Waa'ee mana barumsaa qaro-dhabeeyyii Dambi Doollootti deebi'ee banamuuf jiruu hagam beekna?

Madda suuraa, Roobeeraa Bashir
Manni barumsaa qaro-dhabeeyyii Dambi Doolloo erga hundeeffamee jaarraa tokkoo fi waggaa shan booda bakka jalqaba itti bu'uureffametti akka deebi'ee ijaaramuuf dhagaan bu'uuraa kaa'ameera.
Manni barumsaa kun yeroo jalqabaaf Itoophiyaa keessatti kan jalqabe ta'uu himan Yuuniversitii Rifti Vaalii damee Dambi Doollootti daarektara kan ta'aniifi waa'ee mana barumsichaarratti qorannoo gaggeessaa kan turan Barsiisaa Gadaa Dureessaa.
Giddu-gala biyyaa, magaalaa Finfineerraa kiilomeetira 624 fagaatee magaalaa Dambi Doolloo keessatti kan argamu Yuniversitiin Dambi Doolloo hojii mana barumsaa kana deebisanii ijaaruu abbummaan fudhateera.
Manni barumsaa kun uummata magaalaa Dambi Doolloo qofaaf osoo hin taane, uummata Godinaalee Wallaggaa afran keessa jiranii fi naannolee Gambeelaa fi Beenishaangul Gumuziif tajaajila kenna.
Manni barumsaa kun jalqaba akkamiin baname?
Manni barumsaa qaro-dhabeeyyii kun bara 1917 magaalaa Dambi Doolloo Ganda 04, iddoo Dhanqaa jedhamutti mishinaroota Ameerikaan baname.
Jila mishinarootaa barnoota, fayyaa fi amantii kiristaanaa babal'isuurratti hojjetan qabatanii Sudaan, magaalaa Naasir irraa karaa Gambeelaa magaalaa Dambi Doolloo kan galan Dr Aleksaandar Toomaas Laambee, nama yeroo jalqabaaf mana barumsaa kana gadi dhaabaniidha, akka barsiisaa Gadaa jedhanitti.
Namoota mana barumsaa kanatti barachuun akkasumas mana barumsichaaf gumaacha godhan keessaa abbaan Pireezidantii duraanii Itoophiyaa Dr Nagaasoo Gidaadaa, Lubi Gidaadaa Soolan adda durummaan eeramu.
''Namoonni 30-40 ta'an mana barumsaa kanatti barataniiru, kan jedhan Obbo Gadaan, ''Manni barumsaa kun bara 1920 keessaa cufamee erga turee booda waggaa 26 booda bara 1946 deebi'ee banamee ture, ammoo bara 1956 deebi'ee cufame,'' jedhan.
''Ammas turtii waggaa tokkoo booda deebi'ee banamus rakkoo siyaasaa fi rakkoowwan hawaas-diinagdee yeroo sana turaniin deebi'ee yeroo xumuraaf cufame,'' jechuun bu'aa bayii manni barumsaa kun keessa darbe ibsan.
Amma hundeeffamee jaarraa tokkoo fi waggaa shan booda walta'iinsa Yuuniversitii Dambi Doolloo fi hawaasa naannootiin deebi'ee banameera kan jedhan barsiisaa Gadaa, manni barumsichaas maqaa gameessa barnootaa beekamaa Obbo Taammiruu Nagarii jedhamaniin moggaafamuu himan.
Obbo Taammiruun eenyu? Maal hojjetan?
Hojiin Obbo Taammiruu lafatti akka hin badnee fi galatasaaniif jecha maqaasaaniin mana barumsaa kana moggaasuu kan himan barsiisaa kuni, waa'ee nama kanaa akkanaan ibsan.
Obbo Taammiruu Nagarii magaalaa Dambi Doollootti dhalatanii guddatan, barnoota sadarkaa tokkoffaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Birhaanayesuus jedhamutti baratan.
Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa ammoo Betel Evangelical Secondary School (BESS) erga baratanii booda Yuunivarsitii Finfinneetti barnoota Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaan baratan.
Booda gara Awurooppaa imaluun Yuuniversitii Zaheegitti erga baratanii booda gara Ameerikaa imaluun barnoota Developmental Studies jedhamu baratan.
Erga barnootasaanii xumuranii booda Sagantaa Gargaarsaa Ameerikaan biyyoota Afrikaaf gootu USAID Itoophiyaatti daarektara ta'uun hojjechuu eegalan.
Bara 1984 wayita hongeen Itoophiyaa mudatetti yeroo kubbaaniyyaan Ameerikaa Philips jedhamu gargaarsa kennuuf gara Itoophiyaa dhufan Obbo Taammiruun Imbasii Ameerikaa keessa waan turaniif isaantu keessummeesse.
Namoonni kunneen yeroo sanatti namoota karaarra jiraatan gargaaruu barbaadu turan, Obbo Taammiruun garuu dhimmi ijoon Itoophiyaaf ammatti barbaachisu barnoota, fayyaa, maayikiroofaayinaansii fi yaala beelladootaa (Veterinary) ta'uu isaan hubachiisan.
Haaluma kanaan warri Doonaa Barbar jedhaman kun gara Dambi Doolloo imaluun yeroo jalqabaaf Hospitaala Dambi Doolloo daawwatan, waan arganittis hedduu gaddan.
Kanarraa ka'uun isaanis mana barumsaa ijaaruu eegalan, yeroo jalqabaaf maqaa jaarmiyaa Glimmer of Hope jedhuun mana barumsaa jalqabaa Birhaanayasuus jedhamu ijaaran.
Sagantaawwan barnootaa, fayyaa, maayikiroofaayinaansii, fayyaa beelladootaa (Veterinary) fi Koorniyaa (gender) irratti xiyyeeffachuun hojjechuu eegalan.
Pirojektiin waggoota 20f qabatamee ture kun naannolee Amaaraa, Tigraay, Kibbaa fi Oromiyaa keessatti hojjetaa ture, Oromiyaa keessa waggoota afur qofaaf ture.
Obbo Taammiruun dhaabbata Glimmer Of Hope kana hoogganaa turan.
''Nama haala kanaan saba keenya dukkana keessaa baasuuf ifaajaa ture kanaaf yaadannoo gochuudha, nutis fakkeenyasaa ta'uudhaaf jenneetu maqaasaaniin mana barumsaa kana moggaasne,'' jedhan barsiisaa Gadaa Dureessaa.
Dhaabbati kun uummata kana tajaajiluutti mootummaan yeroo sana ture hin gammadne, akkanni dadhabu yookiin akkanni naannoo kanarraa ka'u gochaa ture jechuun himatu.
Pirojektichis guutummaatti asirraa ka'ee gara kutaa kaaba biyyattii Tigraayitti jijjiirame, Obbo Taammiruunis daarektara ta'anii itti fufuuf fedhii dhaban. Boodas aangoo gadhiisan.
Dhiibbaa irra tureen biyya dhalootasaanii Dambi Doollootti deebi'anii galan, waggaa lamaan darbe lubbuunsaanii addunyaa kanarraa dabarte.
Ergasii quuqamtoonni dafqisaanii kun lafatti baduu hin qabu jechuun mana barumsaa kana eegalchiisuun maqaa isaaniin akka moogga'uuf tattaafachuu eegalan.
''Seenaan inni biyyasaaf gatii kaffaluu keessatti dabarse dhalootaaf barnoota akka ta'uufi galata nurraa qabu ibsuuf maqaasaan moggaasne,'' jedhan.
Qellam Wallaggaa- barnoota, nageenya, fageenya
Godinaalee oromiyaa keessaa godinni Qellam Wallaggaa, keessattuu magaalaan Dambi Doolloo beektota hedduu biyyaaf gumaachuun godinaalee maqaansaanii ka'an keessaati.
