Liyoonel Mesiin Sa'ud Arabiyaa deemuu isaatiif kilabnisaa PSG'n isa dabe

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan beekamaa addunyaa Liyoonel Mesii kilabaa isaa yeroo ammaa taphataafii jiru Paariis Seent Jarmeen (PSG)niin adabbiin torban lamaa itti murame.
Sababiin adabamuu isaa ammoo Mesiin osoo Kilaba isaa hin hayyamsiisiin Sa'ud Arabiyaa deemuu isaati.
Adabbiin kun taphataa collee Arjentiinaa kanarra torban lamaaf kan turu yoo ta'u, turtii isaa kanaan taphaafi shaakala PSG kamiyyu keessaa ala ta'a jechuudha.
Mesiin gara Sa'ud Arabiyaa kan deeme kilaba isaa hayyama gaafatee erga dhorkameen boodadha.
Kun kan ta'e ammoo Dilbata erga PSG'n dirreesaarratti Looriyeentiin 3-1n mo'ameen boodadha.
Tapha kanaan Mesiin daqiiqaa 90 guutuu hiriiree taphatee ture.
Taphataan yeroo ammaa umuriin isaa waggaa 35 ta'e Mesiin, gara Sa'ud Arabiyaa kan deemeef ambaasaaddara turiizimii Sa'udii waan ta'eef dhimma hojii waliin walqabatedha.
Ministirri Turiizimii Ahimad Alkaatib fuula Tiwiitara isaarratti Mesiin, "Gara biyya keessummaa simattu Sa'ud Arabiyaatti baga nagaan dhufte jedhee yeroon simadhu gammachuu guddatu natti dhaga'ama," jechuun barreesse.
Waancaa Addunyaa Qaataar garee biyyaalessaa biyya isaa waliin dhiyeenya kan mo'ate Mesiin, kilaba isaa PSG waliin waliigalteen waggaa lamaa qabu ganna dhufu kana dhuma.
Pirezidantiin itti-aanaa Baarseloonaa Raafaa'el Yustee kanaan dura akka jedhetti, kilabni isaa Mesii gara kilaba isaa duraaniitti deebisuudhaaf marii jalqabeera.
Mesiin ijoollummaa isaarraa kaasee Baarseloonaa keessatti guddachuun seenaafi milkaa'ina hedduu Baarseloonaa waliin dabarseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mesiin turtii isaa PSG keessatti taphawwan 71 taphatee gooliiwwan 31 lakkoofsisuun 34 ammoo kubbaa goolii taatu mijeessee kenneera.
Kilaba kana waliin takkaa waancaa kaasuus danda'eera. Kun ammoo bara dorgommii darbe keessadha.
Mesiin adabbii itti murame kanaan taphoota PSGn Dilbata dhufuufi Sambata achi aanutti taasisu irratti hin hirmaatu.
Gabaasaan BBC Sport Saayiman Istoon akka jedhetti, Mesiin osoo hayyama hin argatiin gara Sa'u Arabiyaatti deemuu isaatiif turtii inni PSG waliin qabu xumuramuu isaa waan akeeku qaba jedhamaa jira.
Mesiin adaba irra kaa'ame yeroo xumurutti PSG'n tapha liigii Firaans keessatti hafu sadii qofaa ta'a.
PSGn goota Waancaa Addunyaa kan ta'e Mesii haala kanaan adabuun isaa waan addaa akka ta'etti hin ilaalu jedhe Saayiman.
"Akka sammuu isaaniitti yaadanitti hojjetaa waan hin malle raawwateera jedhan adabbii sirriidha jedhan kennaniiru."
Haata'u malee, gochi isaanii kun karooraafi abjuu kilabichaa gara fuula duraa kan agarsiisudha jeedha xiinxalaan kubbaa miilaa Saayiman.
Kun ammoo PSGn kilaba dargaggootaan ijaaramudha jedhamu shakkisiisaa akka hin taane agarsiistuudha.
Saayiman akka jedhutti, deeggartoota PSG illeen kanaan booda Mesii hin barbaadan. Kontiraanni inni qabus akka hin haaromsanneef dhimma mirkanaa'edha.












