Israa'el Gaazaa keessatti 'duguuggaa sanyii' raawwataa jirti jedhan Ilmi Mootii Saa'udii

Ilmi Mootii Sa'udii ifatti Israa'el balaaleeffatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ilmi Mootii Sa'udii ifatti Israa'el balaaleeffatan

Gaazaa keessatti ''duguuggaa sanyii'' raawwataa jirti jechuun Ilmi Mootii Sa'udii Arabiyaa Mohaammad bin Salmaan Israa'el balaaleffatan.

Kunis erga waraanni Gaazaa keessatti eegalee qeeqa jabaa ifatti biyyattiin dhageessiste keessaa tokkodha jedhameera.

Walgahii dureewwan biyyoota Musliimaa fi Arabaa irratti Ilmi Mootii kuni haleellaa Israa’el Libaanos akkasumas Iraan irratti gootu qeeqaniiru.

Ergaa hariiroon Sa’udiifi Iraan fooyya’u agarsiisuun, Israa’el lafa Iraan irratti haleellaa akka hin raawwannes akeekkachiisan.

Dureewwan biyyoota kaanis Ilma Mootii Sa’udii harka jalaan biyyattii kan hogganan isaani jedhaman waliin ta’un West Baank fi Gaazaa keessaa Israa’el akka baatu gaafataniiru.

Gama kaaniin, ‘’dadhabina hawaasa idil-addunyaan’’ waraanni Gaazaa keessaa dhaabatu dhabe jedhan ministirri dhimma alaa Sa’udii.

Israa’el Gaazaa keessatti beela uumaa jirti jechuunis himatani.

Waraanni Gaazaa keessaa haleellaa Hamaas daangaa Israa’elitti ce’ee raawwateen eegale. Kanaanis, 1,200 kan ta’an yoo ajjeefaman, 251 kan ta’animmoo butamanii fudhatamani.

Eegasii Hamaas haaloo bahuuf haleellaa Israa’el eegalteen, walumaagala namoonni 43,400 ajjeefamuu ministeerri fayyaa Hamaasiin hogganamu ibseera.

Dhihoo Waajjirri Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii gabaasa baasen, ji’a jaha keessa kanneen Gaazaatti ajjeefaman keessaa 70%’tti kan siqan dubartootaafi daa’immanidha jedhe.

Dureewwan kora kanarratti hirmaatan haleellaa Israa’el hojjettoota UN irratti gaggeessiti jedhanis balaaleeffataniiru.

Kana dura US fi UK dabalatee tarkaanfii Israa’el dhaabbanni gargaarsaa UN Hamaas waliin dalaga jechuun himattee seera dhaabbaticha dhorku baasten yaaddoo ibsatanii turan.

Tiraamp fi Giddugala Bahaa

Biyyoonni Arabaa filannoo Ameerikaa tibbanaa kan injifatan Donaald Tiraamp Israa’el waliin hariiroo jabaa akka qaban beeku.

Ammoo isaanis Tiraamp waliin hariiroo gaarii qabu.

Tiraamp dhagahamtummaa isaaniitti dhimma bahuun walitti bu’iinsa naannicha keessa jiru akka dhaabsisan eegu.

Sa’udi Arabiyaa keessatti Joo Baayidan caalaa Tiraamp ni jaalatamu.

Baha Giddugalaa keessatti garuu Tiraamp akka lamaan ilaalamu. Yerootti Israa’el gammachiisanis qabu.

Iyyaruusaalem magaalaa guddoo Israa’eli akkasumas gaarreen Goolaan kan Israa’elii jechuun beekamtii kennuun isaaniin Israa’el gammaddus biyyoonni Musliimaa garuu mufatani.

Akkasumas immoo UAE, Baahireen fi Morookoon Israa'el waliin hariiroo dippilomasii Iakka tolfatan gochuu danda’aniiru.

Sudaanis akkasuma Israa’el waliin hariiroo tolfachuun ni danda’ama.