Israa'el haleellaa dhufuu maluuf jecha lafa jalatti hospitaala qopheeffatte

Israa'el lafa jalatti hospitaala qopheessaa jirti

Madda suuraa, Reuters

Israa'eliifi Hezboollaan erga yeroo dheeraaf wal gaarreffachaa turanii kaleessa akka haaraatti walitti dhukaasuu jalqabaniiru.

Garuu Iraan kallattumaan Israa'el irratti haleellaa banuuf qophaa'aa jirti sodaa jedhuun Israa'el qophii barbaachisu gochaa jirti.

Hogganaan Hamaas Ismaa'el Haaniyaa Teeraanitti ajjeefamuu hordofee Iraanii fi Hezboollaan Israa'el irratti waraana banuuf dhaadataaa turan.

Magaalaa Israa'el gara Kaabaa jirtu Haayifaa keessatti, hospitaala guddaan tokko lafa jalatti ijaaramee jira.

keenyan isaa dhagaa jajjaboo irraa ijaarame. Sireen dhukkubsataan irra ciisu dhibbaan lakkaa'aman qophaa'anii jiru.

Kutaa dahumsaa, tajaajila baqaqsanii yaaluu kan of keessaa qabu yoo tahu, manni qorichaas achuma keessa jira.

Haa tahu malee, dhukkubsataan yaalaaf achi galeeru hin jiru.

Waraana Israa'elii fi Hezboollaa bara 2006 hordofee Gidduugalli Medikaalaa Raambaam jedhamu lafa qochiisuun hospitaala kana lafa jalatti ijaarsise.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kana dura bakka dhaabbii konkolaataa hedduu qabachuu danda'u tahuun tajaajilaa ture.

Garuu guyyaa sadii keessatti qofa gara hospitaalaatti jijjiiramuu danda'a.

Erga Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 Israa'el haleelee as bakki kun bifa hospitaala tahuu danda'uun qophaa'ee taa'eera.

Gidduugalli kun siree ciisichaa 2,000 ol qaba.

Yoo tarii haleellaan Israa'el irratti kan raawwatu tahe hospitaalotaa fi gidduugala yaalii adda addaa isatti dhiyoo jiran keessa dhukkubsattoota ciisuun yaalamaa jiran ofitti fudhata.

Kanneen haleellaa banamuu maluun madaa'an yaaluufis bakki asuma keessaa qophaa'e jira.

Ajjeechaa gaggeessaa Hamaas, Ismaa'il Haaniyaa fi ajajaa waraanaa Hezboollaa Fu'aad Shukir ajjeefamuu hordofee Israa'el irratti haleellaan banamuu danda'a yaaddoon jedhu dabalaa dhufeera.

Haayifaa irratti haleellaan kan banamu yoo tahe yaalii barbaachisu kennuuf hakiimonni qophii tahuu himameera.

Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden yaaddoo naannoo Baha Gidduugaleessatti waraanni ka'a jedhuun gaggeesitoota humna waraanaa waliin marii gaggeessaniiru.

Neetanyaahuun yoo Iraanii fi Hezboollaan waraana nurratti banu tahe ''gatii baasu'' jedhaniiru.

Hamaas bakka hogganaa isaa ajjeefamee, Yaayyaa Sinwaar hogganaa garichaa gochuun muude.