Leeqaa Qellam namoota baratan biyyaaf akka gumaachuuf sababa ijoo kan ta'e ammoo dhufaatii warra mishinarootaati jedhan barsiisaa Gadaa Dureessaa.
''Beektotni hedduun asii ol deeman malee gubbaadhaa gadi hin dhufne. Kan bakka biraadhaa dhufee gumaacha godhe warra mishinarootaati. Bara isaan as dhufan tajaajila hawaasummaa fi amantii argachuuf eenyummaa ofiitu jijjiiramaa ture.
''Warri mishinarootaa garuu eenyummaa keenya osoo hin jijjiirin tajaajiluus tajaajilamuus akka dandeenyu ga'ee guddaa gumaachan.''
Wayita mishinaroonni kunneen biyya seenan uummanni dukkana keessa ture, abdii kutatee ture, tattaaffii mishinarootaa kana lafaa ka'ee hamilee guutuun simate, isaanis kanarraa ka'uun manneen barnootaa, tajaajila fayyaa fi kaan babal'isuu itti fufan jedhan.
''Haata'u malee, namoonni baratanii fi qaroowwan bakka kanaa ba'an sababa dhiibbaa siyaasaan deebi'anii sabasaanii tajaajiluu hin dandeenye.''
Manni barumsaa qaro-dhabeeyyii kun akka deebi'ee banamuuf qorannoo gochaa erga turanii booda, wiixinee pirojektichaa Yuuniversitii Dambi Doolloof kan dhiyeessan barsiisaa Gadaan, qoodi guddaan kan yuuniversitichaati jedhan.
''An wiixinee pirojektii kanaa haa qopheessuyyuu malee, kanneen hirmaannaa guddaa qaban jaarsoliin biyyaa, beektonni iddoo kanaa fi yuuniversitiin Dambi Doolloo ga'ee guddaa gumaachan.''
Pirezidantiin Yuuniversitii Dambi Doolloo Dr Lataa Tasfaayee akkuma qulqullina barnootaa fi hojii waa uumuu/kalaquurratti xiyyeeffannee hojjetaa jirru, barnootaa qaro-dhabeeyyii irrattis xiyyeeffannee hojjenna jedhan.
Yuunivarsitiinsaanii hojii baruu fi barsiisuu mana barumsaa kanaa tumsuun waan danda'uun bira dhaabbachuufis waadaa galeera jedhan.
Waa'ee Yuniversitii Dambi Doolloo qabxiilee muraasa

Madda suuraa, Roobeeraa Bashir
Pireezdantiin Yuuniversitii Dambi Doolloo Dr Lataa Tasfaayee, yuuniversitiin isaanii dhalootaan afraffaa 4th Generation jalatti ramadamus hojiilee qorannoo hawaasa naannoo tajaajilan hedduutti cichee jira jedhan.
Garuu giddu-gala biyyaarraa fagaachuunsaa dhiyeessii barnootaa salphaatti akka hin arganne waan godheef gama kanaan miidhameera jedhan.
Yuuniversitichi rakkoo nageenyaa fi fageenyarratti argamuudhaan isa mudatu dandamatee yeroo ammaa hojii kalaqaa fi barattoota ga'oomsuu irratti fuulleffateera jedhan.
''Yuuniversitiin keenya hojii baruu fi barsiisuu muraasaa fooyyessuurra darbee hawaasa keessa galuun hojiilee bu'aa buusan hojjetaa jira.
''Maqaa abbaa Pirezidantiin duraanii Itoophiyaa Dr Nagaasoo, Obbo Gidaadaa Soolaniin mana barumsaa moodelii baneera. Kun barattoonni godaa qabanii barnoota qulqullina qabu akka argatanii fi dorgomaa ta'aa akka guddatan kan bu'uura kaa'uudha.''
Yuuniversitiin Dambi Doolloo gama fayyaa fi innooveeshinii/kalaqaan akkasumas barnoonni qaro-dhabeeyyii akka eegaluuf ga'eesaa gumaacheera jedhan.
