Nageenya Oromiyaa: Barsiisaa Qajeelaa Taasisaa attamiin mana isaa keessatti ajjeefamee?

Barsiisaa yuunvarsiitii Dambi Doolloo Qajeelaa Taasisaa kan osoo PhD baratuu maatii dubbisuu galee ajjeefame

Madda suuraa, Maatii

Ibsa waa'ee suuraa, Barsiisaa Qajeelaa Taasisaa

Barsiisaan Yunvarsiitii Dambi Doolloo Qajeelaa Taasisaa kan Yunvarsiitii Arbaa Mincitti barnoota digirii sadaffaa (Phd) isaanii barachaa turuun wayita maatii dubbisuuf gara magaalaa Dambi Doolloo galanitti manasaaniitti qaamoolee ngeenyaatiin ajjeefamu maatiin BBCtti himan.

Haata'u malee, itti-gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa Godina Qeellam Wallaggaa Obbo Tasammaa Waariyoo gaafanne himannaa maatii kana hin fudhatan.

Obbo Tasammaan ajjeechaa barsiisaa Qajeelaa irratti raawwate oduuma qofa akka dhagahan himanis, ajjeechicha garuu poolisiin humna addaa Oromiyaa hin raawwanne jedha.

Yoo qaamni kana raawwatamuuf ragaa bahu jiraatee olaantummaa seeraa kabachisuuf booddeetti hindeebinus jedhan.

Barsiisaa Qajeelaa Taasisaa Yunvarsiitii Arbaa Mincitti Saayinsii Kompiiteraan PhD isaanii barachaa turan. Haati warraa isaaniifi hojjettuu Yunvarsiitii Dambi Doolloo kan ta'an Aaddee Haannaa Haayiluun abbaan warraa isaanii qee'edhumatti ajjeefaman BBCtti himaniiru.

''Ayyana Faasigaan sin waliin dabarsa jedhee gaafa Sambata duraa as dhufe. Sambata galgala ammoo gara sa'a 12:00 waan kun tahe. Dhufanii mooraatti seenan. Ani horiin se'e. Sagalee dhagahee gaafan bahu mooraa keessa jiru. Mana jala guutaniiru.''

Ammatti ulfa ji'a sagalii ta'u kan dubbatan Aadde Haannaan humni mooraa isaaniitti seene kan uffata poolisii addaa Oromiyaa uffatanii jiraniifi Afaan Oromoo dubbachaa akka turan BBCtti himan.

''Inni mana keessa mucaa baatee taa'aa ture. Kompiitera isaa banee moobaayila isaa chaarji gochaa ture. Anis yuunvarsiitii Dambi Doolloo keessan hojjedha. Kompiterri yuunvarsiitirra hojiif naaf kennamees achuma isa bira jira ture. Kanumaan innis nahee karaa duubaa gaafa bahu, duubaan itti dhukaasanii morma irra dhahan.''

Aadde Haannaan erga dhukaasanii booda manatti seenanii kompiitera inni irratti hojjechaa tureefi moobaayila isaa akkasumas kompiitera isheelleen fuudhanii akka deeman himan.

''Yeroo mana seenan abbaan warraakee eessa jira? naan jedhan. Anoo baqatee jalaa bahen sehe. Booda yeroo isaan bahan waliin gadi bahuuf jennaan mucaa baattee gara balbala kanaatti akka hin baane na jedhan. Booda boroodhaan banee gaafan ilaalu achumatti ajjeefameera,'' jedhan.

Kana dura humni nageenyaa barsiisaa Qajeelaa yakkaan shakkee barbaadee jiraa? gaaffii jedhu Aadde Haannaa Haayiluu, '' lakki takkaa manas dhufanii gaafatanii hin beekan. Erga inni barnoota argatee deemee garuu guyyaa tokko yuunvarsiitii deemanii gaafataniiru oduu jedhun dhagahe,'' jedhan.

Barsiisaa Qajeelaan abbaa mucaa tokkoo yoo tahan lammaffaa haati warraa isaanii ulfa ji'a sagalii akka tahan BBC'n odeeffateera.

Deebii qondaala mootummaa

Waa'ee ajjeechaa barsiisaa Qajeelaa ilaalichiisuun, Itti Gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Godina Qeellam Wallaggaa Obbo Tasammaa Waariyoo BBCn gaafatee, isaanis daabii akkasi kennan.

''Ajjeechaa jedhamu kana quba hin qabnu. Waan isin jettan kana har'a (Wiixata) ganama gara sa'a afuriitti barsiisaan tokko du'e oduu jedhu dhageenye. Eenyuun akka ajjeefameefi dhukkubsatee haa du'ee isaalleen garuu waan beeknu hin qabnu,'' jedhan.

Obbo Tasammaan odeeffannoon isaan qaban Dilbata gara sa'aatii 11tti poolisiin tokko magaala keessatti nama hinbeekamneen rukutamuu isaati jedhan.

Poolisiin magaalaa Dambi Doollootti rukutame jedhan kun yaala dabalataaf gara hospitaala biraatti ergamus himan.

Dabalataanis torban darbe keessa poolisiin tiraafikii tokko rasaasaan rukutamee magaalaa Finfinneetti ergamuun yaalarra jira kan jedhan Obbo Tasammaan, jiraataan magaalaa Dambi Doolloo gara biraan Jamaal jedhamanis nama hin beekamneen rukutamee ajjeefameera jedhan.

''Magaalaa keenya keessatti mootummaan nama ajjeesaa hin jiru. Garuu ABO Shaneetu caasaa keenyas, daldalaas, namoota kaanis ajjeesaa jira. Namni poolisii humna addaatu nama ajjeese jedhu jira taanaan ol aantummaa seeraa waan kabachiisnuuf ragaa bahuu danda'a,'' jedhan.

Obbo Tasammaan ajjeechaa barsiisaa Qajeelaa irratti raawwate kanas poolisiin humna addaa Oromiyaa hin raawwanne jedhan.

Godinaalee Wallaggaa bakka adda addaatti ajjeechaa suukaneessaan namoota nagaa irratti darbee darbee akka raawwatu ni himama. Mootummaan humna hidhatee qaama 'ABO Shanee' ittiin jedhu yoo himatu, aanga'oonni waraana bilisummaa Oromoo amoo yeroo garaa garaatti himannaa akan ni haalu.

Waggoota lamaan darbanis godinaalee Wallaggaa keessa qaamni hidhatee ABO irraa adda bahe socho'aa jiraachun yoo himamu, mootummaanis dhabamsiisuuf yeroo adda addaatti tarkaanfii irratti fudhachaa jiraachu beeksiisun ni yaadatama.