofiidhaaf dursi kennamuu akka qabus akeekaaniiru.

