''Hospitaalli Dambi Doolloo tajaajilasaa akka fooyyessuuf yuuniversitichi ofitti fudhateera. Ogeeyyii fi dhiyeessii barbaachisan hospitaalichaaf gumaachuun tajaajila hawaasaa fooyyessuurratti xiyyeeffateera.
''Akkasumas qorannoowwan qorataman gara hojiitti geeddaruun hojiiwwan kalaqaa hawaasa naannoo fayyadan hedduu hojjetaa jira.''
Yuuniversitichi dhiyeenya kana guyyaa kalaqaa jechuun kan kabajerratti hojiiwwan kalaqaa sagala kanneen akka diroonii tolfame, maashina lafee daaku dabalatee hojjetee agarsiisaaf dhiyeesseera.
Rakkoo qulqullina barnootaa manneen barnootaa sadarkaa gadiirraa kaasee jiruuf fala ta'uuf yuunivarsitiin kun wiirtuu laaboraatoorii barnoota Saayinsii, Teeknooloojii, Injineriingii fi Herrega kan of keessaa qabu hundeessuun barattoonni akka dandeettiisaanii gabbifatan gochaa jiraachuu himan Dr Lataan.
Erga hojii baruu fi barsiisuu eegalee waggaa shan yoo ta'u, marsaa lamaan barattoota 2000 ol eebbisiiseera.
Barnoota idileen barattoota kuma 5000 ol kan keessummeessu yuunivarsitiin kun, kan barnoota dhuma torbeen baratan 3000 waliin barattoota 8000 caalan keessummeessa.
Manni barumsaa qaro-dhabeeyyii Qeellam eenyufaa fayyada?
Mana barumsaa qaro-dhabeeyyii Itoophiyaa keessatti kan jalqabaati jedhamu kana adda durummaan kan hoogganu Yuuniversitii Dambi Doollooti.
Manni barumsaa kun Godinaalee fi naannolee ollaa hedduuf tajaajila kenna jedhan barsiisaa Gadaa Dureessaa.
''Manni barumsaa qaro-dhabeeyyii Itoophiyaa keessaa muraasa. Kan asii fi kan Sabbataatu oromiyaa keessa jira. Manni barumsaa cufamaa banamaa yoona ga'e kun kan jalqabaati.
''Godina Qeellam Wallaggaa keessa qaro-dhabeeyyii 981 jiraachuu adda baasne. Manni barumsaa kun godinaalee wallaggaa afran, fi naannolee ollaa Gambeelaa fi Beenishaangul Gumuziif tajaajila kenna.''
Manni barumsaa kun bu'aa bayii hedduu keessa darbe, erga isa dhumaaf cufamees tureera, kanarraa ka'uun meeshaalee barnootaa fi ragaalee isaa turan argachuun yeroo ammaa rakkisaadha.
Barsiisaa Gadaan ragaalee walitti qabaa jiraachuu fi meeshaalee barnootaaf barbaachisanis qindeessaa akka jiran himan.
Magaalaan Dambi Doolloo bakka rakkoo nageenyaa qabdu akkasumas moggaa biyyaarratti argamtu ta'uusheen mana barumsaa kana deebisanii hundeessuun qormaata ta'uu mala.
Barsiisaa Gadaan garuu ''milkaa'inni dhugaan kan argamu haala mijataa keessatti osoo hin taane haala rakkisaa keessatti yoo hojjetaniidha,'' jedhan.
Haala magaalaa Dambi Doolloo yeroo ammaa wayita ibsan, ''akki nuti itti jirruu fi akki namni biraan itti nu yaadu garagari. Nuti akkaataa argaa jirrutti ibsina.
''Dambi Doolloon biyya nagaa, biyya jaalalaa, biyya barnootaaf bakka laattu, biyya qaroominaa taatee jirti. Kan sabaa fi sablammootaa fi lammiilee biyya alaa hedduu haammattee jirtuudha,'' jedhan.

















