Jijjiirraa taphattootaa ilaalchise maaltu odeeffamaa jira?

Madda suuraa, Getty Images
Tapahataa sarara ittisaa Maanchestar Siiti kan ta'e Kaayil Wookar kilabichuma keessa turuun fedha jedhe.
Bara kana tapha heddurratti hirmaachuu baatus Aston Viilafi kilabni Xaaliyaanii AC Miilan ijasaanii irra kaa'ataniiru barruun Star akka gabaasetti.
Niwu Kaasilfi Manchestar Siitin ammoo taphataa Cheelsii, ganna 24 kan ta'e Maason Maawunt mallatteesiisuuf dorgommiitti jiru.
Arsenaalis taphataa kana harkaan gahachuuf ammayyuu ijasaanii irraa hin fudhanne. Arsenaal milkaa'ee Maason mallatteessifannaan taphataa sarara gidduu kilaba Weest Haam kan ta'e Diklaan Raayis mallatteessisuu ni dhaaba jechuudha.
Kilabni Jarman Baayern Muunik ammoo taphataa jifataa bara kana Aston Viilattti milkaa'aa jiru Oolee Waatkins fudhachuuf fedhii horateera. Tootinhaam irraa Haari Keenitti milkaa'uu baannan Oolee Waatkins hin dhiisu jedhaa jira.
Arsenaal ammoo taphataasaa gameessa Giraanii Xhaakaa dabalatee Keeyiran Tiyeerniifi taphataa jifataa Folaarin Balogun nama isarraa bitu argannaan gabaaf dhiyeessuf jira kan jedhe Mirror dha.
Tootinhaamfi AC Miilan ammoo taphataa Niwu Kaasil Allan Seent Maaksimin harka keessa galfachuuf walirratti korataa jiru. Warri Niwu Kaasil garuu taphataa ganna 26 kun Yuuroo miliyeena 26 baasa jedhee jira.
Haarii Maaguweer ammoo ganna kana Maanchestar Yunaayitidii akka bahu godhama jedhamee sodaatamaafi jira.
Maaguweer dogoggora inni hojjatuun galchiin heddu Yunaayitid irratti akka galu gochuusaatin heddu komatamaa ture.
Gama biraan ammoo Arsenaal taphataa sarara ittisaa Wiiliyaam Saliibaa miidhamaan dhabuusaan waan rakkataa jiruuf nama bakkasaa bu'u taphataaa Kiritaal Paalas Maark Guehii bitachuuf fedhii akka qabu beekise jedhan oduun Express.
Kiristaal Paalaasif yeroo dheeraa jifataa ta'ee taphataa kan ture lammiin Ayivoori Koost Wilfireed Zaahan gara kilaba Faransaayi Maarsetti imaluunsaa waan hin oolledha jedhamee odeeffama.
Liivarpool ammoo ispporting Lisban irraa taphataa sarara gidduu lammii Yuruguwayi Maanu'el Ugarte Yuuroo miliyoona 53 fidhachuuf haasaa jalqabe.
Leeds, Tootinhaamfi Aston Viilan illee Maanu'el fudhachuuf fedhii qabu jedhame.












