Netaanyaahuun ajaja hidhaa yakka waraanaa ICC irratti baase morme

Madda suuraa, Reuters
Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) Ministira Muummee Israa'el, ministira waraanaa duraanii biyyattii Yo'aav Gaalaant akkasumas komaandara waraanaa duraanii Hamaas irratti yakka waraanaa raawwataniru jechuun ajaja hidhaa baase.
Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun murtii mana murtichaa yakka waraanaa raawwatan jechuun isaa fi Ministira Ittisaa duraanii Yohav Gallanti irratti ajaja hidhaa baase “farra Yihudootaa” jechuun balaaleffatan.
Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC)'"namoota nagaa irratti miidhaan akka hin geenyeef waan danda'amu hunda osoo gochaa jirruu namoota nagaa irratti xiyyeeffatanii jechuun himataa "sobaa" nurratti dhiyeesse" jedhan
ICC hogganaa Hamaas Mohaammad Deefittis ajaja kan baase yoo ta'u, Israa'el garuu inni baati Adoolessaa keessa Gaazaatti ajjeefamuu isaa dubbatti.
Abbootiin murtii ICC namoonni sadan kunneen yakka yeroo waraana Israa'elii fi Hamaas gidduutti raawwatameef ''yakkaan itti gaafatamuu akka qaban'' amanuuf ''sababni madaalawaan'' akka jiru himaniiru.
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden tarkaanfii ICC qondaaltota Israa’el irratti fudhate ''rifaasisaadha'' jedhan.
“ICCn waanuma fedhe jechuu danda’u, Israa’elii fi Hamaas gidduutti walqixxummaan hin jiru - tokkollee hin jiru,” jechuun Baayiden ibsa kennaniin dubbataniiru . "Yeroo hunda Israa'el waliin balaa nageenya ishee irratti dhufu dura dhaabbannas."jedhan
Israa’elii fi Hamaas lamaan isaanii iyyuu himannaa ICCn dhiheesse kana kuffisaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Murteen farra Yihudootaa mana murtii idil-addunyaa Haaguwe keessatti kenname dhaddacha ammayyaa haqa qabeessa hin taane akka murtii 'Dreyfus' waan ta'eef kunis haala walfakkaatuun xumurama”” jechuun Netaaniyaahuun ibsa Kamisa darbe kennaniin dubbataniiru.
Jaarraa tokko dura Faransaayitti murtiin farra Yihudootaa sadarkaa olaanaa kan ta’e murtii walfakkatan turuus eerera.
Jaarraa tokkoo oliin dura Faransaayitti dhimma farra Yihudootaa beekamaa taʼe tokko eeruun isaa ni yaadatama .
"Yeroo nyaata toonii kuma 700 gara Gaazaatti geessuun ummata Gaazaa nyaachifnu." Lammiilee nagaa Gaazaa irra miidhaa akka hin geenyeef ergaa barreeffamaa, bilbila, barruulee miliyoonaan lakkaa'aman ergaa turree- loltootni Hamaas ammoo dhukaasa dabalatee miidhaa akka hin geessisneef waan danda'an hunda goonuu, akkamitti manni murtii Heeg keessa jiru yakka waraanaa fi hongeetin nu himataa?" jedhan MM Israa'el kun.
Kanaafis Israa’el seera qabeessummaa murtee ICC hin fudhattu jedhan.
Torban kana qofa, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii guyyoota 40 keessatti gargaarsi tokkollee akka hin dhufne akeekkachiiseera, sababiin isaas Falasxiinonni kutaalee kaaba Gaazaa humnoota Israa’eliin marfaman keessatti “haala lubbuun jiraachuu isaan mudata.”
Torban kana qofa, UN guyyoota 40 keessatti gargaarsi tokkollee waan hin geenyeef, kutaalee kaaba Gaazaa humnoota Israa'eliin marfame keessatti ''haalli lubbuun jiraachuuf hir'achaa dhufuun'' akka isaan mudate akeekkachiiseera.

Madda suuraa, Getty Images
Gallanti akka jedhetti ICC'n "mootummaa Israa'elii fi hoggantoota ajjeechaa Hamas tarree tokko keessa kaa'ee akkasitti ajjeechaa daa'immanii, gudeeddii dubartootaa fi maanguddoota siree isaanii irraa butamuu seera qabeessa taasisa" jedheera.
Muummichi ministeera Israa'el duraanii Ehud Olmert BBC'tti akka himanitti, Netaaniyaahuun waldhabdee Hamaas waliin jiru akkamitti akka dursaa jiru irratti qeeqa dhiyeessanillee garuu murtee ICC kana irratti walii hin galle.
Hamaas waa'ee jiraachuuf du'uu De'if hin kaasne garuu tarkaanfiin Netaaniyaahuu fi Gaalanti irratti fudhatame ''dursa seenaa barbaachisaa, fi daandii dheeraa jal'ina seenaa ummata keenya irratti raawwatame sirreessuudha'' jedheera.
Lammiileen Falasxiin Gaazaa keessa jiranis hoggantoonni Israa’el amma seeratti akka dhiyaatan abdii qaban ibsaniiru.
Israa’el himannaa humnoonni ishee Gaazaa keessatti duguuggaa sanyii raawwachaa jiru jedhu kan haaltu yoo ta’u, Gaazaa kun dhimma addaa Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaa duratti dhiyaateera.

Madda suuraa, Reuters
Dhiibbaan ajaja ICC'n labse biyyoonni miseensa mana murtii kanaa 124 - kanneen Israa’el ykn michuu ishee US hin dabalanne - hojiirra oolchuuf murteessuu fi dhiisuu isaanii irratti hundaa’a.
Biyyoonni Awurooppaa hedduun murtii ICC akka kabajan dubbataniiru. Daawuning Istiriit akka jedhetti mootummaan Biriteen walabummaa ICC ni kabaja.
Dhimmi abbaan alangaa namoota sadan kana irratti dhiheesse Onkoloolessa 7 bara 2023 yeroo namoonni Hamaas Israa’el haleeluun namoota gara 1,200 ajjeesanii fi namoota 251 booji’amanii gara Gaazaatti deebisan irraa madda.
Israa’el deebii kan kennite Hamaas dhabamsiisuuf duula waraanaa kan eegalte yoo ta’u, yeroo kana Gaazaatti yoo xiqqaate namoonni 44,000 ajjeefamaniiru jedha ministeerri fayyaa naannoo sanaa kan Hamaasiin geggeeffamu.
Deif'f, manni murtii duraa ICC "yakka dhala namaa irratti raawwatameef ajjeechaa; dhabamsiisuu, dararaa,gudeeddii fi haleellaa saalaa bifa biroo, akkasumas yakka waraanaa ajjeechaa, gocha gara jabinaan raawwatameef itti gaafatamummaa qaba" jedhee amanuuf sababa madaalawaa argachuu ibsa.
Akkasumas yakkoonni dhala namaa irratti raawwataman ''qaama haleellaa bal'aa fi sirna qabeessa Hamaas fi gareewwan hidhatan biroon ummata nagaa Israa'el irratti raawwatame'' ta'uu amanuuf sababoonni madaalawaa ta'an akka jiran ibseera.
Manni murtichaa "Netaaniyaahuu fi Gilanti, "tokkoon tokkoon isaanii gochoota waraanaa fi mala waraanaa namoota biroo waliin ta'uun ummata siiviilii irratti raawwachuu isaaniitiin yakka waraanaa kanaaf itti gaafatamummaa akka qabaataniif sababa madaalawaa argachuu" eera.












