Walitti bu'insi Baha Giddugaleessaa 'kubbaa waliin' gara Awurooppaatti babal’ata jedhamee sodaatame

Poolisiin Paaris tapha kubbaa miilaa Kamisa kana gaggeefamu irratti rakkoo kamiyyuu dursee ittisuuf kaayyeffateera

Madda suuraa, AFP

Faransaay hokkora Amisterdam booda tapha Israa'el fi Faransaay irratti eegumsa nageenyaa cimaa akka taasisiftu ibsite.

Haleellaa torban darbe deeggartoota kubbaa miilaa Israa’el irratti Amisterdam keessatti raawwatame hordofee, tapha Faransaay fi Israa’el Kamisa kana taphatan irratti eegumsa nageenyaaf poolisoonni kumaatamaan lakkaa’aman Paaris keessatti bobbaafaman.

Hogganaan poolisii Paaris Lawurent Nuuneez akka jedhanitti, loltootni 4,000 eegumsa irratti kan ramadaman yoo ta’u, kanneen 2,500 ta'an naannoo magaalaa kaaba Paaris keessatti kan argamu 'Stade de France' keessatti, kanneen hafan ammoo geejjibaa ummataafi magaalaa guddoo biyyattii keessatti bobbafamaniiru.

Dabalataanis eegdonni dhuunfaa naannoo 1,600 ta’an istaadiyeemii taphni itti taphatamu kan eegaan ta'uufi kutaan poolisii farra shororkeessummaa cimaan 'elite' jedhamu deeggartoota garee Israa’el kana ni eega.

''Tapha sodaa guddaa qabuudha [sababni isaas] haalli nageenyaa ji'oopoolitikaa garmalee muddama keessa jiruuf,'' jedhan Mr Nunez. Kanaafis “Yaalii sirna ummataa jeequuf godhamu kamiyyuu hin hayyamnu,”jedhan

Tapha liigii biyyaalessaa (Uefa) Kamisa darbe Nezerlaand keessatti Ajax fi Maccabi Tel Aviv gidduutti taasifame irratti haleellaan raawwatamee qoratamaa jira. Haleellaa sanaan namoonni shan madaa’anii kanneen 62 ta'an ammoo poolisiin to’atamuun ibsamee ture.

Istaadiyeemii namoota kuma 80 qabachuu danda'u kana walakkaa qofatu gala. Deeggartoonni Israa'el biroo tapha kanaa daawwachuuf galan akkuma jirutti ta'ee, gorsa mootummaa Israa’el hordofuun deeggartoonni Israa’el 100 hin caalle gara Paaris ni imalu jedhamee eegama.

Namoonni siyaasaa guutuu Awurooppaa erga deeggartoonni Israa’el daandii Amisterdam irratti ari’amanii booda “farra Yihudootaa” jechuun balaaleffataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Deeggartoonni Maccaabii mataan isaanii manca’iinsa ga'e, alaabaa Falasxeem ciruu, taaksii haleeluu fi dhaadannoo farra Arabaa dhageessisuu keessatti hirmaataniiru jedhan aanga’oonni magaalattii.

Sana booda “gareewwan xixiqqoon hokkora kaasan akka turan ragaa argachuu magaalattiin gabaasa fuula 12 qabu baasun ibsete.

Jeequmsi Israa’elii fi biyyoota ollaa ishee Baha Giddugaleessaa gidduutti uumame gara Awurooppaatti babal’achuu danda’a.

Faransaay, Beeljiyeem fi Nezerlaand hundi isaanii ummata Muslimaa guddaa madda Afrikaa Kaabaa kan qaban yoo ta’u, uummata Yihudootaa baay’ee xiqqaa ta’an, kan irra caalaa Israa’el waliin hidhata guddaa qaban waliin jiraatu.

Amisterdam booda Yihudoota Awurooppaa waliin tumsa qabaachuu isaanii ibsuuf, Pirezidaantiin Imaanu'eel Maakroon tapha Kamisaa sa'aatii 20:45 (19:45 GMT) irraa eegalu irratti akka hirmaatan dubbataniiru.

