Gaaddidduu waraanaa jala kan jirtu Libaanos keessatti lammiileen Itoophiyaa haala akkamii keessa jiru?

Madda suuraa, Reuters
Biyyoota Baha Giddugaleessaa keessatti dhiphinni hammaachuun walqabatee biyyoonni addunyaa hedduun lammiileensaanii Libaanus keessaa akka ba'an ajajaniiru.
Ajjeechaa qondaala siyaasaa Hamaas Ismaa'il Haniyaa hordofee Iraan Israa'eliin ''adabbii cimaatu ishee eeggata,'' jechuun akeekkachiifte.
Oduun ajjeefamuu Ismaa'il Haniyyaa dhagahamuu dura ajajaa olaanaan Hezboollaa Fu'aad Shukir, haleellaa Israa'el magaalaa guddoo Libaanus- Beeruut irratti raawwatteen ajjeefame.
Haleellaan itti fufiinsaan qondaalota Hezboollaa irratti raawwatamu; haleellaa Hezboollaan daangaa Israa'el keessatti raawwateen namoonni ajjeefamuu fi atakaaroon Iraan fi Israa'el gidduutti hammaate waraanni haaraan ni eegalama sodaa jedhu uumeera.
Keessattuu quubsuma Hezboollaa kan taate Libaanus guutummaatti waraanatti seenti jedhamee sodaatama.
Lammiileen Itoophiyaa hedduun kan keessa jiraatan Libaanus/Beeruut keessaa lammiileensaanii akka ba'an US, UK, Awustiraaliyaa, Faransaay, Kanaadaa, Kooriyaa Kibbaa, Sa'uud Arabiyaa, Jappaan, Tarkii, Yordaanus fi biyyoonni kaan akeekkachiisaniiru.
''Lammiileen biyyoota biraa yoo ba'an keenya ammoo seenaa turan''
Lammiin Itoophiyaa magaalaa guddoo Libaanus- Beeruut jiraattu Tsigeredaa Birhaanuu namoonni kibba Libaanus keessa jiraatan kanneen bakka biraa jiraatan caalaa ''sodaadhaan dhiphatanii jiraataa jiru,''' jette.
Dhihoo kana Hezboollaan kutaa bulchiinsa Israa'el jala jiru- Goolan Haayit (Golan Heights) jedhamu irratti haleellaa raawwachuun namoonni ajjeesuu Israa'el himatte.
Akka Israa'el jettutti kanneen ajjeefaman daa'imman fi oladeemtota.
Naannawa sanatti guyyuu walitti dhukaasuun ni jira, kun ammoo waraana guutuutti seensisa sodaa jedhu uumeera.
Dhiphinni kibba Libaanus tibbuma waraanni Gaazaa eegalu waliin eegale jetti Tsigeredaan.
''Naannawa sanarraa namoonni kuma 90 ta'an buqqa'aniiru. Lammiileen Itoophiyaas keessa jiru. Namoonni hamoo ta'an tokko tokko wayita manasaanii gadhiisanii baqatan hojjettootasaaniitti cufanii deemaniiru,'' jette.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii akka jedhutti haleellaa daangaawwan irratti mudataa jiruun Libaanus keessaa namoonni kuma 90 ta'an buqqaafamaniiru.
Namoonni nagaa 100 ta'an fi loltoonni Hezboollaa 366 ammoo haleellaa Israa'eliin ajjeefamaniiru jedhe UN.
Akka aanga'oonni mootummaa Israa'el jedhanitti ammoo haleellaa Hezboollaan raawwateen namoonni kuma 60 ta'an qe'eerraa buqqa'aniiru, lammiilee Israa'el 10 dabalatee namoonni 33 du'aniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tsigeredaan haala amma Libaanus keessa jiru wayita ibsitu ''lammiileen biyyoota kaanii wayita ba'an keenya [lammiileen Itoophiyaa] garuu seenaa jiru. Kun waan ta'uu hin qabnedha,'' jette.
''Nuti warra biyya kana waggaa dheeraaf jiraatettis wanti nutti himame hin jiru. Yoo waa mudate jedhameellee iddoon qubannaa wayii nuuf hin qophoofne,'' jette Tsigeredaan.
Karaa ittiin naannawa keessa jiran keessaa ba'an fi akeekkachiisa dursee kennamu ilaalchisee imabsii Itoophiyaarraa wanti dhagahan akka hin jirre dubbatte.
''Namuu bakka jirutti sodaadhaan jiraata. Dhohiinsa yoo dhageenyu maaltu mudate? maaltu dhalate? jechaa sodaa fi rifaatuu keessa jiraanna,'' jette jiraattuun Beeruut kun.
Hezboollaa fi Israa'el fuulaa fi fuulatti kan wal waraanan bara 2006 ture, amma ammoo haleellaan dhoksaadhaan walirratti raawwataa turan gara waraana guutuutti geeddaramuuf jedha.
Lammiin Itoophiyaa Beeruut jiraattu Tsiggee Birhaanuu jaarmiyaa tola ooltummaa lammiilee Itoophiyaan hundaa'e-Jiruu baqaa keessatti nuti nuyiif yookiin afaan Amaaraan Inyaa Lenyaa Besiddet jedhamutti itti aantuu hooggantuudha.
Lammiilee Itoophiyaa haala rakkisaa keessa jiraniif da'oo ta'uuf jaarmiyaan kun hojii eegalu ibsite.
Lammiileen Itoophiyaa Libaanus gadhiisanii ba'aa jiraachuu irratti kan gaafanne Tsiggee Birhaanuu ''hojii harkaa qabna, ammuma battala tokkoon ka'anii deemuu hin danda'an. Garuu deemuu osoo barbaadanii kan dadhabanii hafan jiru. Kan himata ofirraa qaban jiru. Gariin waraqaa hin qaban. Gatii tikeetii dhabuu danda'u. Yoo gatii tikeetii qabaatanillee Beeruut sodaachifteetti jedhanii ka'anii deemuu hin da'an,'' jetti.
''Intalli kiyya 'halkan dhukaasi jiraa?' jettee na gaafatti''
Lammiin Itoophiyaa kibba Libaanus jiraattu kan biraa Tizzitaa Laggase wayita rookeetonni hedduun deddeebi'anii dhukaafaman manni isaanii akka raafamuu fi kanaanis yeroo hunda naasuudhaan akka jiraatan BBCtti himte.
''An daa'ima dubaraan qaba. Dhukaasi rookeetii osoo hin eegamin waan mudatuuf naasuudhaan waan goonu wallaalla,'' jette.
Intallishee yeroo jalqabaaf sagalee rookeetii kan dhageesse mana barumsaatti ta'uu kan himtu Tizzitaan, ''hiriyoonni ishee wayita olii fi gadi fiigan isheen naasuudhaan dhaabattee ilaalaa turte. Mana galtee garuu akka malee boosse,'' jechuun haala ture ibsite.
Daa'imi ishee kun ergasii ''halkan dhukaasi ni jiraataa?'' jettee akka gaafattuu fi isheenis daa'imashee dhiphisuurra ''hin jiru'' jettee akka deebistuuf himte.
Yeroo ammaa waraanni akka hin kaane sodaa keessa jiraachuu himte Tizzitaan.












