Barsiistuu Ameerikaa rifeensa barataa ishee dirqamaan muruun himatamte

Madda suuraa, Tulare County Sherrif
Barsiistuun Ameerikaa rifeensa barataa ishee osoo dirqmaan irraa murtuu viidiyoon agarsiisu argamuun, himannaan irratti banameera.
Barsiistuun Maargaareet Geejingar jedhamtu sababuma kanaan hojii barsiisummaashee sadarkaa lammaffaa dhabdeetti
Abbaan alangaa daa'ima irratti 'hammaachuu' dabalatee himannaawwan jaha irratti banamaniiru, tokkoosaayyuu hin amanne. Waggaa sadiif walakkaa ishee adabsiisuu danda'a jedha.
Maargaareet Geejingar gaafa Jimaataa doolaara 100,000 kaffaluun baatee turte.
Viidiyoo irratti barsiistuun saayinsii baraticha waamuun ijoollee fuuldura erga teessisteen booda yeroo inni bo'oo faaruu faarftu yoo dogoggoru rifeensa irraa muruu ishee agarsiisa.
Ogeessi seeraa daa'ima kanaa 'mucaan baayyee sodaatee'' ture garuu jalaa bahee baqateera. Jedha
Barsiistuun kun maqasii mataatti baattee ijoollee dabareedhaan waamteE rifeensa akka irraa murtu doorsisaa turte.
''Nageenyaafi eegumsa barattoota keenyaaf ni quuqamna kanaaf adabbii barbaachisaa tahe ni kennin'' jedheera waajjirri barnootaa naannichaa.












