Riyaal Maadirid v Maan Siitii- Maanchistar Siitiin haloo bahuuf qophiidhaa?

Taphattoota Maan Siitii

Madda suuraa, Getty Images

Peep gaardiyoolaan Maanchistar Siitiin Riyaal maadiridiin haloo bahuu yaaduun ''dogogora guddaa taha’’ jedhan.

Maan Siitiin bara darbe yeroo akkasiitti waliigalaan galchii 5 fi 3’n Riyaal Maadirid osoo dursaa jiruu, Maadirid duubaa ka’ee mo’ate.

Leenjisaan Maan Siitii Gaardiyoolaan Shaampiyoonsi Liigii mo’achuun kan beekamu Riyaal Maadiridiin tapha deebii irrattis mo’achuun waancaa harkaan gahachuu akka danda’an garee isaaniitti himaa turan.

'‘Nuyi haloo bahuuf as hin jirru, carraa argannetti fayyadamuuf malee,’’ jedhan Gaardiyoolaan.

''Waanti kana dura mudate, takkaa tahee darbeera. Waa’ee Sanaa yaaduun dogogora guddaa taha. Waan bara darbee irraa kan baranne yoo jiraate haloo bahuuf deemuu dhiisuudha.

Isa darbe irraa barachuudha, qabxii gaarii argachuu,gahumsa gaarii agarsiisuufi taphicha Maanchisteriif banaa gochuudha.’’

Bara darbe dirree isaanii irratti 4 fi 3’n mo’achuun Bernaaboo irratti galchii Riyaad Maarez lakkoofsiseen, ammas dursuu itti fufan.

Garuu galchii Roodiriigoon jijjiiramee galee lakkoofsise lamaan sa’a dabalataatti akka ce’an isaan dirqisiise.

Daqiiqaa 95ffaa irratti Kaarim Beenzeemaan rukuttaa peenaaliitiidhaan galchii injifannoo lakkoofsise.

''Ani muuxannoo darbe akka gaariittis akka hamaattis nama haasa’uu jaalatu miti. Dhugaadha, ammas leenjisaa wal fakkaataatu jira. Gama lamaaniinuu 80% taphattootuma duraan turantu ammas jira. Kun tapha addaati.’’

"Dirree keenya irratti tapha addaa taphanne. Maadirid irratti ammo tapha addaa jedhamuu baatus tapha gaarii taphanne. Xumuraaf dhaqabuuf waan dandeenyu hundaa gooneerra. Garuu kubbi miilaa akkasi.’’

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waggaa darbe dirree irratti 3 fi 1’n mo’ame irratti bara kana Maan Siitiin seenaa jijjiiruuf har’a taphata.

Bara darbe Liiverpuuliin mo’achuun waancaa Shaampiyoonsi Liigii kan mo’ate Riyaal Maadirid, bara kana ammo waancaaf darbuuf tapha deebii Maanchistar irratti taphata.

Garaagarummaan isaa bara kana taphni deebii fi murteessaan dirree Maan Siitii irratti tahuu isaati.

Riyaal Maadirid waancaa Laaligaa waan dhaban fakkaatu. Waancaa Kooppaa Del Rey Osaasunaa mo’achuun fudhataniiru..

Waggaa kudhan keessatti yeroo jahaaf shaampiyoonaa tahuuf xiyyeeffannoo isaanii guutuu gara Shaampiyoonsi Liigiitti deebisuu danda’u.

Gaardiyoolaan bara darbe Maadiriditti mo’amuun waan ‘’ulfaatu’’ ture jedhan. Garuu galma keenya gahuuf bara kana waan hundaa goona jedhaniiru.

Maanchister Siitiin waancaa FA Cup Maanchistar Yuunaayitid waliin xumuraaf gaheera.

Piriimer Liigii dursaa jira. Shaampiyoonsi Liigii Riyaal Maadirid mo’annaan xumuraaf gaha.

Maan Siitiin bara kana carraa waancaa sadii injifachuu qaba. Kun erga bara 1999 Maanchistar Yuunaayitid waancaa sadan injifatee isa jalqabaa tahuu danda’a.

Maan Siitiin bara 2021 xumuraaf dhaqabee Cheelsiidhaan mo’amee waancicha dhabe. ‘’Guyyaa tokko ni mo’anna, xumuraafis ni geenya ni mo’annas, bara kana kanaatti jirra,’’ jedhan Gaardiyoolaan.

Tapahataan sarara gidduu Maan Siitii Roodiriin waan darbe irraa baranneerra jedhee garuu waayillan isaa ‘’ haloo bahachuuf’’ qophii tahuu hime.

Naataan Akeen miidhama salphaa isa mudateen shaakala hin hojjenne. Luukaa Moodirich miidhamarraa bayyaannachuun tapha kanaaf ni gaha.

Erliingi Haalaandi taphoota 46 taphatee galchiwwan 51 Maan Siitiif lakkoofsiseera. Shaampiyoonsi Liigiidhaan taphoota saddet irratti galchiiwwan 12 lakkoofsiseera.