Kilabni kubbaa miilaa Shaashamannee waggaa 15 booda piriimerliigiitti deebi'e

Madda suuraa, Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii magaala Shaashamannee
Dorgommii Liigii Olaanaa Itoophiyaa keessatti hirmaachaa kan jiru kilabni kubbaa miilaa magaala Shaashamannee gara Pirimerliigii Itoophiyaatti darbuusaa mirkaneeffateera.
Liigii Olaanaa Itoophiyaa ramaddii B keessatti sadarkaa lammaffaarra kan ture kilabni magaala Finfinnee kaleessa Ebla 24/2015 garee kubbaa miilaa magaala Boddittiin galchii 2 fi 1n injifatamuunsaa gareen kubbaa miilaa magaala Shaashamannee taphootni afur osoo isa hafanuu gara Pirimerliigii Itoophiyaatti guddachuusaa akka mirkaneeffatu taasiseera.
Kilabichi turtii waggoota 15 booda gara dorgommii Pirimerliigii Itoophiyaatti deebi’uu isaatin deeggartootni kilabichaa miidiyaalee hawaasaa dabalatee kallattii garagaraan gammachuu isaanii ibsachaa jiru.
“Pirimerliigii Itoophiyaa keessatti dorgomaa cimaa ni taana” kan jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Magaala Shaashamannee Obbo Baldaa Galatoo, kilabni magaala Shaashamannee dorgommii Pirimerliigii Itoophiyaa bara 2016n hirmaachuu qofa osoo hintaanee waancaaf dabalatee sadarkaa ijoof akka taphatu BBC'tti himaniiru.
Bara injifannoo
Magaalli Shaashamannee magaalota gurguddoo biyyattii keessaa tokko ta’uu kan himan Obbo Baldaa gama kubbaa miilaan bu’aan sadarkaa deeggarsa fi hawwii ummatichaa gitu osoo hin dhufin turuu himu.
“Bara kana sirriitti teenyee mari’anne. Kilaba kana ‘reform’ yaa goonu kan jedhurratti waliigalle. Kanaaf immoo garee leenjistootaa bifa haaraan hundeessine. Lenjistoota haalan ogummaa qaban gurmeessine” jedhan.
Haaluma kilabichi dorgommiiwwan sadarkaa naannoo Oromiyaa jiran kan akka ‘Ali Bira Cup’ irratti hirmaachuun waancaa kaasuu himan.
Liigii Olaanaa Itoophiyaatti ramaddii B keessatti kan argamu kilabichi gahumsa olaanaan dorgomicha dursaa turuu himan.
Kilaboonni Liigii Olaanaa Itoophiyaa keessatti hirmaatan tokkon tokkoon isaanii marsaa lamaan taphoota 26 taphatu.
Haaluma kanaan hanga har’aatti taphoota 22 kan taphate kilabni kubbaa miilaa magaala Shaashamannee qabxiiwwan 47 sassaabbachuun sadarkaa tokkoffaarratti argama.
Guyyaa har’aas sa’aa 10:00 irratti achuma ramaddii B keessatti qabxii 34n sadarkaa 6ffaa irratti kan argamu kilaba magaala Naqamtee walin magaala Hawaasaatti morkata.
Hundeeffamaa fi bu’aa bahii
Bara 1993 kan hundeeffame kilabni kun dorgommiiwwan sadarkaa naannoo fi biyyaalessaa jiran irratti hirmaachaa tureera.
“Liigiiwwan Oromiyaa irraa eegalee dorgommiilee adda addaa, bu’aa bayii keessa darbeera” jedhu Obbo Baldaa Galatoo.
Sadarkaa olaanaan kilabichi keessa tures bara 1999 ALI dorgommii Pirimerliigii Itoophiyaaf kan itti darbe ture.
Haa ta’u malee, turtiisaa dorgommii Pirimerliigii Itoophiyaa waggaa tokko caalaa tursiisuu waan hin dandeenyeef kilabichi duubatti deebi’e.
Irra deebiin gara dorgomichaatti deebi’uufis waggoota 15 itti fudhateera.
Kilabni magaala Shaashamannee bajata ka’umsaa mana qopheessaa magaalichaarraa ramadamuun kan sochu ta’uu kan himan Obbo Baldaan, deeggarsa kallattii adda addaan argatuun kan bulu ta’uusaa himan.
Kunneen keessaayis waldaa deeggartootaa, abbootii qabeenyaa, uummataan akkasumas ispoonsarootaan kan deeggaramu ta’uu himan.
Karoora egeeree
Kilabni magaala Shaashamannee taateen bara 1999 akka irra hin deebineef, “Kilaboonni bara darbe seenanii (gara pirimerliigii) bara kana immoo bu’uudhaaf fiixeerra gahan jiru. Kanarraa barachuu qabna” jedhan.
“Kanaafis Pirimerliigii keessatti kilaba dorgomaa cimaa taasisuuf akkasumas immoo Shaashamanneen seenaa kubbaa miilaa biyya kanaa jijjiiruu keessatti akka gumaachituuf hojjenna” jedhan.
“Ijoollee milli isaanii Yuuroo fi Doolaara fiduu danda’u baay’ee horachuu akka dandeenyu hawwis mul’atas qabna” kan jedhan Obbo Baldaan guddattoota irratti hojjechuufis mul’ata akka qaban himaniiru.















