Waa'ee bireelii kana beektuu laata?

Madda suuraa, Getty Images
Bireeliin qaroo-dhabeeyyiif gargaarsa olaanaa kenna.
Hubannoo faayidaa bireelii cimsuufis waggaa waggaan Guyyaan Bireelii Addunyaa baatii Amajjii keessa ni kabajama.
Bireeliin garuu maali?
Bireeliin sirna tuqaa olka’aa ta’e [wayita qabamu kan nama quuqu] fi namni qaro-dhabeessa ta'e ykn namni ijaan arguu dadhabe qaqqabatee ittiin dubbisuu fi barreessuu danda'uudha.
Quba isaaniitti fayyadamuun boci tuqaawwanii kan itti dhaga’amu yoo ta’u, kunis jechoonni maal akka ta’an isaanitti hima.
Innis tuqaalee ja'a irratti kan hundaa'u yoo ta'u tuqaalee kunneen walitti qabsiifamuun walumaagalatti mallattoolee 63 qaba.
Afaanonni addunyaarra jiran irra jireessaan bireelii fayyadamuu danda'u.
Qubee fi lakkoofsa bu’uuraa irraa kaasee hanga herregaa fi muuziqaa sadarkaa ammayyaatti mallattoolee kunneeniin bakka bu'uu danda'u.
Bireeliin gara waggaa 200 dura bara 1824tti nama Firaansi Luwiis Bireeliin kalaqame.
Bireelii eenyutu abuure, akkamiin?
Teeknooloojiin Bireelii ka'umsi isaa seenaa nama bara 1806 Paarisitti dhalate Luwiis Bireel jedhamuun walqabata.
Luwiis umrii waggaa saditti qaroosaa dhabe. Garuu qaro-dhabeessa ta'uun mana barumsaarraa isa hin dhorkine.
Mana barumsaa qaro-dhabeeyyii dargaggootaa Firaansi keessatti argamu- Royal Institution for Blind Youth jedhamutti wayita barnoota eegalu, qaro-dhabeeyyii kaaniif bu'uura kaa'e.
Bara 1824 umriisaa waggaa 15tti karaa ittiin tuqaalee bu'uuraa ja'an karaa 63n walitti qabsiisuun fayyadaman uumeera.
Inni du'ee waggaa lama booda, argannoon isaa Braille jedhamuun moggaafame kun, Firaansi keessatti siistama ittiin qaro-dhabeeyyiin waliigalan ta'e.
Dargaggeessi kun bara 1852 du'e, erga inni du'ee yeroo waggaa 200tti siqu keessatti ammallee Bireelii inni kalaqeen addunyaan fayyadamaa jirti.
Dhiibbaa tekinolojii
Bireeliin kan fayyadu kitaaba dubbisuu qofaaf miti, barreessuu fi dubbisuun alattis jiruu fi jireenya dhala namaa hedduu tumsa.
Meeshaalee bitachuu, maallaqa baafachuu, fi kaan keessatti bireeliin faayidaa guddaa kenna.
Guddina teeknooloojiin walqabatee garuu filannoowwan bireelii bakka bu'an hedduun abuuramaniiru.
Kitaabileen sagaleedhaan qophaa'an fi teeknooloojiin namoonni qaro-dhabeeyyii ta'an yookiin gariin qaro-dhabeeyyii ta'an kompiyuutara akka dubbisan gargaaru kalaqamuun bireelii duraan turerratti dhiibbaa uume qaba.
Guddinni teeknooloojii namoonni bireelii mala salphaa ta'een akka gargaaraman haala mijeesseera.
Bireeliin kitaabaan ture elektiroonik ta'uun qaro-dhabeeyyiin osoo hin rakkatin akka fayyadaman haala mijeesse.
Guddinni teeknooloojii bireelii irratti miidhaas, faayidaas qaba.
Teeknooloojiin kitaabota sagaleedhaan dhiyeessuu wayita heddummaatu fedhiin kitaabota dhageeffachuu akkaan dabale, dubbisuu fi barreessuun ni hafe jechuudha.
Bireelii yeroo jedhamu kitaaba dubbisuu (kitaaba qofaaf) miti, jiruu qaro-dhabeeyyii guyyaa guyyaan walqabata.
Fakkeenyaaf liftii banachuuf, dawaa (qoricha) irraa dubbisanii adda baasuuf fi kaaniif hedduu fayyada.
Kanaafuu qaro-dhabeeyyiin bireeliidhaan dubbisuu dhaabanii gara dhageeffachuu qofaatti yoo luucca'an jireenyi isaanii rakkoo keessa gala.
Bireelii barsiisuun itti fufuu qabaa?
Bireeliin meeshaalee muuziqaa, foormulaawwan herregaa fi mallattoolee kaanillee of keessaa qaba.
Kanaafuu barnooti bireelii ijoollummaarraa kennamuu qaba jechuun gorsu ogeeyyiin.
Ijoolleen bireelii barataa yoo guddatan, dandeettii namni qaroo qabu gonfatee jiru hunda qabaachuu danda'u jedhu.
Sababni isaa bireelii hin baratan taanaan qaro-dhabeeyyiin barnoota malee hafuusaaniiti.
Addunyaarratti namoonni qaro-dhabeeyyii ta'an ogummaan isaan keessa galanii hin hojjenne hin jiru.
Kanaaf ammoo bu'uurri waa hundaa bireeliidha.












