Rifeensa maaliif guduruu tolchan? Akka aadaa Oromootti eenyufaatu guduruu tolfata?

Dargaggeessa guduruu tolfate

Madda suuraa, Getty Images

‘’Rifeensa koo guduruu godhee ergan guddisuu jalqabee amma waggaa 12 taheera. Dheerinnisaas mudhii koo irra gaheera, yoo na hidhanii narraa ciran malee ani ofirraa hin muru.’’

Beekii Uumaa barreessaa fi daarektara fiilmiiwwan Afaan Oromoo Waadaafi Mo’aa jedhamaniiti.

Rifeensi guduruu kuni isaaf rifeensa faaqqeen keessa hin seenne, walitti marameefi xaxamee irra taa’u qofa miti. Hiika guddaa fi falaasama jireenyasaa waliin hidhata qabu dha.

‘’Ijoollummaa kootirraa kaasee rifeensa koo murachuu hin barbaadu, sababiinsaas ayyaanaa fi simboo naa kenna jedheen amana,’’ jedha Beekiin.

Ijoollee tahee mana barumsaatti rifeensa gudureessuun gatii hin eeyyamamneef maatiinis akkasuma ‘’ofirraa ciri’’ ijaa jedhaniif murachaa akka ture kan himu Beekiin, erga ga’eessa tahee al lama guddisee deebisee muree, yeroo sadaffaaf erga guddisuu jalqabee waggaa 12 taheera.

Gama biraan namni rifeensa gudureeffatu ‘’nama baala sammuu namaa si’eessu aarsu, amantii Raastafariyaanii (warra Mootii Haayilessillaasee waaqeffatan) kan hordofu dha, ilaalchi jedhuufi kanneen biraa jiraatanillee Beekiin garuu ‘‘durumaa mataa guduruu godhachuun aadaa Oromoo keessa jira,’’ jedha.

Ani garuu kanin rifeensa koo guddisu jedha Beekiin, ’’bilisummaa koo ittiin mul’isuuf, hiriirri koos cunqurfamtoota waliin waan taheef akka nama bilisummaaf falmuufi lolutti rifeensa gudurfachuun kuni mallattoo dha.’’

‘’Warreen Raastafariyaanii dabalatee, warreen sirba Reegee jaalatan rifeensa gudurfachuu kana mirga gurraachotaaf falmuu waliin walitti hidhu, anis akkasuma ofirratti akka ayyaanaattin ilaala.’’

Beekii Umaa

Madda suuraa, Beki Uma

‘’Shamarran kuni dhuguma rifeensasaati naan jedhu’’

Namoonni rifeensa isaanii yeroo guduruu tolchan akka guddatuufi wal-qabatuuf dibata vitaaminii qabuufi gagaa dammaafaa fayyadamu jedha Beekiin. Warreen rifeensa nam-tolcheedhaan guduruu hojjetatanis jiru.

‘’Ani garuu homaa hin fayyadamne calliseeman guddisee, yeroo guddachuu jalqabu harkumaan walitti qabsiisuu ykn xaxuun eegale, yeroo jalqabaa otoo akkana hin guddatiin hiikamee faca’a gatii taheef ni rakkisa ture,’’ jedha.

Beekiin ‘’shamarran akkamiin sii dheerata, dhuguma rifeensa keetii? naan jedhu. Isin hin cinqamtu ani garuu calliseen gadhiisa, shaampuu qofa fayyadameen qulqullinsaa eega malee dibata illee sirnaan itti hin haxaawu, badaa hin tajaajilu rifeensi koo uumamaan guddata.’’

Haa tahu malee, ilaalchi inni yeroo baayyee namoota irraa argatu gaarii akka hin taane hima. ‘’Namoonni akkan hashiishii aarsutti na yaadu, garuu baadiyyaa Oromiyaa tokko tokko keessatti garuu ‘ayyaantuu’ dha jedhaniitu si yaadu jedha.

‘’Yeroo hunda ija namaa keessa gatii jirtuuf sitti hin tolu, yeroo dhiyootiin asitti garuu namni baraa jira. Iddoo dhaa iddoottis ilaalchi siif kennamu gargari.’’

‘’Namoota waliingaluun yerootti na rakkiseefi hojii qacaramuufillee rifeensa kee ciradhu yeroon jedhametu jira, yeroon jaalallee qabadhus rifeensa kee kutadhu namni guduruu godhatu kashalabbeefi nama hin amanamne fakkata jedhamee faa beeka.’’

Haa tahu malee hojii qacaramuuf jedhee ‘’faalaasama jireenya koo ofirraa hin ciru,’’ hojii dhuunfaa koo gatiin hojjedhuufis tahuu mala jedha. Waanin jaaladhuuf falmuu koo ittan fufa jedha.

