Eebbifamtoonni dhaabbilee barnoota ol-aanoo maal gochuu qaban?

Eebbifamtoota Yuunvarsiitii Jimmaa kan bara 2018 muraasa
Ibsa waa'ee suuraa, Eebbifamtoota Yuunvarsiitii Jimmaa kan bara 2018 muraasa

Guyyaan eebbaa guyyaa dagatamu miti. Waantota guyyaa kana akka hin dagatamne taasisan keessaa, guyyaa dhamaatii waggaa baayyee taasisaa turaniif beekamtiin namaaf kennamudha. Kana malees, guyyaan kun guyyaa maatii, firriifi hiriyyoonni hanga giidoo isaanii gumaata namaaf kennanii yeroo gaarii waliin itti dabarsanidha.

Guyyaa itti jireenya haaraatti ce'an…

Hunda caalaa garuu guyyaan kun guyyaa gara jireenya haarawaatti itti ce'an ta'uun isaas akka hin dagatamne isa taasisa.

Yoo milkiin toleef jireenya barataarraa gara jireenya hojjetaatti kan ce'amus guyyaa eebbaa kanaan boodadha.

Yeroo baayyee, baatileen Waxabajjiifi Adoolessaa Itoophiyaatti yeroo dhaabbileen barnootaa ol-aanoo barattoota eebbisiisanidha.

Yeroo boqonnaa jireenyaa tokkorraa gara kan biraatti ce'an waan ta'eef, tibba eebbaa kana eebbifamtoonni miira walmakaa — gammachuufi yaaddoo keessa ta'uu malu.

Lalisee Birhaanuu,

Madda suuraa, Lalisee Birhaanuu

Ibsa waa'ee suuraa, Lalisee Birhaanuu, Yuunvarsiitii Saayinsiifi Tekinooloojii Finfinneetti bara 2018 Manajimantii Tekinooloojii Ijaarsaa irraa kan eebbifamte

Lalisee Birhaanuun Yuunvarsiitii Saayinsiifi Tekinooloojii Finfinneetti Manajimantii Tekinooloojii Ijaarsaa irraa bara kana akka eebbifamtu BBC'tti himteetti.

Akka Laliseen jetutti tibba eebbaa jala shamarraniifi dardaran eebbifamaniif, akkasumas maatii isaaniitiif yeroo addaadha. Eebbifamtoonni maatii simachuun akkamiin akka waliin itti dabarsan karoorfatu, kan jettu Laliseen, "eebbifamtoonni ammoo uffataafi kophee addaa kan duraan uffatanii hin beekne qophheefatu."

Yeroo barumsarra jiran qalbiin barataa akkamitti akka barnoota isaaniitiin milkaa'aniifi qabxii gaarii galmeesisanirratti ta'a. Yeroo eebba jala ga'an garuu qalbiin isaanii jireenya eebbaan booda isaan mudaturra ta'a jetti Laliseen.

Hojii barbaaduufi itti gaafatamummaa jireenyaa guutummaan fudhachuun ykn of danda'uutti waan deemamuuf jireenyi ulfaachuu mala jetti.

"Keessattuu haala qabatamaa biyyi keenya yeroo ammaa itti jirtuun rakkisaadha. Barattoonni hedduun waggaa waggaan dhaabbileen barnootaa gara garaarraa waan eebbifamaniif carraan hojii baayyee dhiphaadha. Carraan hojii mootummaa argachuu baayyee dhiphaa waan ta'uuf eebifamtootaaf yaaddoo guddaadha jedheen amana," jetti Laliseen.

Eebbifamtootaafi maatii eebbifamtootaa Yuunvarsiitti Jimmaa bara kanaa muraasa
Ibsa waa'ee suuraa, Eebbifamtootaafi maatii eebbifamtootaa Yuunvarsiitti Jimmaa bara kanaa muraasa

Turtii yuunvarsiitii keessatti qabxii gaarii galmeesisuun carraa hojii dhiphaa jirullee dorgomanii argachuuf nama gargaara kan jettu Laliseen, barattoonni gaafa dhaabbata barnootaa ol-aanoo seenanii kaasanii jireenya isaanii fuula duraa kan eebbaa booda jiru karoorfachuun cimanii hojjechuu qabu jetti.

Yaaddoo jireenya eebbaa booda jiru kana karaan ittiin mo'achuun dand'amu hojii kamiyyu osoo hin tuffatiin hojjechuudhaaf sammuu ofii qopheessuun barbaachisaadha jetti.

Eebbaa Tolasaas Yunvarsiitii Saayinsiifi Tekinooloojii Finfinneerraa Elektirikaaliifi Injiinaringii Kompiiteraan qabxii ol-annaadhaan eebbifame. Bu'aa ba'ii turtii waggoota shanii keessa darbe kaasuun waqtiin eebbaa miira addaa akka qabu dubbata.

