Itoophiyaa: Fatil- Gaazeexaa qaroo dhabeeyyii kan jalqabaa

Fuula duraa gaazexaa qaroo dhabeeyyiif qophaa'e

Madda suuraa, Fiyori

Ibsa waa'ee suuraa, Fuula duraa gaazexaa qaroo dhabeeyyiif qophaa'e

Finfinneetti torban darbee keessa gaazexaan haaraa 'Fatil' jedhamu tokko maxxanfamu eegaleera.

Dhimmoota gaazexaa kanas kanneen biraa irraa adda taasisan keessaa inni tokkoo, namoota qaroo dhabeeyyiif bireeliidhaan kan qophaa'ee ta'usaati.

Gaazexaa kanas abbummaan kan maxxansiiftu dubartii Fiiyyoorii jedhamtuufi kanaan dura ogummaa gaazexesseesummaa keessa hojjataa turteedha.

Gatii gaazexaa tokko birrii 30 akka ta'ees Fiiyyooriin BBC'tti himte jirti.

Hojii kanas Federeeshiniin Waldaa Qaama Miidhamtootaafi Waldaan Biyyaaleessa Qaroo Dhabeeyyii deeggarusaanii BBC'tti himte jirti.

Maxxansi gaazexaa kanaa inni jalqabaas beeksiisuuf jecha torban darbee keessa dhaabbilee motummaa, waajjiraalee damee waldaa biyyaaleessa Qaroo dhabeeyyii Itoophiyaatti raabsameera.

Fiiyyooriin kana dura Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti Gaazeexaa Addis Zaman irra ogummaa gaazexeessummaatiin hojjataa turte.

Amma ammo dhaabbata Beeksiisaafi Maxxansa Baazeen jedhamu hundeessuun gaazexaa 'Fatil' jedhamuufi qaroo dhabeeyyiin odeeffannoo akka argatan taasisuurratti xiyyeefate maxxansisuu eegalate.

Wayita waajjirashee durii deemtuutti namoonni gaazeexaa dubbiisaniifi kanneen bunaafi shaayi ajajachuun gaazexaa garagalchaa naannoo araati kilootti argaa turu dubbatti.

Namoonni gaazexaa dubbisan kanneenis oduu biyya keessaafi biyya alaa argachuuf qofa osoo hintaanee beeksiisa hojii barbaachas.

Qaroo dhabeeyyiin garuu carraa hinqaban ture jetti Fiiyyooriin. Kanaafuu, akka isheen jettutti namoota carraa dhaban kanneeniif carraa mijeessuuf itti gaafatamummaan qaba jechuun akka gaazeexaa kana eegalte himti.

Kanaafuu gaazexaan kunis namoota qaroo dhabeeyyii ta'aniif oddeessaalee qofa akka argamsiisu hinbarbaaddu Fiiyyooriin.

Odeeffannoo caalbaasiifi beeksiisaalleen argachuun hawaasa, dinagdeefi siyaasa biyyaa keessa irratti kan gahee isaanii akka gumaatan taasisuuf yaaduu dubbatti.

Haaluma kanaanis gaazexaan tun ''haqa qabeessummaa dinagdee mirkanneessuu'' keessatti gumaata mataasaa akka qabaatu dubbatti.

Itoophiyaa keessatti qaroo dhabeeyyiin gara miliyoona afur ta'an akka argaman tilamaama.

Qaamoolee hawaasa kanneen keessaayis arguu qofa osoo hintaanee, rakkina dhageetti illeen kan qaban waan jiraniif, ragaalee karaa raadiyoofi TVn darban dhagahuuf carraa hinqaban jetti.

Fiyyoorii

Madda suuraa, Fiyori

Ibsa waa'ee suuraa, Fiyyooriin kana dura gaazexaa Addis Zamanirra dalagaa turte

Kanaafuu, qaamoolee hawaasaa miidhama qaamaa akkasii qaban kunneen karaa gaazexaa bireeliin qophaa'uutiin ragaa barbaachisaa akka argatan taasisuun carraa dagatamu qabaatu miti jetti.

Gaazexaan kunis akkuma gaazexoota gara biraa kutaafi fuulawwan mata dureewwan adda addaa jalatti barraa'an qaba.

Fuulli duraa oduuwwan yoo ta'u, akkasuma fuula hirrinaafi jallachu haqaa qaroo dhabeeyyii waliin walqabatanii mudatan jalatti gabaasawwan qorannoo dhiyaatani qaba.

Keessuummaa, fakkeenyawwan kan jedhaniifi akkasumas ijjoolee qaroo dhabeeyyii gahuufis yaaduun fuulli ijjoollee qophaa'ulleen ni dubbatti Fiiyyooriin.

Gaazexaan kunis karaa Waldaa Biyyaaleessaa Qaroo Dhabeeyyii Itoophiyaatiin maxxanfama.

Gatiin waraqaan bireelii gabaa biyya keessatti baayyee cimaa ta'u kan dubbattu Fiiyyooriin, gatiin gaazeexaan itti gurguramuu baasii maxxansaafi bittaa waraqaaf kan baafamee gadiitiin gabaaf dhiyaachu dubbatti.

Kana biraa ammo dandeettiin dinagdee qaroo dhabeeyyii hedduu gadaanaa waan ta'eef gaazeexaa kana gabaa idileetti dhiyeessuun gurguruun tamsaasa isaa bal'isuun cimaa akka ta'e himti.

Kanaafu ammaaf akka falaa jedhanii kan yaadan, maxxansa isaa jalqabaa wayita manneen barnootaa saaqamaniitti dhaabbilee barnootaa olaanaa biyyattii keessatti argamaniif akka ta'an yaaduun qopheessuu dubbatti.

Kana malees, Waajjilaalee Waldaa Biyyaalessaa Qaroo Dhabeeyyii dhaabbilee motummaatti argamaniifi adabaabaayiiwwan gaazexoonni kaan itti gurguramaniitti raabsuuf yaaduu dubbatti.

Keessattuu dhaabbileen Barnootaa olaanoon barattootaafi barsiiftoota qaroo dhabeeyyii isaaniitiif bituun biirooleefi manneen kitaabaa akka kaa'aniif hojjachuuf yaaduun waliin dubbachuu eegaluu dubbatti Fiiyyooriin.

Gaazexaan bireelii Fatil torbaniin maxxanfamtu kunis ammatti Afaan Amaariiffaa qofaan kan eegalame ta'ulleen, itti fufiinsaan afaanoota biyyattii gara biraatiin qopheessuuf yaada qabaachuu himte jirti.