Muummicha ministeeraa Misheel Barnier akkasumas pirezidaantonni duraanii Firaanshoos Olaandii fi Niikoolaas Sarkooziin waliin ni argamu.

Egumsi nageenyaa cimaan taasifamullee, lammiileen Israa'el muraasni tapha kanaa dawwachuuf akka hin imallee eegama.

Madda suuraa, AFP

Deeggartoonni tapha sana dawwachuuf ragaa eenyummaa isaanii ibsuu akka dhiyeessan itti himameera. Manneen dhugaatii fi manneen nyaataa naannoo sana jiranis waaree booda ni cufamu.

Tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa bara 2022 Liivarpuul fi Riyaal Maadriid gidduutti taasifameen istaadiyeemii Faransaayitti haalli seeraa fi sirna balaafamaa mul'atee ture.

Haa ta'u malee ergasii waancaa Raagbii Addunyaa fi Olompikii Paaris lamaan isaaniiyyuu nagaan achitti gaggeeffamaa turan.

Paartiin Faransaay Faransaay Unbowed (LFI) jedhamun waldhabdee Israa’el waliin jiru keessatti Falasxiinotaa fi Libaanos deeggaru taphni Kamisaa kun akka haqamu, ykn yoo xiqqaate Pirezidaantiin Faransaayi Maakroon akka irratti hin hirmaanne gaafateera.

“Hogganaan mootummaa keenya biyya duguuggaa sanyii raawwattu akka kabaju hin barbaannu,” jedhan itti aanaan LFI Deeviid Guwirahud. Israa’el himannaan duguuggaa sanyii irratti dhiyaate bu’uura kan hin qabnee fi haalaan jallate jechuun haalteetti.

Garuu Ministirri Biyya Keessaa Bruuno Retailleu taphicha haquun ykn bakka biraatti jijjiiruun gaaffii ala ta'uu dubbataniiru. ''Faransaay warra jibba facaasaniif bakka hin kennitu,'' jedhan.

Dorgommii Uefa irratti Faransaayii fi Israa'el garee tokko keessa jiru, Xaaliyaanii fi Beeljiyeem waliin. Tapha isaanii jalqabaa – Budapest keessatti taphatameen – Faransaay Israa’el 4-1n injifatte.

Deeggartoota kubbaa miilaa Israa'elii fi dargaggoota Nezerlaandi giddutti Sadaasa 8, 2024 hokkora ka'e

Madda suuraa, Reuters

Dhaabbileen Falasxeem deggeran fi farra sanyummaa saganticha waliin wal simsiisuuf magaalaa guddoo biyyattii keessatti hiriira bahuuf karoorfachaa turan.

Hariiroon Maakrooniifi Benyaamiin Netaaniyaahuu torban darban keessa rakkoo hamaa keessa seeneera, kunis Maakroon muummichi ministeera Israa’el Gaazaa fi Libaanos keessatti “garajabummaa babal’isaa jira” jechuun himatanii boodadha.

Yihudoonni Faransaays yeroo Maakroon waamicha Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhukaasa dhaabuuf dhiheesse fudhachuu qaba, sababiin isaas “biyyi isaa mataan ishee murtee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin waan uumamteef” jechuun yeroo dubbatanis mufataniiru.

Kun Israa'el keessatti Yihudoota waraana walabummaa biyya isaanii keessatti lubbuu isaanii dhabaniif arrabsoo ta'ee hiikame.

Faransaay dabaree isheetiin qondaaltonni Faransaay lama yeroo gabaabaaf aangawoota Israa’eliin bakka qulqulluu Baha Yerusaalem bulchiinsa Faransaay jala jirutti yeroo hidhaman aarte.

Maakroon akkuma dameelee biroo hedduu Baha Giddugaleessaa keessa karaa isaa zigzag gochuun, ibsa banaa Israa’eliif deeggarsa kennuu fi sana booda ollaa ishee Arabaa waliin yeroo hunda garagalchuu isaa ibsameera.