"Guyyaan eebbaa guyyoota ani dagachuu hin barbaannedha. Sababiin isaas, rakkoo addaa addaa keessa darbee kanan eebbaaf itti ga'edha," jedha Eebbaan.

Jireenyi eebbaa booda jiru yeroo baayyee yaaddoo qaba jedha Eebbaan. "Yoo duraan of hin qopheessiin ykn mullata jireenyaa of-duratti ilaalatanii irratti hojjetaa hin dhufne ta'e rakkisaadha. Yeroo addunyaa barumsaarraa adunyaa hojiitti ce'an akka yaadan ta'uu dhiisuu mala."

Rakkoowwan hojii dhabuu eebbaa booda nama mudachuu malu falachuuf sammuun qophaa'uu, namootaa adda addaarraa muuxannoo fudhachuun barbaachisaa ta'u amana jedha.

Maddeen odeeffannoo garaa garaarraa hojii barbaadachuufi hojii argame keessatti dorgomaa ta'anii darbuuf of-qopheessuu cinaatti, hojii ofii ofiin uummachuuf carraaquun faladha akka Eebban jedhutti. "Karaa tokko qofaan osoo hin taane, filannoo biraa qabaachuun dirqama."

Barataa Iddiluu Addunyaas Qondaala Fayyaa ta'ee Yuunvarsiitii Wallagaarraa eebbifama. Guyyaa eebbaaf sirriitti akka qophaa'uufi maatiin isaallee isa waliin dhufanii akka gammadan dubbata. Hojii gara fuula duraa garuu ogummaa fayyaan warra eebbifamaniif mootummaan carraa waan kennuuf yaaddoo hin qabu jedha. "Waanti narraa eegamu dhaabbata fayyaan itti ramadame deemee uummata tajaajiluuf ariifadheera," jedha.

Filannoo biraa qabaachuu…

Eebbifamtoota biroof ergaa dhaameenis, hojii argachuuf mootummaa qofaa eeggachuurra filannoo lammaaf kan akka hojii ofiin uummachuu qabaachuu qabu jedha Iddiluun.

Alamnash Girmaas Yuunvarsiitii Wallaggaarraa Baawuloojiitiin eebbifamti. eebbifamtee gaafa baatu hojii mootummaa qofaa hin eeggadhu jetti Alamnesha. Yoo naaf danda'ame suuqii kosmooktiksii banadheen hojjechuuf yaala jetti.

Waaqtolaa Damisoo

Madda suuraa, Waaqtolaa Damisoo

Ibsa waa'ee suuraa, Waaqtolaa Damisoo, Yuunvarsiitii Paanjaabitti Kaadhimamaa Dorktoraa, Yuunvarsiitii Wallaggaatti ammoo Qorataa Xiinsamuu Hawwaasaa

Biyya Hindii 'University of Pujab'tti Kaadhimamaa Doktoraa (PhD) fi Yuunvarsiitii Wallaggaatti ammoo barsiisaafi Ogeessa Qoor-qalbii Hawwaasummaa kan ta'an Waaqtolaa Damisoo yaaddoo barattoonni eebbaa booda qabaniifi mo'achuudhaaf fala ta'a jedhanirratti BBC waliin turtii taasisaniiru.

Yaadannoo yeroo barataa turaniifi muuxannoo barsiisummaafi qorannoo yeroo dheeraa qaban kaasuun, yeroon eebbaa yeroo ce'umsaati waan ta'eefi gammachuus yaaddoos ni qaba jedhu Obbo Waaqatolaan.

Baratanii firii isaanii argachuun eebbifamanillee, jireenya fuula isaanii dura jiru waan yaadaniif dhiphachuu malu jedhan.

Keessattuu bara kana keessa eebbifamtoonni jireenya fuula isaanii dura jiru akka yaadda'an kan taasisan hedduutu jiru jedhu Ogeessi kun.

"Bara kana hojii mootummaa argachuun baayyee dhiphaadha. Kanneen miliyoonaan lakkaa'amani eebbifamanii hojii malee yeroo taa'aa jiranitti warri haaraan eebbifaman gabaa hojii baayyee dhiphaa ta'etti yeroo makaman yaaddoo guddaadha."

Yaaddoo kana mo'achuudhaaf maaltu fala?

Kadhimamaan Doktoraa Waaqatolaan eebbifamtoonni rakkoo hojii dhabuu dabalatee yaaddoo eebbaan booda mudatu mo'achuuf qabxiiwwan ijoo tarreessaniiru:

Ragaa barnootaafi muuxannoo haalaan tolfachuu

Dhimmi guddaan tokkofaan eebbifamtoonni hojii barbaachuun dura gochuu qaban ragaa barnootaa, odeeffannoo isaan himuufi muuxannoo (CV) qaban agarsiisu sirnaan qopheeffachuudha. Dorgommii hojii keessatti osoo dorgomaan qaamaan hin dhiyaatiin ragaa barnootaa, eenyummaafi muuxannoo dorgomaatu calalliif dhiyaata. Kanaaf, haalli ragaa kana ittiin qinneeffachuun barbaachisu xiyyeeffannoo barbaada.

