Israa'el firoota namoota haleellaa raawwatanii biyyaa ari'uuf seera baafte

Madda suuraa, EPA
Paarlaamaan seera Israa'el lammii Israaeliyyuu dabalatee maatii namoota gochaa shororkeessummaa raawwatanii mootummaan biyyaa ari'achu dandeessisu raggaasise.
Seerri falmisiisaan kunis miseensa paartii Ministira Mummee Beenjaamiin Netaaniyaahu Likuud jedhamuun dhiyaate. Kanaanis firri namoota gochaa shororkeessummaa raawwatanii ykn maatiin isaanii Israa'el keessaa akka ar'ataman ta'u.
Dhaabbileen mirga namoomaatiif falman Israa'el seerichi kan faallaa heera mootummaa dhaabbatudha jedhan.
Miseensoonni paartii mormituu kan akka Kinesset, paarlaamaan Israa'el seera kanaan lammiilee Israa'el Filisxeemoota kanneen Israa'el- Araab jedhaman ta'an irratti kan xiyyeeffateedha jechuun qeeqan.
Seerri haaraa kun akka jedhuutti, maatiiwwan namoota waa'ee haleellaa shororkeessuummaarratti odeeffannoo qaban ykn kan poolisiitti iyyata hin dhiyeessine ykn ''kanneen gocha shororkeessummaatiif deeggarsa isaanii ibsan fi kanneen hidhata qaban'' akka biyyaa ari'ataman ibsa.
Kana malees, ''kanneen gochaa shororkeessuummaa fi garee shororkeessotaa dinqisiifatan ykn karaa garaagaraatiin deeggarsa saanii ibsan'' biyyaa akka bahan taasifamu danda'u.
Namoota jedhan kenneen biyyaa baasuuf itti gaafatamummaan kan itti kenname ammoo Ministeera biyya keessaa Israa'eliidha.
Seerichi paarlaamaa keessatti falmiin osoo irratti taasifamaa jiruu Ayihudoota Israa'el irratti raawwatamu hin qabaatu yaada jedhu kaasuu isaanii Times of Israel marsariitii isaarratti dubbisiiseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Maatiin Yigaal Amir eessattuu hin ari'ataman'' jechuun miseensi paartii mormituu Meeraav Miikaa'el dubbataniiru. Yigaal Amiir ajjeessaa ministira mummee Yiitishaak Raabiiti.
Miikii Leevii ammoo Ayihudoota Israa'el kanneen dargaggummaa saanitti garee shororkeessummaa deeggaran ''biyyaa ni ari'attu?'' jechuun gaafatan.
Xinxalaan siyaasa israa'el Dr Daaliiyaa Shaayindiliin seerri haaraan ku kan Filisxeemoota lammii Israa'el fi Araboota biyyaa baasuuf bahe ta'u ''shakkii omaatuu hin qabu'' jechuun BBCtti himan.
''Ayihudoonni lammummaa Israa'el qaban sababii seera kanaatiin biyya ni ari'amu tilmaama jedhu hin qabu'' jedhan.
“Dhugaadha seera kana keessatti hin ammatamne. Haata'u malee attamiin hojiirra oolfama kan jedhu murteessaadha. Badiiwwan Ahidoonni filisxeemoota irratti raawwatan ''shororkeessummaadha'' jedhame yoo waamamu ani gonkumaa dhagahe hin beeku.''
Ummata Israa'el keessaa parsantaan 20 kan ta'an Filisxeemoota lammummaa Israa'el qabaniidha.
Baatii darbe keessa konkolaachisaan konkolaataa fe'umsaa tokko namootaa bakka buufata awutobisii dhabbatanitti buusee namoota ajjesuun isaa ni yaadatama.
Poolisiin Israa'el konkolaachisaan sunis Filisxeem lammii Israa'el qabudha jedhee ture.
Araboonni lammii Israa'el hedduunis sababii deeggarsa Hamaasiif qaban miidiyaa hawasaa isaanii irratti ibsuusaaniitti itti murtaa'eera.
Ministeera Haqaatiis ta'e biiroon abbaa Alangaa seerri haaraan attamiin hoiirra oolfama kan jedhurratti yaaddoo akka qaban ibsaniiru. Seerri kunis mormiin mudachuun mana murtiitti dhiyaachu akka danda'u eegama.

Madda suuraa, Reuters
Qorataan dhaabbata dimokiraasii Israa'el, Shaamiir Borar seeriichi gara mana murtii waliigalaatti kan qajeelfamu yoo ta'e carraan kufuusaa olaanaadha jedhu.
Maatiiwwan Israa'el keessaa ari'ataman gara Gaazaa ykn ''bakkeewwan haalumarratti hundaa'uun mijeeffamanitti qajeelu'' jedhe.
Loltoota Israa'eliin alatti lammiin Israa'el kamuu gara Gaazaa seenuun hin hayyamamuuf.
Hanga ammaattis lammiileen Israa'el gara 100 ta'an to'annoo Hamaas jalatti argamu. isaan kanneen keessaayis 60 kan ta'an ammalleen lubbun akka jiran yaadama.
Haala seeraa haaraa kanaatti kanneen lamummaa Israa'el qaban lammuumaan isaanii kan irraa hin mulqamne yoo ta'u, garuu hanga waggaa 7-15tti gara Israa'eliitti deebii'an akka dhufaniif hin hayyamamuuf.
Kanneen hayyama jireenya qaban ammoo waggaa 10 hanga 20 gara Israa'el akka hin seeneef dhorkamu danda'u.
Seera biyyaa isaan baasuun alattis kanneen umuriinsaanii waggaa 14 ta'e haleellaa shororkeessummaatiin yakka ajjeechaa raawwatan akka seeratti dhiyaataniif qajeelfamni yeroo raggaasiifameera.












