Hogganaa olaanaan Hamaas Iraan keessatti ajjeefaman

Madda suuraa, Reuters
Hogganaa olaanaan Hamaas Ismaa'il Haaniyee Iraan keessatti ajjeefamuu garichi hime.
Ibsa Roobii ganama baheen Ismaa'il Haaniyee oppireeshinii Israa'el gaggeessiteen mana jireenyaa isaanii Iraan magaalaa Teeraan jiru keessaatti ajjeefaman.
Akka gareen kun jedhutti Haaniyeen sirna kakuu galuu pirezidaantii haaraa Iraan Masuud Peezeshkiyaan irratti Kibxata kaleessaa erga hirmaatanii ajjeefaman.
Hanga ammaatti qaamni itti gaafatamummaa isaa fudhate hin jiru. Humni Eegumsa warraaqsaa Iraan ''taateen'' kun akkamiin akka raawwate ammatti ifa miti, garuu ''qoratamuu jalqabeera'' jedhe.
Gareen Haamaas akka jedhutti Ismaa'il Haaniyee ''opiireeshinii dhoksaa warri Zaayinist gaggeessaniin'' ajjeefaman.
Xumura bara 1980 keessaa jalqabee Ismaa'il Haaniyee miseensa garee Hamaas tahuun hojjechaa turan.
Israa'el waggoota sadii tahaniif Ismaa'il Haaniyee erga hiiteen booda gadhiiste. Kunis fincila Filisxeemotaa jalqabaa irratti isa to'achuun ture.
Hoggantoota Hmaas biroo waliin gar alafa namni biraa hin jiraanne Israa'elii fi Libaanos gidduutti geeffame.
Bara 2006 yeroo Hamaas filannoo Filisxeem irratti taa'umsa caalmaa argate pirezidaanti Mahaammud Abbaas, ministira muummee gochuun isa muudan.
Haa tahu malee, gareen isaa Hamaas paartii Abbaas biyyicha bulchaa ture Faataa Gaazaa keessatti aangoo irraa fonqolchinaan erga waggaa tokko hojjetanii booda aangoo irraa ka'an.
Haa tahu malee aangoo irraa kaafamuu isaa ''heeraan ala'' jechuun mormee ture.
''Mootummaan isaa aangoo irra jiru itti gaafatama uummanni Filisxeem itti kenne bahachuu hin dhiisne'' jechuun falmaa ture.
Kanumaan Gaazaa bulchuu itti fufee ture.
Bara 2017 itti gaafaatmaa damee siyaasaa Hamaas tahuun filame.
Bara 2018 Ministeerri Dhimma Alaa US, Haaniyee shororkeessaa jechuun galmmeesse.
Waggoota dheeraa darban Kaataar [Qaatar] keessa jiraachaa ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ismaa'el maqaa masoo Abu al-Abiid jedhamuun beekama. Innis gaggeessaa siyaasaa olaanaa Hamaas keessaa tokkodha.
Mana hidhaa Israa'el daangaa Israaeelii fi Libaanositti argamu bakka namni hin jiraanne keessatti haala rakkisaa keessatti dabarseera.
Erga mana hidhaatii bahee Gaazaatti deebi'uun biiroo gaggeessaa hafuuraa Hamaas kan ta'e Sheek Ahimad Yaasinitti gaggeessaa ta'ee muudame.
Gaggeessummaafi dandeettinsaa cimaa deemnan Ministeera Muummee ta'ee filatamuurra gahe.
Walitti bu'iinsa torbee tokkoof Hamaasiif Faataa gidduutti gaggeeffameen al-Qasiim Birgeedirraa namoonni heddu du'anii booda bakka bu'oota paartii Pirezidaant Mohaammad Abbaas- paartii Faataa- Gaazadhaa waan ar'ieef, Mohaammad Abbaas ammoo aangoo Ministeerra Muummerraa Ismaa'el Haniyyaa hari'an.
Yeroo ari'amu sana reefu waggaa tokkoof Ministeera Muummee ta'ee tajaajila ture.
Boodarra ammoo Faataa wajjin araara buusuuf yaalii garaa garaa gochaa ture.
Bara 2017'tti gaggeessaa biiroo siyaasaa Hamaas ta'ee kan muudame yoo ta'u, waggaa itti aanu ammoo Ameerikaan shororkeessaa addunyaa jechuun galmeessite.