Dhimma kanarratti yoo danda'ame leenjiifi hubannoo bakka argatan barbaaduun ogummaa kanaaf malu horachuudha. Filannoon biroonis, namoota ragaa barnootaa (CV) qopheessuun muuxannoofi beekumsa ga'aa qaban irraa barachuun barbaachisaadha, jedhu.

Fuuldura ofii hubachuun qophii sammuu qabaachuu

Miiruma eebbaa keessa jiran qofaa osoo hin taane eebbifamtoonni rakkoo itti ba'uuf jiran yoo beekan furmaata rakkoo jiruuf dursanii itti yaaduuf gargaara jedhu Obbo Waaqtolaan.

Ilaalchi yeroo baratanii ba'an bakka guddaafi hojii guddaa hojjechuurra ija of godhachuun rakkoodha jedhu Obbo Waaqtolaan. Hojiin hawwinuufi barbaannu dhibuu akka danda'u yeroo ar'a keessa jiranirraa jalqabnii yaaduun sammuu ofii amansiisuun barbaachisaadha.

Qophii sammuu qabaachuun hojii xiqqoollee taatu kan argame osoo hin tuffatiin hojjechuu isaan dandeessisa jedhu.

Yeroo eebbaarraa jalqabanii hojjetaa waajiraa, ogganaa ykn qajeelcha biiroo ta'uu hawwanii yoo hin milkoofne sammuun miidhamuu waan maluuf, hojii osoo hin filatiin hojjechuuf of qopheessuun fala ta'u ibsu.

Hojiin xiqqaa akka hin qabne kan dubbatan Waaqtolaan, eebbifamtoonni 'ani nama baratedha maaliifan kan hojjedha' kan jedhu sammuu ofii keessa baasuun akka ce'umsaatti hojii kamiyyu muuxannoollee kan hin barbaanne hojjechuu qabu jedhu.

Carraa hojii dhiphoo jirtu keessatti dorgomaa ta'uu

Akka Ogeessi kun ibsanitti ulaa hojii jiru keessatti dorgamiin baayyee ni cima waan ta'eef eebbifamtoonni akkaataa kamiin of qopheessuu akka qabanirrratti hojjechuun barbaachisaadha.

Kana keessatti gaaffiwwan akka, 'nama hojiif barbaadame keessaa attamiinan tokko ta'a, hojichi maal barbaada, hojii sana keessatti ani eenyu, attamittan adda duree ta'ee darba' kanenn jedhan of gaafachuun irratti hojjechuun fala jedhu.

Odeeffannoo qabaachuu

Odeeffannoo madda gara garaarraa, hariiroo namootaafi dhaabbilee gara garaa qabaachuun wallaansoo eebbifamtoonni rakkoo fuula isaanii duratti isaan mudachuu malu mo'achuuf taasisan keessatti baayyee isaan gargaara jedhu Obbo Waaqtolaan.

Odeeffannoon beeksisa hojii iyyaafachuu, gita hojii ba'errattis waa'ee waajira sanaa, haala kanaan dura namoonni ittiin qacaramanirratti qorachuu dabalata.

Odeeffannoo karaa hojiin ittiin ba'u kan akka gaazexaa, miidiyaalee biroofi beeksisa maxxanfameen alatti karaa hariiroo namaan iyyaafannoo ballifachuun barbaachisaadha.

Dandeettii of ibsachuu irratti hojjechuu

Rakkoo eebbifamtoonni yeroo baayyee qaban keessaa sirriitti of ibsuu dhadhabuun isa tokko ta'uu ibsuun, kan foyyeeffachuuf hojjechuu akka qaban gorsu Obbo Waaqatolaan.

Dandeettiin of ibsuu kan dhalaataan argamu osoo hin taane kan shaakalaan dhufu waan ta'eef eebbifamtoonni hiriyoota isaanii waliinillee ta'anii akkamitti akka of ibsuu qaban shaakaluu qabu jedhu.

"Hojiin bitttaafi gurgurtaadha waan ta'eef dandeettii dubbachuu gonfannee sirriitti of ibsuun of gurguruu qabu," jedhu Obbo Waaqatolaan.

Adda ta'uuf ykn waan addaa ta'e dhiyeessuuf hojjechuu

Ragaa barnootaa keenyaan alatti, waaajira nu qacaruuf dorgomsiisu duratti waan adda nu taasisuufi waan addaa ta'e qabannee dhiyaachuun amansiisuun carraa dorgommii mo'achuu ballisa jedhan.

Walumaa galatti, jireenya eebbaan booda isaan eeggatu keessatti dargaggoonni karoora baafachuun carraa qacaramuu qofaa osoo hin taane filannoo biraallee qabaachuun barbaachisaadha, jedhu Obbo Waaqtolaan.