Jaalalleewwan dhugaatii wayinii doolaara miiliyoona 1.7 baasu hatan hidhaa seenan

Madda suuraa, EUROPA PRESS NEWS
Injifattuun bareedinaa duraanii Meeksikoo fi jaalalleen ishee Ispeen keessatti qaruuraa dhugaatii wayiinii 45, kan doolaara miiliyoona 1.7 baasu hatuu isaaniif hidhaan waggaa afur irratti murtaa’e.
Kun kan mudate bara 2021’tti hoteela magaalaa Kaserees’tti argamu, kan jaalalleewwan kun keeessa bulaa turanittidha.
Sana booda jaalalleewwan kun baqatanii turanis ji’a sagal booda daangaa Kirooshiyaa - Montenegiroo irratti to’annoo jala oolfamanii Ispeenitti deebifamaniiru.
Qaruuraa wayiinii 45 hataman hundi deebi’anii hin argamne.
Manni murtii jaalalleewwan kanaan Tataniya fi Estaanislawoo maqaa jedhu qofaan ibsaa kan ture ta’us, miidiyaan Ispeen jaalalleewwan kun Pirisillaa Guvaaraa fi Konistaantin Dumiitru ta’uu isaanii ifa taasiseera.
Akka manni murtii jedhutti, Tataaniyaan, paaspoortii Iswiis sobaa fayyadamuun Onkololeessa 2021 irratti hoteela beekamaa Atriyoo keessatti kutaa qabatte.
Sana booda Estaanislawoon ishee bira dhufee waliin mana nyaataa hoteelicha keessatti nyaata qaalii ta’e nyaatanii booda, kutaa kuusaa dhugaatii wayinii daawwatani.
Ganama itti aanu Estaanislawoo bariin deebi’ee, furtuu hatame fayyadamuun kutaa kuusaa sana seenuun qaruuraa wayinii kunneen hateera.
Manni murtii akka jedhutti furtuu kana kan hatan, bakka simannaatti, Tatiyaanaan beekaa xiyyeeffannoo hojjettoota fudhachaa yommuu turtetti ta’uu mala.
Qaruuraa wayinii korojoo isaanii keessa dhokfamee ture keessaa tokko, wayinii jaarraa 19ffaa kan doolaara 310,000’tti tilmaamamu akka ture himameera.
Jaalalleewwan hanna kana raawwatan to'achuuf poolisiin idil addunyaa shakkamtoota adamsuu eegalee ture.
Yaaliin kuni Waxabajjii keessa yemmu jaalalleewwan kun gara Kirooshiyaatti darbuuf yaalan to’annoo jala oolfamuun xumurame.
Akka Gaazexaan El País jedhutti, jaalalleewwan kun saamicha ykn hanna kana raawwachuu isaanii dura, yoo xiqqaate si’a sadii mana nyaataa sana daawwataniiru.
Hiidhaa irratti murtaa’ee dabalataan jaalalleewwan kun, balleessaa qabeenyaa raawwataniif doolaara 750,000 akka inshuuraansiif kaffalaniif ajajamaniiru.
Murteen irratti murtaa’ee kun isa dhumaa miti, jaalalleewwan kun carraa deebi’anii ol iyyachuu qabu.












