Deeggartoonni kubbaa miilaa Israa’el Amistardam keessatti haleelaman
Deeggartoonni kubbaa miilaa Israa’el Amisterdam keessatti haleellaan irratti raawwatamuun gabaafame. Kun kan ta’e wayita kilabni kubbaa miilaa Israa’el Maccabi Tel Aviv jedhamu tapha Yurooppaa Liigiitiif Amisterdam deemetti ture.
Haleellaa kanaan namoonni shan madaa’anii 62 ammoo to’atamuu poolisiin Daach beeksiseera,
Haleellaa deeggartoota kilaba Israa’el kanarratti raawwatame Pirezidantiin Israa’el Ayizaak Herzoog “gocha hamaa farrummaa Semetikii” [“antisemitic pogrom"] jedhan.
‘Antisemetic’ jechuun farrummaa sanyii warra Seem (Yihudii) yoo ta’’u, ‘Pogrom’ ammoo jecha afaan Raashiyaatiin hokkara hamaa jechuudha.
Pirezidantiin Israa’el hokkara deeggartoota kubbaa miilaa Israa’el kanarratti Amisterdaamitti raawwatame yeroo balaaleffatanitti, haleellaa Onkoloolessa 7 Hamaas Israa’elirratti raawwatte eeran.
“Suuraawwaniifi viidiyoowwan nama rifaasisan erga Onkoloolessa 7 as tasa deebinee arguu hin barbaadne ganama kana naasuu guddaa keessa taanee argine. Yeroo ammaa kana hokkarri farra Semeetikii deeggartootaa Maccabi Tel Aviv fi lammilee Israa’el irratti hadhuura Amisterdam keessatti raawwatmaa jira.”
Pirezidantiin Israa’el Herzoog Neezerlaandis Israa’elootaafi Yihudoota haleellaan irratti raawwatamaa jiru hundaaf eegumsa gochuufi baraaruuf tarkaanfii barbaachisu hunda akka fudhattuuf gaafataniiru.
Gocha kana gaggeessitoonni Dachis balaaleffataniru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministirri Muummee Daach Diik Iskoof “haleellaa farrummaa Semetikii lammilee Israa’el irratti raawwatameen nahuu” dubbatan.
Ministirri Muummee Israa’el Benjaamin Netaaniyaahuu deeggartoota kilaba kubbaa miilaa Maccabi Tel Aviv baraaruudhaaf xiyyaarota waraanaa Neezerlaandisitti erguudhaaf karoorsanii turanillee booda haquu dubbatan.
Benjamiin Netinyaahuun erga qodaalota waraanaa ISraa’el waliin mariyatanii booda “Neezeraandisitti ergama baraartotaa pirofeeshinaala ta’an erguun barbaachisa amiti” jechuun murteessan.
Jalqaba garuu waraanni xiyyaaraa lama gara magaalaa guddoo Daach (Neezerlaandisitti) ergamu jedhamee ture. Amma garuu lammileen Israa’el xiyyaarota sivilii ta’aniin gara biyyasaaniitti deebiyu jedhameera.
Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Gidiyoon Sa’aar “daawwannaa dippilomaasii hatattamaatiif” gara Neezerlaandisitti qajeelaniiru.
Osoo gara Neezerlaandisitti hin qajeeliin dura Gidiyoon haleellaa deeggartoota kilaba kubbaa miilaa Israa’el irratti raawwatameen “Awurooppaafi addunyaatiif akeekkachiisa guddaadha” jedhanii ture.
“ Biyyoonni bilisummaa jaallatan, dimokiraatawaa ta’an jibbi ija baase akka kanaa yeroo daandiiwwan isaanii gubbaatti akkasitti mudatan osoo hin adabiin darbuu hin qaban. Akka seenaan agarsiisutti, hacuuccaafi haleellaan Yihudoota irratti jalqabe, Yihudootaarratti gonkuma hin xumuramu.”
“Biiyyi Israa’el lammilee keenya farrummaa Semetikii sodaachisaa ta’e Amisterdam keessatti gara jabinana haleelaman nageenya isaanii mirkaneessuudhaaf waan danda’amu hunda ni gooti,” jedhan.













