Mana barumsaa Iskootilaand Mootiin Chaarlas III itti baratan

Ilma mootiifi Giiftii Elizaabeet

Madda suuraa, GORDONSTOUN

Giiftii Elizaabeet II fi Diyuukiin Edanbiraa Fiilip mana barnootaa Gordanstan jedhamutti argamuun diraamaa ilmisaanii mootiin egeree yeroosii Chaarlis III hojjetu ilaaluuf yeroo deeman teessoon isaaniif qabame, "haadhaafi abbaa’’ jedha malee maqaan kabajaa maatii moototaa irraa hin jiru ture.

Mana barnootaa bultii Mooreeyitti barachuun ilma mootii kanaa tarkaanfii maatii moototaa keessatti murteessaa jedhamu ture.

Mootiin Chaarliis III maatii moototaa Biriitishiin addatti yeroo jalqabaaf mana barumsaa galuun barate. Haadhasaa Giiftii Elizaabeet dabalatee maatiin moototaa kaan barsiisaan manatti isaaniif qacarameetu barataa turan.

Manni barumsaa Gordansanis manabarumsaa yeroo jalqabaaf maatii moototaa barsiise tahe jechuu dha.

Manni barumsaa kuni lammii Jarman-Jiiw, Kart Haan jedhamu warra Naazii baqateen bara 1934tti hundeeffame.

Mul’atni nama kanaa lammii beekumsa hunda-galeessa qabu oomishuu dha. Barumsi kennamuuf kan yaada rimee baratan qofa osoo hin taane dandeettii jiraanya guyyuuf tahus ni argatu.

Ilmi mootii kuni mana barumsaa kana waggaa 13tti gale.

Guyyaa barnootaa jalqabaa Caamsaa 1, 1962 ilma mootii Fiiliippitu xiyyaara oofee isa geesse.

Waggaa shaniif barnootasaa hordoofuun dabalataa daree alatti sochiiwwan garagaraa irratti hirmaachaa ture. Kunis yaabala galaanarraa, diraamaa hojjechuu, weelluufi meeshaalee muuziqaa taphachuu fa’i dabalata.

Bara 1965 diraamaa Maakbeez kitaaba Wiiliyaam Sheekispiir irraa qophaa’e irratt mootii tahuun hirmaatera. Gaazexaawwan UK suuraawwan isaa fayyadamuun mootiin egeree diraamaa irratti hirmaachuu mataduree godhanii turan.

Yeroo diraamaasaa agarsiisus Giiftii Elizaabeetiifi Diyuukiin Edanbiraa maatii kaan wajjin mana barumsaatti daawwatanii turan.

Chaarlas mana barumsaa otoo jiru dhugaatii dhugee machaa'ee jedhamuun maqaansaa gaazexaarratti bahee ture.

Umurii dhugaatiin isaaf eeyyamuu gatii hin geenyeefi manni barumsichaa dhugaatii ijaa dhorkuuf hoggantuun mana barumsichaa 'itti dheekkamanii' turan.

Mana barnootaa Gordanstan irraa bara 1967tti yeroo gadhiisuu Afaan Ingiliizii, Ogbarruu Afaan Ingiliizii, Seenaa fi Laatiindhaan qabxii gadi aanaa shan akkasumas ‘A’ lama fide.

Qabxii gidduugalaa ol fiduun Keembriij Yunivarsiitii galee Arkiyoolojii fi Antirooppolojii barachuu danda’eera.

Namni fuulduratti mootii tahu seenaa heera isaanii irratti xiyyeeffachuurra yunivarsiitii galuunsaa waan addaa ture. 

Mootichi yeroo mana barumsaatti dabarse ‘ni jibba’ ture jedhamus, mootichi kana hin fudhatu ture.

"Manneen barnootaa kaanirraa qaamaafi sammuun xiyyeeffannoo mana barumsaa barbaadu gatii taheef malee achi barachuu koon carra-qabeessa dandeettii koofi waan hin dandeenye ittiin baradheera, morkii jireenyaa na barsiiseera,’’ jedhee ture.