Amma waancaan harka keenya keessa- Gaardiyoolaa

Leenjisaa Maan Siitii, Peep Gaardiyoolaa

Madda suuraa, Getty Images

Tapha Piriimer Liigii murteessaa ta'eefi baayyee eegamaa ture Roobii Ebla 26, 2023 Liigicha dursaa kan jiru Arsenaaliifi lamaffaara kan jiru Maanchester Siitii gidduutti gaggeeffameera.

Maanchester Siitiin dirree ofiisaa Ittaad irratti simatee Arsenaaliin 4-1 adbaeera.

Amma Maanchester Siitiin taphni lama osoo isa hafuu qabxii 73 qabatee lamaffaarra jira. Arsenaal ammoo qabxii 75 qaba.

Arsenaal taphoota 33 taphatee Maanchester Siitiin taphoota 31 taphate.

Leenjisaan Maanchester Siitii Peep Gaardiyoolaa erga kilabiin isaa Arsenaaliin haala amansiisaa ta'een mo'ateen booda waancaan Piriimer Liigii harka keenya keessa jira jedhe.

Peep Gaardiyoolaan gareen isaa "Yeroo mo'achuun alatti filannoo biraa hin qabnetti," garee mo'achuu danda'u ta'uu isaa mirkaneesseera jedhe.

Arsenaal ammallee Piriimer Liigii dursaa jiraatullee Maanchester Siitiin taphni lama osoo hafee jiruu garaa garummaa qabxii lamaan dursaa jira.

"qalbiifi xiyyeeffannoodhaan deemuu qabna. Amma [waancaan] harka keenya keessa jira," jedhe Gaardiyoolaan olaantummaa Arsenaal irratti agarsiisaniin booda dubbii dubbataniin.

“Taphoonni itti aanan sadii waanta gochuudhaaf yaadne milkeessuudhaaf akka dandeenyu murteessu. Ammatti garuu Arsenaaliin durfamneema jirra. Salphaa hin ta'u garuu tokko tokkoon, tapha taphaan maaltu akka ta'u ilaalla. Yeroo harka keenya ta'utti carraa kana fayyadamuu qabna," jedhe leenjisaan Maanchester Siitii Gaardiyoolaan.

Maanchester Siitiin Dilbata gara Fuulham deemee kan taphatu yoo ta'u, isaan booda ammoo dirree ofiirratti West Haamfii Liidiisn simatee waliin taphata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Troban afur dura garaagarummaa qabxii Arsenaal Maanchester Siitii waliin qabu 8 tyre.

Arsenaal osoo Roobii Maanchester Siitii waliin hin taphatiin dura taphootoa sadii walittii aansuun jechuunis Liiverpuul, West Haaam fi Saawozhaampitan aliin walqixa bahuun qabxii sadarkaa isaa eeggatee waancaa mo'achuu danda'u of jalaa dhiphiseera.

Arsenaal Maanchester Siitiin mo'amuun isaa ammoo carraa waancaa Piriimer Liigii bara kanaa mo'achuudhaaf qabu baayyee xiqqaateera.

Maacnhester Siitiin Piriimer Liigiin alatti carraa waancaa biroo argachuu ni qaba.

Shaampiyoons Liigii Awurooppaatiin nuusa xumraa irra kan gahe yoo ta'u, waancaa FA CUpf ammoo Maanchester Yunaayitid waliin taphachuuf xumurarra gaheera.

Leenjisaa duraanii Baarseloonaafi Baayer Muniik kan ta'e Peep Gaardiyoolaan miseensonni garee isaa tokkoo tokkoo ta[haa akka mo'achuu danda'anitti amananii dirree seenaa akka jiran dubbate.

"Mo'achuun alatti carraa biraa akka hin qabne yaadanii gara dirreettiseenuun qophii sammuu qabaachuuf gargaara. Taphattoonni mo'achudhaaf dirree akka seenan qabatamaan agarsiisaniiru," jedhe.

Tapha Roobii Arsenaal waliin taphateen gooliiwwan lama lakkoofsisuun taphicha irratti Maanchester Siitiif goota ta'uu kanmirkaneesse Kaavid De Biruuneen kilabni isaa carraa waancaa mo'achuu akka qabu himuun ijaafi qalbii isaanii kanarraa kaasuu akka hin qabnellee himeera.