‘’Yoo harkaafi miila koo hidhanii narraa muran malee ani itti amanee yeroon itti ciru hin jiraatu, kuni mirga uumamaan naaf kenname dha, waan Rabbi naa kenne namni maaltu isa galchee mura?’’

Kanaaf haalli rifeensa isaa fedhiidhaan isa mursiisuu danda’u akka hin jiraanne dubbata Beekiin.

Beekii Umaa

Madda suuraa, Beki Uma

Rifeensa guduruufi aadaa Oromoo

Ab Jaatanii Didaa qorataa aadaa yoo tahan akkaataan rifeensa qixeeffatan umrii nama marsaa Gadaa keessa jiru waliin deema jedhan.

‘’Sirna Gadaa keessatti rifeensa kan guduruu godhatu ijoollee dabballee fi Qaalluu qofa dha jedhan,’’ Ab Jaataniin.

‘’Dabballeen rifeensa isaanii waanti qara qabu hin tuqu, sababiinsaa inni tokko isaan keessaa namni Qaallu tahu hin beekamu jedhamee ijaa yaadamuufi yoo tahu, kaanimmoo ijoollee sadarkaa Gaammee irra jiranirraa adda baasuufi’’

Gama biraan ijoolleen Dabballee kunneen rifeensi isaanii reef miidhagaa waan jiruuf,’’ijji namaa akka itti bu’u hin barbaadani,’’ jedhan

‘’Labatni kuni marsaa Gadaa isa jalqabaa keessa waan jiraniif warra jalqabaa Waaqi file jedhaniiti ija irraa hilanii, ni ulfeessani.

Rifeensi isaanis otoo irraa hin muramiin akka mucaa hiyyeessatti akka guddatan godhan,’’ jedhu qorataan kuni.

Ijoollee Dabballee kana inumaayyuu mana Abbaa Gadaa namni guyyuu dhufutti hin guddisan.

‘’Hiyyeessa loon lama, sadii qabutti kennanii, nyaata eeggataniifi, hin boochisanii, hojii jabaa hin hojjechiisanii, akka nama guddaatti kabaja qabdi garummoo gad-qabanii akka ija namaa hin harkisnetti guddisan, abbaanis faguma hordofa.’’ jedhu.

‘’Iji hamaa fi tolaan wal-keessa jirti waan taheef ija namaarra qabanii yoo guddisan mataan irratti xuraa’uu dandeessi, ni guduroofti,’’ jedhan.

Ab Jaataniin akka jedhanitti sirna Gadaa aadaa Oromoo keessatti namni Qaalluu tahu ni dhalata malee hin filamu.

‘’Qaalluu guyyaa dhalaterraa kaasee sibiilli qara qabu nafa isaatti hin bu’u, dhaqna hin qabatu, sibiilliyyuu galma Qaalluu hin seenu, namni meeshaa waraanaa qabatellee mana isaa hin seenu, ulfina qaba waan taheef,’’ jedhu

‘’Rifeensi isaa bahee, bahee gara malee yoo guddatellee fiixee qabanii damma diban, yoos dammi goggosee harcaaseetu gaggabaabsa malee yoo dadhaa dibaniis harkaan gadi hin harkisani, maaliif rifeensi tokkollee keessaa akka bahu hin barbaadan.’’

Qaalluun kuni jireenyi isaa marti jireenya hawaasa sanaa waliin hidhata qaba jedhanii waan amananiif ni ulfeessu jedhan. ‘’Qeensa isaallee ilkaaniin ofirraa qora malee sibila oftti hin butu,’’ jedhu Ab Jaataniin.

Akka qorataa kanaatti rifeensa guduruu jechuun mataa du’ee fi mataa jirutu walitti hafa, akka citee hin buune godhama jechuu dha jedhan.

Aadaa Konsoo keessattis dubartii ilmishee gadamoojii yoo tahe ykn yoo fuudhe isheenis gadamoojii gatii taatuuf rifeensa ni gudureeffatti kana jechuun ‘’dhiirri irraa deebitee, dhiiraan walitti hin deebitu jechuu dha,’’ jedhan.

Qorattoonni aadaa baayyeen, namoonni bara durii qabee rifeensa gudureefachuu akka jalqaban reeffa warra Masrii mala maamiidhaan tursiifamerraa ragaan argame agarsiisa jedhu.

Warri Raastafariyaanis luqqisa Macaafa Qulqulluu kan ‘Naaziraayit’ Waaqaaf kan fo’ame jedhurraa ka’anii mataa isaaniirra sibila hin buusan jedhu.

Akka Aab Jaataniin jedhaniis guduruun akka aadaa Oromootti kan yeroo barbaadan irraa ka’anii rifeensa dheeressan otoo hin taane guyyuma dhalootaarraa rifeensa sibillii itti hin buune dha.