Gumaata Kaampaasii 1: Dubartii waggaa 5 keessatti Pireezidantii ittaantuu Yunivarsiitii Madda Walaabuu taate

Ramadaan Faqii
Ibsa waa'ee suuraa, Umurii koo 25 ttin Yunivarsiitiin digirii koo itti baradhetti Pireezidantii Ittaantuu ta'e

Ramadaan Faqiin jedhama bara 1991tti Godina Baalee Magaala Gobbaattin dhaladhe. Pireezidaanii itti aantuu Yunivarsiitii Madda Walaabuu ishee jalqabaati.

Maatiin koo hojjeettoota mootummaadha. Anis abbaa kootiif muucaa 17 fi ishii dhumaan ture.

Barnoota koo sadarkaa tokkooffaa harka caalu barattuu yeroo hunda tokkoffaa baatu ta'uu baadhus barattuu cimtuu ta'een xumure. Kutaalee 4-7 jiran waggoota lama keessattin xumure.

Barnoota sadarkaa lammaffattis qabxii olaanaa galmeessiseen wayita rammadiin dhaabbilee barnoota bahu erga hundaa'e wayita sana reefuu barattoota marsaa lammaffaa fudhatu Yunivarsiitii Madda Walaabuuttin ramadame.

Barnoota saayinsii hawaasa keessumaa Ikoonomiksiifi Biznasiirratti fedhii guddaa qaba ture.

Obolloonni koo hangaafaas gara kanatti beekumsin qabu akka dabaluuf kitaabota naa bitu turan.

Qabxiin qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffa koo olaanaa waan tureef wantan filadhe akkan baradhu na gargaaree muummee barnoota ''Business Management'' gale.

Obbolaan koo hunduu yunivarsiitii galanii waan milkaahaniif anis akkuma isaanii qabxii garii fiduuf of amansiise.

Yunivarsitii keessatti waggaan inni duraa ni ulfaata. Naannoo dur barrerraa bakka addaa waan ta'eef barnootnis waan cimuuf.

Sababoota garaagaraaf barattootni yunivarsiitilee fagoo deemanii barachuu barbaadu ani garuu Madda Walaabuu na qaqqabuu isaatti, muummeen barnootaa itti ramadamettis gammadduun ture.

Milkaahinan argadheefis maatiikoo biratti barachuun koo gahee guddaa qaba ture.

Ramadaan Faqii
Ibsa waa'ee suuraa, Anis abbaa kootiif muucaa 17 fi ishii dhumaati

Kaniin dubbisu osoo yeroon qormaataa hin gahiini. Wayita qormaatni dhiyaatu of dhiphisuurra qo'annoo keessa deebiin godha.

Waggaa 1ffaa fi 2ffaatti seemisteerota arfanuu qabxii afur afuriin fide.

Waggaa sadaffaatti garuu dhibaawummaan muraasni na qabatee babbahuun eegale.

Qaphxiin koos hin hir'isu boonni jedhu natti dhagaamaa ture. Haala kanaan gosa barnootaa lamaa 'A' fiduu osoo hin danda'iinin hafe.

Yunivarsitichatti injifattuu geebaa ta'uu baadhus waliigala qabxii 3.94 fiduun lammaffaa ba'uun warqee badhafamuun achummatti barsiistuu ta'ee qacarame.

Imala gara Itti aantuu Pireezidantummatti

Pireezidantii Itti-aantuu Qo'annoofi Tajaajila Hawaasaa Yunivarsiitii Madda Walaabuu yoon ta'u dubartii ganna 25 ti.

Gara aangoo kanaatti dhufuu koon dura damee barnoota Biiznasaafi Ikonomiksii keessatti waggaa tokkoof gosuman barnoota baradheen barsiisaa ture.

Sana booda barnoota Biznasaan Mastarsii itti fufuuf gara Yunivarsiitii Finfinneen imale.

Achittis qabxii olaanaafi bu'aa qorannoofi qo'annoo ''Excellent'' argachuunin masters of ''Business Administration'' eebbifame.

Mana barumsaa Biznasaafi Ikonomiksii keessaa dubartiin qabxii qo'annoo 'Excellent' argattee ana qofa.

Wayita kanan hojii qo'annoofi qorannoo daran jaalachuu eegale.

Ramadaan Faqii
Ibsa waa'ee suuraa, Umurii koo 25 ttin Yunivarsiitiin digirii koo itti baradhetti Pireezidantii Ittaantuu ta'e

Akkuman deebi'an hojii barsiisummaan dabalataan qindeessituu qo'annoofi tajaajila uummataa mana barnootaa Biiznasaafi Ikonomiksii ta'ee hojjechuufin dorgomee darbe.

Ji'oota muraasa boodas bakki daayireektara qo'annoofi tajaajila hawaasa Yunivarsitichaa banaa waan tureef bakka sanarratti dorgomeen ammas milkaa'e.

Boodas Yunivarsiitichi caaseeffamasaa wayita haaromsu bakkin ani irratti hojjechaa ture gara sadarkaa Pireezidantii Ittaanaa Qo'annoofi tajaajila hawaasummatti guddate.

Dhiirota PhD qaban shan bakka kanaaf kaadhimaman keessaa gahumsan qabuun filatameen dubartii jalqabaa pireezidantii itti aantuu Yunivarsiitichaa ta'e.

Hangan rakkoo fayyaan aangoo koo gadhiisuttis hojii q'annoofi tajaajila hawaasaf aanaalee Godina Baalee hunda keessatti socho'eera.

Yunivarsiitiicha yunivarsitiwwan biyyoota alaa akka Raashiyaa, Ameriikaafi kan biroo waliinis hariiroo akka uumu hojjedheera.

Amma maalirra jirti?

Rakkoo fayyaa biyya keessatti hin yaalamne na mudatee waan tureef gara Afrikaa Kibbaa deemee.

Kaadhimaan koo waggoota sagaliis achi ture waan ta'eef achumaan isa waliin maatii ijaarradhee amma haadha daa'ima tokkoo ta'ee magaala Darbaan keessa jiraanna.

Fedhiin qo'annoofi qorannoof qabuufi dheebuun barnootaa ammas hin dhaabanne.

Amma University of Kwazulu Natal magaala Darbaan keessatti argamutti barnoota 'Doctor of Business Administration' jedhamuun barachaa jira.

Yuunivarsiitii Madda Walaabutti hojiin jalqabee hin xumurre waan jiruuf wayitan barnoota koo xumuru hojii qo'annoofi tajaajila hawaasaa achitti jalqabeen deebi'ee hojjedha.

line
#bbcgumaatakaampaasii

*Odeessi Gumaata Kaampaasii, jiruufi jireenya barattoota yunivarsiitii hirmaachisuun BBC Afaan Oromoo irraa torbaniin altokko kan isinii dhiyaatudha.